LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 2/04 ful. 6
  • Xalayaa Qaama Bulchiinsaa Irraa Ergame

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Xalayaa Qaama Bulchiinsaa Irraa Ergame
  • Tajaajila Mootummaa—2004
Tajaajila Mootummaa—2004
km 2/04 ful. 6

Xalayaa Qaama Bulchiinsaa Irraa Ergame

Obboloota Jaalatamo:

“WAAQAYYO abbaan keenya gooftaan keenya Yesus Kristosis ayyaana, nagaas isiniif haa kennu! (1Qor. 1:3) Wantoonni hafuura baafatan hundinuu ulfina Waaqayyoof ta’u yeroo itti kennan arguudhaaf akkam hawwinaa! (Far. 150:6) Misraachoo Mootummaa Waaqayyoo labsuufi bartoota taasisuu keenya itti fufuudhaan guyyaa Yihowaa isa guddaa sana eegganna.

Hojii Yihowaan yeroo har’aatti lafa kanarratti raawwachaa jiru keessaa inni guddaan wangeela lallabuudha. (Mar. 13:10) Yihowaan hojii kanatti akka gammadu sirriitti waan beeknuuf, namoonni hundinuu qophii furii kanarraa fayyadamuuf carraa akka qaban hubachuudhaan, hojii kana raawwachuuf akka nu gargaaru isa kadhanna. (Mul. 14:​6, 7, 14, 15) Halliwwan rakkisaa ta’an akka nurra jiran beekamaadha; haata’u malee, tajaajila kana raawwachuuf ‘humna waaqarraa uffachuu’ keenyaan hangam galateeffannaa!​—Luq. 24:49.

Tajaajila waggaa darbe irra deebi’anii ilaaluufi wanta Yihowaan tajaajiltootasaa amanamootti fayyadamee raawwatee yaaduun kan nama gammachiisudha. Sabni Waaqayyoo humna hafuura qulqulluurraa argataniin jibba addunyaa maratti isaanirra ga’u mo’achuudhaan akkuma Kristos jaalala argisiisaniiru. Jaalalli akkasii kun walga’iiwwan koonyaa goone irratti mul’ateera. Waxabajjiidhaa hanga Muddee 2003⁠tti, obboloonni biyyoottan dhibbaa ol ta’an keessaa gara ardiiwwan ja’aa dhaquudhaan walga’iiwwan biyyoolessaa 32⁠rratti argamaniiru. Walga’iiwwan koonyaafi walga’iiwwan biyyoolessaarratti, Misiyoonota, tajaajiltoota yeroo guutuu addunyaa maraafi obboloota Beet’el, biyya alaatti tajaajilaniif gaaffiifi deebiin godhameera.

Walga’iiwwan kanarratti, barreeffamawwan akka: “Lafattii Gaarii Ilaalaa” fi Barsiisaa Guddicha Dhaggeeffachuu jedhaman arganneerra. Akkasumas, dhuma 2004⁠tti kitaabni Mana Barumsaa Tajaajila Qajeelchitootaa akka fooyya’ee ba’uuf karoorri qabamuunsaa beeksifameera. Yeroo yeroodhaanis qajeelchitoonni waggaa dheeraa tajaajilaniifi mana barumsaa kanaan dura godhamerratti hirmaatanis warra haaraa wajjin akka hirmaatan godhama.

Gargaarsa Waaqayyoofi arjooma obbolootaatiin Galmiwwan Mootummaa hedduun kessumaammoo biyyoottan hiyyeeyyii ta’anitti ijaaramaniiru. Fedhiin nyaata hafuuraa addunyaa maratti guddachaa waan jiruuf, biyyoottan baay’eetti dameewwan biiroo hedduun ijaaramaa jiru. Yeroo ammaatti brooshuurri, Barabaraaf Gammachuudhaan Lafarra Jiraadhu! jedhamu afaan 299fi baay’ina miiliyoona 139⁠tti; kitaabni, Beekumsa Jireenya Bara Baraatti Geessu, baay’ina miiliyoona 93 oliiniifi afaan 161 ta’uun; akkasumas brooshuurri Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamummoo baay’ina miiliyoona 200 oliifi afaan 267⁠tti maxxanfameera.

Waggaa tajaajilaa darbe of murteessuussaanii bishaaniin cuuphamuudhaan argisiisan obboloota 258,845 miira ho’aadhaan simanneerra! Mootummaa Waaqayyoo deggeruu keessaniin Seexanaan mormiin yoo isinirra ga’ellee, dorgommii isin fuuldura jiru obsaan fiiguun keessan, eebba Yihowaafi karaa hafuuraa eegumsa isiniif argamsiisa. (Ibr. 12:​1, 2; Mul. 12:17) Eeyyee, ‘inni isin eegu akka hin mugne’ mirkanaa’oo ta’aa.​—Far. 121:3.

Caqasni waggaa kan 2004, “Dammaqaa . . . qophaa’oo ta’aa” kan jedhu ta’uunsaa yeroo keenyaaf mijaa’aadha. (Mat. 24:42, 44) Sagaleen Waaqayyoo, Kristiyaanota sirna du’uuf dhidhiittachaa jiru kana keessatti argaman akka keessumootaatti ibsa. (1 Phe. 2:​11; 4:7) Kanaafuu, wantoota hafuuraarratti xiyyeeffachuu, jireenya keenya salphaa gochuufi eeggannoodhaan yaada garaa keenyaa qoruutu nurra jira. “Bineensi guddichi akka jawwee sun” sirna isaa kana keessatti makuudhaan nu liqimsuu barbaada.​—Mul. 12:9.

Dammaqinaan jiraachuuf guyyaa guyyaan Macaafa Qulqulluu dubbisuun barbaachisaadha. ‘Amanannaa keenya isa duraa hamma dhumaatti jabeessinee akka qabannuufi’ wanta “Eeyyee” ta’e Eeyyee jechuudhaan murtoo keenya akka raawwannu nugargaaruu danda’a. (Yaq. 5:​12; Ibr. 3:​14) Macaafa Qulqulluu guyyaa guyyaan dubbisuun keenya, addunyaan kun sadarkaa ejjennoo Waaqayyoo isa hin jijjiiramnerraa hangam akka fagaate akka yaadannu nu gargaara. (Mil. 3:6; 2 Xim. 3:​1, 13) Beekumsi Macaafa Qulqulluurraa argannu, ‘mammaaksa ogummaadhaan yaadameerraa’ akka fagaannuufi Yihowaaf amanamoo taanee akka jiraannu nu gargaara.​—2 Phe. 1:​16; 3:​11.

Warri, ijoollee keessan adabaafi barsiisa gooftaatiin yeroo guddiftan, karaa hafuuraa karoora akka baasaniifi akka ‘dammaqan’ gargaaraa jirtuu? (Efe. 6:4) Akkuma Yesus, isa namoota hanga har’aatti jiraatan keessaa ogeessa ta’uudhaan jireenyasaa isa gara fuulduraa ilaale wal fakkaatuun, jireenya fuulduraasaanii akka ilaalan leenjisaa jirtuu? Namoota hanga har’aatti jiraatan keessaa, Yesus muka sooftuu beekamaa, nama sammuunsaa waa uumuu danda’uufi, ogeessa fayyaa beekamaa ta’uu kan danda’u turellee, inni garuu kana gochuu mannaa tajaajila yeroo guutuu hordofeera. Fakkeenyisaa ijoolleen keessan jireenyasaanii keessatti fedhii Mootummichaatiif dursa akka kennan gargaaruuf kan isin kakaasu haa ta’u.

Nuyi warri Qaama Bulchiinsaa hojjetaa amanamaa bakka buune, ‘saba hundumaatti akka dhugaa ba’uuf wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti akka lallabamuuf’ itti gaafatama qabnu akka raawwannu nu gargaaruu isaaniitiif “tuuta sonaan baay’ee” guddaa galateeffanna. (Mul. 7:9; Mat. 24:14, 45) Isin obboloota jaalatamo, “Waaqayyo hojii keessanii fi isa jaallachuu keessan isa isin warra isaaf qulqullaa’an gargaartanii, ammas gargaaruutti jiraachuu keessaniin argisiiftan” akka yaadatu Yihowaan isiniif mirkaneesseera. (Ibr. 6:​10) Carraaqqii tokkummaadhaan gootaniin, bu’aawwan argamaniif muuxannoowwan nama dinqisiisan Kitaaba Waggaa 2004 irraa yeroo dubbistan, hojii dhugaa ba’uu addunyaa maratti godhamuuf hirmaannaa gochuu keessan ni hubattu.

‘Gatii keessan isa booddeerratti’ xiyyeeffachuu keessan itti fufuudhaan wanta gara fuulduraatti dhufu dura ija jabinaan dhaabachuu akka dandeessanitti namni ykn hafuurri xuraa’aan gatii keessan akka isin hin dhabsiisne of eeggadhaa. (Ibr. 11:26; Qol. 2:​18) Eeyyee, Yihowaan namoota isa jaallachuudhaan jireenya dhugaa hordofan akka gargaaru amantii qabaadhaa.​—Yoh. 6:​48-​54.

Ulfina Yihowaa jajachuuf isinii wajjin tajaajiluu keenyaan gammadoo akka taane isiniif mirkaneessuu barbaanna.

Obboloota keessan,

Qaama Bulchiinsaa Dhugaa Baatota Yihowaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi