Dargaggootaa —Macaafa Qulqulluu Dubbisaa!
1 Dargaggummaan yeroo rakkisaafi murtoowwan gurguddaan itti godhamanidha. Dargaggoota Kristiyaanaa kan taatan baay’een keessan, guyyuma guyyaan haalawwan sadarkaa ejjennoo Waaqayyoo akka cabsitan godhantu isin mudata. Barumsa, hojiifi gaa’ela ilaalchisee, utuu murtoo hin godhiniin dura, karaa hafuuraa galma baafachuu qabdu. Karaa kanaan galma yoo baafattan qofa, jireenya keessan fuulduraatti faayidaa argachuu dandeessu. Galma bira ga’amuu danda’u baafachuun keessan, ogummaadhaan akka deddeebitaniifi karaan keessan akka isiniif qajeelu isin gargaara. Yeroo hunda Sagalee Waaqayyoo dubbisuufi irratti yaaduun keessan, gorsa Macaafa Qulqulluu wajjin walii galtanii akka jiraattaniifi karaa bu’a qabeessa ta’een akka jiraattan isin gargaara.—Iya. 1:8; Far. 1:2, 3.
2 Kana Gochuun Kan Isin Gargaaru Akkamitti? Addunyaan Seexanaa wanta gadhee akka raawwannu nu gowwomsaniin guutameera. (1 Yoh. 2:15, 16) Ijoollee si duukaa baratan ykn umuriikeerratti argaman keessaa, sababii dhibbaa hiriyaatiin kan rakkinarra bu’an beekta ta’a. Gorsa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuun keessan, cubbuurraa fagaachuu akka dandeessan jabina hamileefi hafuuraa isiniif argamsiisa. Kana malees, gorsi Macaafa Qulqulluu haxxummaa Seexanaarraa akka fagaattan isin gargaara. (2 Qor. 2:11; Ibr. 5:14) Karaa Waaqayyoorra deddeebi’uun keessan, jireenya keessan keessatti gammachuu dhugaa isiniif argamsiisa.—Far. 119:1, 9, 11.
3 Seerri bu’uuraa Sagalee Waaqayyoo inni hin jijjiiramne ogummaa ilmaan namootaatiin olidha. (Far. 119:98-100) Seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu yeroo beektaniifi kaayyoo Yihowaa isa dinqisiisaa ta’erratti kadhannaa onneerraa maddeen xiinxaluun keessan, walitti dhufeenyi isin Yihowaa isa ogummaa guddaa qabuufi abbaa barruu Macaafa Qulqulluu ta’ee wajjin qabdan akka guddifattaniif isin gargaara. Waaqayyo, “Waan gochuun siif ta’u sin hubachiisa, karaa irra adeemuun siif ta’u sittan argisiisa; sin gorsa, ija kootiinis sin to’adha” jechuudhaan waadaa galeera.—Far. 32:8.
4 Macaafa Qulqulluu Dubbisuuf Yeroo Ramadi: Shamarreen Kristiyaanaa tokko, guutummaa Macaafa Qulqulluu dubbisuuf karoora baasuudhaan, waggaa tokko gidduuttis dubbistee fixxeetti. Faayidaa kan argatte akkamitti? Wanta yaadattu akkas jechudhaan dubbatti: “Wantoota akkan isatti dhihaadhu na godhaniifi jireenya koo isa hafetti, Yihowaa sodaachuuf fedhii akkan qabaadhu gochuu dabalatee, waa’eesaa baay’ee baradheera.” (Yaq. 4:8) Guutummaa Macaafa Qulqulluu dubbisteettaa? Hin dubbisne taanaan, kana gochuuf maaliif karoora hin baafattu? Yihowaan carraaqqii kee sii eebbisa, bu’aa guddaas ni argatta.