LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 4/04 ful. 2-3
  • Beeksisa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Beeksisa
  • Tajaajila Mootummaa—2004
Tajaajila Mootummaa—2004
km 4/04 ful. 2-3

Beeksisa

◼ Barreeffamawwan raabsaman Eblaafi Caamsaa: Qeenxee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! Namoota Ayyaana Yaadannoorratti ykn walga’iiwwan Ti’ookraasii kaanirratti argamaniifi dammaqinaan jaarmiyaa Yihowaa wajjin hin tarkaanfanne dabalatee, warra fedhii qabaniif deddeebii gaaffii yeroo gootan, kitaaba Tokkummaa Waaqeffannaa Waaqni Dhugaa Inni Tokkichi Argamsiise jedhamu raabsuurratti xiyyeeffadhaa. Keessumaa namoota kanaan dura kitaaba Beekumsaafi brooshuura Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamu qayyabatan, kitaaba kanaan qayyabannaa jalqabsiisuuf carraaqqii addaa godhaa. Waxabajjii: Brooshuura Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamu raabsaa. Yeroo brooshura kanaan fayyadamtan, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf carraaqqii godhaa. Adoolessaa fi Hagayya: Brooshuuroota.

◼ Walga’ii konyaa waggaa kanatti godhamuuf kaardiin qomarratti maxxanfamu, barreefama kaanii wajjin isiiniif ergama. Guumiin kaardii dabalataa barbaadu, Foormii Barreefamni itti ajajamu (S-14) jedhamu guutee erguu qaba. Obboloonni man’ee kaardichaa barbaadan hundi ajajuu qabu.

◼ Dameen biiroo, teessoo si’anaa fi lakkoofsa bilbilaa sassaabdota olaanaafi barreessitoota hundaa qabaachuunsaa barbaachisaadha. Obboloonni kun teessoo jijjiirrataniiru taanaan, koreen tajaajilaa foormii (S-29) jedhamurratti, Teessoo Si’anaa Sassaabaa Ilaaltuu Olaanaa / Barreessaa guutee irratti mallatteessuudhaan hatattamaan gara damee biirootti erguu qaba. Kun, jijjiirama lakkoofsa bilbilaas ni dabalata.

◼  Barreessitoonni gumii, foormi iyyata tajaajila Qajeelchaa (S-205) jedhamuufi foormii Qajeelchaa gargaaraa (S-205b) jedhamu, ga’aa qabaachuu qabu. Foormii Barreeffamni Itti Gaafatamu (S-14) guutuudhaan foormiiwwan kana gaafachuun ni danda’ama. Yoo xinnaate

(Gara ful. 2⁠ffaa, tar. 3⁠ffaatti)

[Ibsa fakkii fuula 2rra jiru]

Beeksisa

(fuula 3⁠ffaarraa)

kan waggaa tokkoof ga’u qabaadhaa. Guyyaa itti cuuphaman dabalatee, foormiin itti qajeelchitoonni iyyata dhiheessan sirriitti guutamuusaanii ilaalaa.

◼ Barreeffamawwan amma harkaa qabnu: Afaan Arabaa: Kaasseettota viidiyoo adda addaa: Ingiliffa: Yihowaatti Dhihaadhaa (qubeewwan gurguddaadhaan kan maxxanfame); Barsiisaa Guddicharraa Baradhaa (kaassettiidhaan).

◼ Dabalataanis: Amaariffa: Caaffata Qulqulluurraa Ragaa Dhiheessuu; Kitaaba Namoota Hundaaf Ta’u; Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?; Sillaasee; Kaayyoon Jireenyaa Maal Inni? Ingiliffa: Faarfannaa (guutuusaa, kaassettoota 113); Caaffata Qulqullaa’aa Gadi Fageenyaan Hubachuu; Caaffata Qulqulluurraa Ragaa dhiheessuu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi