Beeksisa
◼ Guraandhala: Raawwiin Mul’ataa Inni Guddaan Dhihaateera! Bitootessa: Beekumsa Jireenya Bara Baraatti Geessu. Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf carraaqqiin addaa ni godhama. Namoota barreeffamawwan kana qabaniif, kitaaba Raajii Daani’el Xiyyeeffannaadhaan Hordofi! jedhamu raabsuun ni danda’ama. Eblaafi Caamsaa: Qeenxee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! Namoota ayyaana yaadannoorratti ykn walga’iiwwan Ti’ookraasii kaanirratti argaman, garuu waan hundumaatiin jaarmiyaa Yihowaa wajjin kan hin tarkaanfanne dabalatee, warra fedhii qabaniif deddeebii gaaffii yeroo gootan, keessumaa kitaaba Tokkummaa Waaqeffannaa Waaqni Dhugaa Inni Tokkichi Argamsiise jedhamu raabsuurratti xiyyeeffadhaa. Keessumaammoo, namoota kanaan dura kitaaba Beekumsaafi brooshuura Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamu qayyabataniif, kitaaba kanaan qayyabannaa jalqabsiisuuf carraaqqiin godhamuu qaba.
◼ Sassaabaan ilaaltuu olaanaa ykn kan isaan bakka buufame, Bitootessa 1 ykn isa booda baay’ee utuu hin turin, herreega gumichaa ni qora. Kun godhamee, herreegni gumii itti aanu erga dubbifamee booda gumiif beeksisamuu qaba. Buusii gumichi hojii addunyaa maraatiifi sochii jaarmiychaa isa kamiifiyyuu godheef xalayaan galataa dhufe yoo jiraate dubbisi.
◼ Barreessaaniifi ilaaltuun olaanaa tajaajilaa, sochii qajeelchitoota yeroo hundaa ilaaluu qabu. Isaan keessaa sa’aatii irraa barbaadamu guutuu kan dadhabe yoo jiraate, jaarsoliin gargaarsa gochuufii qabu. Gargaarsa kennuuf xalayaa waggaa S-201 jedhamu ilaali.
◼ Haasaan sabaa addaa tibba Ayyaana Yaadannoo 2004 dhihaatu matadureensaa “Ija Jabeeyyiifi kan Yihowaatti Amanamtan Ta’aa” kan jedhu ta’a. Beeksisa knaan walfakkaatu Tajaajila Mootummaa Fulbaana 2003rraa ilaali.