Irra Deebii Mana Barumsa Tajaajila Ti’ookraasii
Gaaffiiwwan kanaa gaditti jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Guraandhala 23, 2004 jalqabutti kan afaaniin irratti mar’iatamu dha. Daawwataan ol aanaa mana barumsichaa, barreeffamawwan gaaffiiwwan irra deebii torban Amajjii 5 hanga Guraandhala 23, 2004 irratti hundaa’udhaan daqiiqaa 30f irra deebicha gaggeessa. [Yaadachiisa: Gaaffiiwwan booda barreeffamni deebiin irratti argamu hin caqasamne taanaan, deebiiwwan argachuuf dhunfaatti qorannaa godhi.—Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa fuula. 36-7 ilaali.]
AMALAWWAN HAASAWAA
1. Barumsi kennamu dhaggeeffattootaaf ifa ta’uusaafi kan dhugumaan faayidaa argamsiisuuf ta’uusaa mirkaneessuuf maal gochuu qabna? [be ful. 158 key. 2-4]
2. Jechoota keenya ofeeggannoodhaan filachuu kan qabnu maaliifi? [be ful. 160 key. 1 fi saanduqa lammaffaa]
3. 1 Qorontos 14:9 haasaa gaariin kan akkamii ta’uu akka qabu ibsa? Ulaagaa kana barumsa dhiheessinuun hojiirra oolchuu kan dandeenyuhoo akkamitti? [be ful. 161 key. 1-4]
4. Akka Maatewos 5:3-12 fi Maarqos 10:17-21 keessatti argamutti, akkaataa barsiisa Yesusirraa amala hordofuu dandeenyu isa kamtu ifatti mul’ata? [be ful. 162 key. 4]
5. Tajaajilarratti ykn yeroo gumiirratti yaada laannu, jechoota jabinaafi dhageettii mul’isan akkasumas ifa ta’anitti fayyadamuuf carraaquu kan qabnu maaliifi? (Mat. 23:37, 38) [be ful. 163 key. 3, 4]
HAASAWAA LAK. 1
6. Qabiyyeen haasawichaa maali? Kunoo haasawicha dhiheessuuf yeroo yaada barbaadnee walitti qindeessinu kan nugargaaru akkamitti? [be ful. 39 key. 6 hanga ful. 40 key. 1]
7. (a) Hafuuraan qulqulluu ta’uu jechuun maal jechuudha? Qulqullummaan hafuuraa qulqullina kaan caalaa baay’ee barbaachisaadha jechuu kan dandeenyu maaliifi? (b) Biyyi lafaa kun amalaan qulqulluu ta’uu dhiisuuf dhimma kan hin qabne ta’uyyuu, Kristiyaanonni haala kanarraa fagaachuu kan danda’an akkamitti? [w02 2/1 ful. 5-6]
8. Seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu keessatti argaman hunda keessaa, kamtu caala? [w02 2/15 ful. 5 key. 1, 4, 6]
9. Iddoo warra kaanii ofkaa’uu jechuun maal jechuudha? Yesus amala kana kan argisiise akkamitti? [w02 4/15 ful. 24-key. 4-ful. 25 key. 4-5]
10. Fakkeenya 11:11rra yaadni jiru saba Yihowaatiif hojiirra kan oolu akkamitti? [w02 5/15 ful. 27 key. 1-3]
DUBBISA MACAAFA QULQULLUU KAN TORBANII
11. “Mukti ija isaa nyaatanii jireenya namaaf kennu” fi Uumama 2:9irratti ibsame maal argisiisa?
12. Haati manaa Loox lubbuushee kan dhabde maaliifi? (Uma. 19:26) [w90 4/15 ful. 18 key. 10]
13. Raajii Uumama boqonnaa 24 keessatti, (a) Abrahaam, (b) Yisihaq, (c) Hojjetaa Abrahaam kan ta’e Eli’ezer, (d) Gaalota kurnan akkasumas, (e) Ribqaan eenyu iddoo bu’u?
14. Waaqayyo hiree Yaaqoobiifi Esaawuu murteessee turee? (Uma. 25:23)
15. Raahel carraaqqii garaadhaa madde isa Yihowaan eebbise gochuudhaan, fakkeenya gaarii kan taatu karaa kamiini? (Uma. 30:1-8) [w02 8/1 ful. 29-30]