LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 4/04 ful. 2
  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
  • Tajaajila Mootummaa—2004
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Torban Ebla 12 Jalqabu
  • Torban Ebla 19 Jalqabu
  • Torban Ebla 26 Jalqabu
  • Torban Caamsaa 3 Jalqabu
Tajaajila Mootummaa—2004
km 4/04 ful. 2

Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Torban Ebla 12 Jalqabu

Faarfannaa 97 (212)

Daq. 10:  Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaarraa filataman. Hundisaanii haasawaa sabaa addaa, “Ija Jabaadhaa, Yihowaattis Amanamaa.” jedhamurratti warra kaan akka afeeran jajjabeessi. Yaada ful. 4irra jirutti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Guraandhala 1 fi Dammaqaan! Guraandhala 2004 akkamitti akka raabsamu kan argisisu hojiin argisisni lama haadhihaatu. Kan beeksifamu tokko ta’uyyuu, kan raabsaman walumatti. Hojiin argisiisni lamaaniyyuu, nama “Yeroo hin qabu” jechuudhaan marii dhaabsisuu barbaaduuf akkamitti deebii kennuun akka danda’amu kan argisiisu haata’u. Kitaaba Caaffata Qulqullaa’aarraa Ragaa dhiheessuu jedhamu fuula 19-​20 ilaali.

Daq. 15: Waan Qabnu Keessaa Isa Caalu Yihowaadhaaf Dhiheessuu. Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunne erga dubbattee booda, gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Keyyata 4⁠rratti yeroo mari’attan, tajaajila keenya yeroo raawwannu karaawwan kamiin namootatti jaalala akka argisiisuu dandeenyu akka dubbataniif dhaggeeffattoota afeeri.

Daq. 20: “Kaayyoo Adabaa Hubachuu.” Masaraa Eegumsaa Onkololeessa 1, 2003 fuula 20-23⁠rratti hundaa’uudhaan, haasawaa Yaada muraasa dhaggeeffattoonni kennaniin dhihaatu.

Faarfannaa 18 (42) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Ebla 19 Jalqabu

Faarfannaa 58 (138)

Daq. 8: Beeksisa gumii.

Daq. 17: “Ilaalcha Yesus Qabaadhaa.” Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunne erga dubbattee booda, gaaffiifi deebidhaan dhiheessi. Gaaffiiwwan kennamaniin gargaarami. Keeyyata 4⁠rratti yeroo mari’attan, obboloonni qajeelchaa gargaaraa ta’uusaaniitiin eebba argatan akka dubbatan afeeri.

Daq. 20: Qulqullinni Qaamaa Galata Nuuf Argamsiisa. Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 1, 2002 fuula 20-21, keeyyata 9-13⁠rratti hundaa’uudhaan, haasawaa dhaggeeffattoonni yaada muraasa irratti kennaniin kan dhihaatu. Xalayaa Amajjii 30, 2004 fi Dammaqaa! Onkololeessa 2003, fuula 11-13⁠rraa Mataduree, “Karaawwan Fayyaakee Itti Eeguu Dandeessu” jedhurraa qabxiiwwan hojiirra ooluu danda’an dabalii dhiheessi.

Faarfannaa 92 (209) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Ebla 26 Jalqabu

Faarfannaa 21 (46)

Daq. 12: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaa. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Eblaa akka deebisan yaadachiisi. Barreeffama ji’a Caamsaatti raabsamu beeksisi. Yaada ful. 4irra jirutti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Guraandhala 15 fi Dammaqaan! Guraandhala 22 (Ingiliffa) akkamitti akka raabsamu kan argisisu hojiin argisisni lama haadhihaatu. Kan beeksifamu tokko ta’uyyuu, kan raabsaman walumatti. Hojiin argisisni inni tokko, nama wajjin hojjetaniif ykn barataniif yeroo dhugaa ba’an kan argisiisu haata’u.

Daq. 13: Akka gumiif barbaachisutti itti gargaaramaa.

Daq. 20: Qabeenya Keenyaan Akka Galateeffannu Argisiisuu. Masaraa Eegumsaa Muddee 1, 2003, fuula 19, keeyyata 17-19 fi xalayaa Sadaasa 16, 2001, akkasumas, xalayaa Muddee 10, 2002, gumiiwwan hundaaf ergamerratti hundaa’uudhaan haasawaadhaan kan dhihaatu.

Faarfannaa 17 (38) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Caamsaa 3 Jalqabu

Faarfannaa 23 (48)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Gumichi ammayyuu, naannoo tajaajilaa hojjetamee hin dhumin qaba taanaan, duulli naannoo tajaajilaa addaa kun utuu hin raawwatiniin dura, naannoo tajaajilaa kana guutummaatti hojjechuuf qophii godhame beeksisi. Manasaanii yeroo jiranis ta’e fagaatanii yeroo deeman, hundisaanii ji’a ji’aan gabaasa tajaajila dirree akka deebisan yaadachiisi.

Daq. 15: “Dargaggootaa​—Macaafa Qulqulluu Dubbisaa!” Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunne erga dubbattee booda, gaaffiifi deebiidhaan dhiheessi. Macaafa Qulqulluu dubbisuuf sagantaa baasaniifi kana gochuusaaniitiin bu’aa maalii akka argatan akka dubbataniif dargaggeessa tokko ykn lama dursii qopheessi. Dargaggoonni guutummaa Macaafa Qulqulluu dubbisuu kaayyoosaanii akka godhataniif jajjabeessi. Yaada kitaaba Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii, fuula 10, keeyyata 4⁠rratto argamu dabalii dhiheessi.

Daq. 20: Yeroo Hundaa Seerri Macaafa Qulqulluu Si Barbaachisaa? Yaada Masaraa Eegumsaa Muddee 1, 2003, fuula 20-23⁠rratti hundaa’uudhaan haasawaa maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu.

Faarfannaa 72 (164) fi kadhannaa xumuraa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi