LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 8/04 ful. 5
  • Akkaataa Uffannaa Qulqulluufi Kabajamaa Ta’e

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Akkaataa Uffannaa Qulqulluufi Kabajamaa Ta’e
  • Tajaajila Mootummaa—2004
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Akkaataa Uffannaa fi Miidhaginaa Keenyaaf Xiyyeeffannaa Kennuu kan Qabnu Maaliifi?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Uffannaa Seera Qabeessa Ta’e Uffachuun Keenya Kabaja Waaqayyoof Qabnu Argisiisa
    Tajaajila Mootummaa—2003
  • Waldaa Guddaa Keessatti Yihowaa Galateeffadhaa!
    Tajaajila Mootummaa—2005
  • Akkaataan Uffannaa Kee Waaqayyoof Ulfina ni Fidaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2004
km 8/04 ful. 5

Akkaataa Uffannaa Qulqulluufi Kabajamaa Ta’e

1 “Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota gaaridha! Namoonni keessan uffannaa gaarii kan uffataniifi kabaja kan namaaf kennanidha” jechuudhaan bakka bu’aan hoteela tokkoo, obboloota walga’ii koonyaa waggaa darbeerratti argaman ilaalchisee dubbateera. Walga’ii kan biraarrattimmoo, hojjetaan hoteelaa tokko: “Dhugumaan namoonni keessan uffannaa Waaqayyoon gammachiisu kan uffatanidha” jedheera. Eeyyee, warri walga’ii koonyaarratti argamuuf diidaa dhufan namootaan ni qalbeeffatamu. Kanaafuu, “akka warri wangeela Kiristos fudhatan jiraachuun ta’utti” jiraachuu barbaadna. Warri Dhugaa Baatota hin taane akka nu galateeffataniifi tajaajiltoota Waaqayyoo ta’uu keenya ifatti akka beekan godha. (Filp. 1:​27) Yeroo walga’ii koonyaaf qophaa’aa jirru kanatti, akkaataa uffannaa keenyarratti dursinee yaaduun barbaachisaadha.

2 Yaaqoob ergamaan, “Ogummaan Waaqa irraa garuu, hundumaa dura qullaa’aa dha” jedhee barreesseera. (Yaq. 3:​17) Qulqullina keenya karaa uffannaa keenyaa argisiisuun ulfaataa ta’uu danda’a. Addunyaan Seexanaa amala addaggummaatiin guutame kun, namoonni uffannaan giddu galeessa hin taane, fedhii foonii akka qaban kan argisiisuufi namootarraa adda kan isaan godhuufi kan seera hin qabne akka uffatan jajjabessa. (1 Yoh. 2:​15-​17) Kanaaf, waa’ee uffannaafi haala rifeensa mataa keenyaa itti miidhagsinu yeroo murteessinu gorsa Macaafa Qulqulluu: ‘Kajeellaa biyya lafaa isa hamaas gataa, bara kana keessa of qabuuttis jiraadhaa’ jedhu hordofuu qabna. (Tit. 2:​12) Akkaataa uffannaa keenyaan, obboloota keenyas ta’e hojjettoota hoteelaa ykn namoota nu ilaalan matumaa jeequu hin barbaadnu.​—1 Qor. 10:32, 33.

3 Uffannaa Gaarii Giddu Galeessa Ta’e: Walga’ii koonyaatiif ennaa qophoofnu akkas jennee of haa gaafannu: ‘Uffannaan koo ba’eessamoo garmalee xiyyeeffannaa namootaa kan harkisudha? ilaalcha warra kaanii akkan kabaju kan argisiisudhaa? Uffannaan koo laphee koorraa baay’ee kan gadi bu’eefi gabaabaadhaa? Uffannaan koo dhagna kan mul’isu ykn kan dhagnatti maxxanudhaa? Uffannaan koo qulqulluufi foolii gaarii kan qabudhaa? Uffannaan yeroo bashannanaatti uffadhu karaa alidilee ta’een lallabuuf kan na saalfachiisudhaa?’​—Rom. 15:​2, 3; 1 Xim. 2:9.

4 Yaadni Kiristiyaanonni ga’eessa ta’an nuu kennan nu gargaaruu danda’a. Haati manaa, namoonni ilaalchi uffannaasheetiif qaban maal akka ta’e abbaa manaashee gaafachuu qabdi. Warri Kiristiyaana ta’an akkaataa uffannaa ilaalchisee ijoolleesaanii gargaaruu danda’u. Kana malees, dubartoonni dullooman, uffannaa ilaalchisee, “dubartoota warra gara ijoollee in gorsu. Dubbiin Waaqayyoo maqaa gadhee akka hin godhannetti, warra of qaban, warra gaa’ela isaaniitti amanaman [“kan qulqullaa’anis” 1899] ... akka ta’an haa gorsan!” (Tit. 2:​3-5) Barreeffamoonni keenya uffata gaariifi giddu galeessa ta’e ilaalchisee fakkeenyawwan gaarii nuuf kennu.

5 Yihowaaf Ulfina kan Fidu Haata’u: Walga’iiwwan koonyaa saganticharratti argamuu qofaaf utuu hin ta’in, hundi keenya Yihowaadhaaf ulfina akka fidnuuf carraa gaarii nu kennu. Amalliifi dubbiin keenya inni gaariin isaaf ulfina fiduunsaa beekamaadha. Haata’u malee, namoonni dursanii kan ilaalan akkaataa itti of miidhagsinudha. Eegaa, akkaataa uffannaa keenyaa isa qulqulluufi kabajamaa ta’een Yihowaaf ulfina haa argamsiisnu.​—Far. 148:12, 13.

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

1. Qophii walga’ii koonyaaf goonurratti, akkaataa uffannaa keenyaarratti yaaduun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

2. Uffannaa keenya giddu galeessa gochuun rakkisaa kan ta’u maaliifi?

3. Gaaffiiwwan akkaataa uffannaa keenyaa qoruuf nu gargaaran kamfa’i?

4. Warri kaan akkaataan uffannaa keenyaa qulqulluu akka ta’u nu gargaaruu kan danda’an akkamitti?

5. Hundi keenya walga’ii koonyaarratti Yihowaaf ulfina fiduu kan dandeenyu akkamitti?

[Ibsa fakkii fuula 5rra jiru]

Akkaataan Uffannaa Keenyaa Ulfina Qabeessa Akka Ta’u Kan Nu Gargaaran

◼ Sagalee Waaqayyoo

◼ Haala ofii qoruu

◼ Ilaalcha warra kaanii gaafachuu

◼ Barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi