LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 4/04 ful. 4
  • Ilaalcha Yesus Qabaadhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ilaalcha Yesus Qabaadhaa
  • Tajaajila Mootummaa—2004
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Warra Kaan Tajaajiluudhaan Fakkeenya Yesuus Hordofi
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Galma Gaarii Waggaa Tajaajilaa Isa Haaraadhaaf Baafachuu Dandeessu
    Tajaajila Mootummaa—2007
  • Jaalalli Kiristos Namoota Jaallachuuf Nu Kakaasa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Yaada Kiristos Qabaadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2004
km 4/04 ful. 4

Ilaalcha Yesus Qabaadhaa

1 Ilma Waaqayyoo tasumaa arginee beekuu baannuyyuu, waa’ee jireenyaafi tajaajilasaa waan barreeffameen, isa jaalanna. (1 Phe. 1:8) Yesus, jaalala Abbaasaatiif ajajamuudhaan, ulfina samiirratti qabu dhiisee gara lafaa dhufeera. Akka namaa ta’ee, ofittummaa tokko malee warra kaan tajaajileera; lubbuusaas ilmaan namaatiif kenneera. (Mat. 20:28) Sagaleen Waaqayyoo: “Yaada garaa isa Kristos Yesus qaba ture qabaadhaa!” jechuudhaan nugorsa. Akkasaa amala aarsaa godhanii of dhiheessuu calaqqisuu kan dandeenyu akkamitti?​—Filp. 2:​5-8.

2 Yeroo Dadhabnutti: Yesus gonkummaa kan qabu ta’uyyuu, dadhabbiin itti dhaga’ama ture. Yeroo tokko, ‘karaa adeemaa oolee dadhabee’ utuu jiruu, dubartii Samaariyaa tokkoof guutummaatti dhugaa ba’eera. (Yoh. 4:6) Kristiyaanota yeroo ammaa jiran hedduus qorumsi akkasii ni mudata. Torban guutuu hojii mataa keenyaatiin erga dadhabnee booda, hojii lallabaarratti hirmaachuuf jabina argachuun ulfaataa ta’uu danda’a. Haata’u malee, yeroo hundumaa hojii lallabaarratti yoo hirmaanne, tajaajilli Kristiyaanummaa karaa hafuuraa kan nujajjabeessu ta’a.​—Yoh. 4:​32-​34.

3 Yeroo gara biraattimmoo, Yesusiifi bartoonnisaa, xinnoo boqochuuf bakka qofniitti deeman. Haata’u malee namoonni hedduun waan kana beekaniif, isaan dursan. Yesus aaruu mannaa, “isaaniif in oo’e, waan baay’ees isaan barsiisuutti ka’e.” (Mar. 6:​30-​34) Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuufi geggeessuunis ilaalcha akkasii qabaachuu gaafata. Carraaqqii walirraa hin cinne gochuufi namootaaf jaalala guddaa qabaachuu gaafata. Amma qayyabannaa Macaafa Qulqulluu qabaachuu yoo baatte, tokko argachuuf carraaquu kee hin dhaabin.

4 Fedhiiwwan Jireenya Hafuuraatiif Dursa Kennaa: Qajeelchaa gargaaraa ta’uun, sochiiwwan jireenya hafuuraarratti caalaa akka xiyyeeffannu nugargaaruu danda’a. Shamarreen Kristiyaana taate tokko akkas jettee barreessiteetti: “Haati hiriyaa kootii, anaafi intallishee ji’a tokkoof ishee wajjin qajeelchaa gargaaraa akka taanu nujajjabeessite. Ishee wajjin tajaajila kanarratti hirmaachuu keenyaan baay’een gammade. Obboloota caalaatti beekuu kootiin gammadeera; isaanis anaaf akka maatii turan. Waa’ee Yihowaa warra kaanitti himuuf, akkasumas dhugaa gammachiisaa waa’ee Mootummattii dubbatu isaan barsiisuuf carraa dabalataa argachuu kootinis gammadeera. Kun hundi, Yihowaafi jaarmiyaasaatti dhihaachuun koo akka natti dhaga’amu godheera.”​—Far. 34:8.

5 Foon keenya isa gonkummaa hin qabneefi Yihowaa gammachiisuuf fedhiin qabnu gidduu walfalmiitu jira. (Rom. 7:​21-​23) Amala biyya lafaa, isa faayidaa mataa keenyaa aarsaa gochuu nudhowwurraa fagaachuu qabna. (Mat. 16:22, 23) Amala akkasiirraa fagaachuu akka dandeenyu Yihowaan hafuurasaatiin nugargaaruu danda’a. (Gal. 5:​16, 17) Addunyaa haaraa qajeelinni keessatti argamu yeroo eeggannu kanatti, fedhii keenyaa mannaa fedhii Mootummattiifi kan warra kaanii dursuudhaan ilaalcha Yesus haaqabaannu.​—Mat. 6:​33; Rom. 15:​1-3.

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

1. Yesus ilaalcha akkamii qaba ture?

2. Kristiyaanota baay’ee rakkoo akkamiitu mudata? Kana mo’uufoo maaltu isaan gargaaruu danda’a?

3. Barsiisuuf fedhii qabachuudhaan Yesuusiin fakkaachuu kan dandeenyu akkamitti?

4. Qajeelchaa gargaaraa ta’uun, ilaalcha Kristos qabaachuuf kan nugargaaru akkamitti?

5. Ilaalcha Yesus qabaachuuf utuu walirraa hin kutin carraaquu kan qabnu maaliifi?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi