Waan Qabnu Keessaa Isa Caalu Yihowaadhaaf Dhiheessuu
1 Seerri Yihowaa, Israa’elonni horiiwwan aarsaadhaaf dhiheessan “kan mudaa hin qabne” akka ta’an adda baasee beeksiseera. Horiin mudaa qabu isa biratti fudhatama hin qabu ture. (Lew. 22:18-20; Mil. 1:6-9) Kanamalees, yeroo aarsaan dhihaatu, moorriifi wanti filatamaa ta’e hundi Yihowaadhaaf dhihaata ture. (Lew. 3:14-16) Yihowaan abbaafi Gooftaasaanii isa guddaa waan ta’eef, wanti hunda caalu isaaf ta’a ture.
2 Akkuma bara durii, Waaqayyo, aarsaan keenya yeroo har’aatti dhiheessinus qulqulluu akka ta’u barbaada. Tajaajilli keenya Yihowaadhaaf ulfina kan fidu ta’uu qaba. Dhugaadha, haalli nama tokkoo kan isa kaaniirra garaagaradha. Haata’u malee, wanta qabnu keessaa isa caalu isaaf dhiheessaa akka jirru beekuuf, sababii ga’aa akka of qorru nugodhu qabna.—Efe. 5:10.
3 Tajaajila Garaa Guutuudhaan Dhihaatu: Tajaajilli keenya Yihowaaf ulfina kan fiduufi laphee warrakaanii kan tuqu akka ta’u yoo barbaadame, wanta dhaqnaa dhabaa hojjennu ta’uu hin qabu. Waa’ee Waaqa keenyaafi kaayyoosaa isa guddaa yeroo dubbannu, dinqisiifannaa garaadhaa madduun ta’uu qaba. (Far. 145:7) Kun, sagantaa gaarii baasuudhaan Macaafa Qulqulluu dubbisuufi qayyabachuun faayidaa maalii akka qabu ibsa.—Fak. 15:28.
4 Wanta hunda caalu Yihowaaf kennuun jaalala inni namootaaf qabu qabaachuu dabalata. (Efe. 5:1, 2) Jaalalli, hanga danda’ametti namoota hedduutti dhugaa jireenya namaaf argamsiisu himuuf yaalii akka goonu nukakaasa. (Mar. 6:34) Namoota ergaa kana itti himnuuf akka yaadnu, erga takkaa isaanitti himnee boodas waa’eesaanii akka yaadnuufi akka deebinee isaan gaafannu nukakaasa. Karaa hafuuraa akka guddatan gochuuf waan dandeenyu hunda akka goonu nukakaasa.—HoE. 20:24; 26:28, 29.
5 “Aarsaa Galataa”: Karaan wanta qabnu keessaa isa caalu Yihowaadhaaf itti dhiheessinu inni kaanimmoo, ciminaan tajaajilarratti hirmaachuudhaani. Yoo akka gaariitti qindoofneefi tajaajilarratti xiyyeeffanne, yeroo qabnu kanatti wanta gaarii raawwachuu dandeenya. (1 Xim. 4:10) Akka gaariitti qophaa’uun keenya, akka isaaniif galuttiifi haala itti amanuu keenya argisiisuun akka dubbannu waan nu dandeessisuuf, warri kaan deebii gaarii akka kennan godha. (Fak. 16:21) Misraachoo kana warra kaaniitti yeroo dubbannu, wanti garaadhaa dubbannu dhugumaan “aarsaa galataa” jedhamuu danda’a.—Ibr. 13:15.