LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 4/04 ful. 3
  • Irra Deebii Mana Barumsa Tajaajila Ti’ookraasii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Irra Deebii Mana Barumsa Tajaajila Ti’ookraasii
  • Tajaajila Mootummaa—2004
Tajaajila Mootummaa—2004
km 4/04 ful. 3

Irra Deebii Mana Barumsa Tajaajila Ti’ookraasii

Gaaffiiwwan kanaa gaditti jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Ebla 26, 2004, jalqabutti kan afaaniin irratti mar’iatamu dha. Daawwataan ol aanaa mana barumsichaa, barreeffamawwan gaaffiiwwan irra deebii torban Bitootessa 1 hanga Ebla 26, 2004, irratti hundaa’udhaan daqiiqaa 30f irra deebicha gaggeessa. [Yaadachiisa: Gaaffiiwwan booda barreeffamni deebiin irratti argamu hin caqasamne taanaan, deebiiwwan argachuuf dhunfaatti qorannaa godhi.​​—⁠Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa fuula. 36-7 ilaali.]

AMALAWWAN HAASAWAA

1. Yeroo haasawaa dhiheessinu barreeffamarraa dubbisuu mannaa yaadannoo qabannerraa dhiheessuun gaarii kan ta’e maaliifi? [be ful. 166 key. 3]

2. Tajaajila dirreetiif yeroo qophoofnu wanta dubbachuu barbaannu sammuutti qabachuu kan dandeenyu akkamitti? [be ful. 167 key. 2]

3. Phaawulos Hojii Ergamootaa boqonnaa 13:16-​41 fi Hojii Ergamootaa 17:​2, 3n gargaaramee, Yesus, Kristos ta’uusaa sababii dhugaa ta’e dhiheessuudhaan kan ibse akkamitti? (Hojii Ergamootaa 9:​22) [be ful. 170 key. 2]

4. Jecha ofiitiin dubbachuun, bu’aawwan argamsiisu keessaa tokko tokko maal fa’i? [be ful. 175 key. 2-5]

5. Of eeggachuu baannaan jecha mataa keenyaan dubbachuun balaa maalii qaba? Kanarraa fagaachuufoo maaltu nugargaara? [be ful. 175 key. 6–ful. 176 key. 3]

HAASAWAA LAK. 1

6. Uumama 32:24-​32⁠rratti akka ibsametti, umuriinsaa 97 kan ta’e Yaaqoob, eebba Yihowaa argachuuf maal godhe? Kanarraahoo barumsa maalii arganna?] [w02 8/1 ful. 29-​31]

7. “Dubbii gargar baasuu” jechuun maal jechuudha? Kunoo madaallii keenya eeguufi garmalee miidhamuurraa nu eeguu kan danda’u akkamitti? (Fak. 1:4) [w02 8/15 ful. 21-2]

8. Obboloonni haasawaa sabaa dhiheessan Macaafa Qulqulluu hundee haasawaasaanii gochuu kan danda’an akkamitti? [be ful. 52 key. 6–​ful. 53 key. 5]

9. Namni haasawaa dhiheessu tokko, tuqaawwan bu’uura ta’an qofa gabbifachuudhaan haasawaa caqasawwan gadi fageenyaan ibsu godhee dhiheessuuf murtoo akkamii gochuu qaba? [be ful. 54 key. 2-4]

10. Yihowaan saba Israa’eliin lafa onaa keessatti torbanii hanga torbaniitti, ji’aa hanga ji’aatti maannaa kan nyaachise maaliifi? Kanarraahoo barumsa maalii arganna? (Kes. 8:​16) [w02 9/1 ful. 30 key. 3-4]

DUBBISA MACAAFA QULQULLUU KAN TORBANII

11. Uumama 37:12-​17⁠rratti akka ibsametti, Yoseefiifi Yesus giddutti wal fakkeenya maalii argina? [w87 5/1 ful. 12 key. 12]

12. Uumama 42:25-​35⁠rraa ilaaluun akka danda’amutti, gara laafinni Yoseef argisiise gara laafina Yesus argisiisuu wajjin kan wal fakkaatu akkamitti? [w87 5/1 ful. 18 key. 10; ful. 19 key. 17]

13. Nyaatni kutaa hojjetaa amanamaadhaan yeroo har’aatti dhihaatu, nyaata bara Yoseefitti dhihaatee wajjin kan wal fakkaatu akkamitti? (Uma. 47:21-​25)

14. Yihowaan maqaasaa ilaalchisee “Kanan ta’uu barbaadu nan ta’a” jedhee yeroo dubbatu maal jechuusaa ture? (Bau. 3:​14, 15, NW)

15. Ba’uun 16:​2, 3 guungumuun amalawwan gadhee ta’an lamaan warra kamiin ibsa? [w93 3/15 ful. 21]

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi