LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 6/04 ful. 1
  • Ergamoonni Nu Gargaaraa Jiru

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ergamoonni Nu Gargaaraa Jiru
  • Tajaajila Mootummaa—2004
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Ergamoota—“hafuurota Nama Tajaajilan”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Maleekonni Si Gargaaruu kan Dandaʼan Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Ergamoonni Namoota Kan Gargaaran Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
  • Maleekota Ilaalchisee Dhugaan Isaa Maali Dha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2004
km 6/04 ful. 1

Ergamoonni Nu Gargaaraa Jiru

1 “Kunoo, ani immoo hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa isinii wajjin nan jira.” Namoota ajaja Yesus: “dhaqaa . . . bartoota koo godhaa!” jechuudhaan kenne fudhataniif jechoonni kun hammam kan jajjabeessanidhaa! (Mat. 28:​18-​20) Yesus Kristiyaanota dhugaa wajjin kan itti ta’u karaan inni guddaan, ergamootasaatti gargaaramuudhaani. (Mat. 13:​36-​43) Uumamawwan hafuuraa amanamoo ta’an kanaa wajjin “wangeela isa bara baraa” lallabuun hammam kan nama gammachiisudha!​—Mul. 14:​6, 7.

2 Tajaajila Keenyaan: Macaafni Qulqulluun, ergamoonni “warra fayyina argachuuf jiraniif hojjechuudhaaf ergaman” jechuudhaan ibsa. (Ibr. 1:​14) Jaarraa jalqabaatti, ergamoonni gara namoota misraachoon ta’uufitti bartoota Yesus qajeelchu turan. (HoE. 8:​26) Har’as, tajaajiltoonni Waaqayyoo ergamoonni akka isaan qajeelchaa jiran argaa jiru. Namoonni, Dhugaa Baatonni Yihowaa manasaanii yommuu dhaqan, isaan yeroo sanatti gargaarsaaf kadhachaa akka turan yeroo baay’ee ni dubbatu. Namoonni akkasii kun ergaa Mootummattiitiif deebii gaarii ennaa kennan, nuyis ergamootaa wajjin baay’ee gammadna!​—Luq. 15:​10.

3 Yeroo Mormiin Nurra Ga’u: Daani’el, hiriyootasaa kan ta’an Ibroonni sadan, Phexros ergamaan, akkasumas namoonni qorumsi cimaan irra ga’e baay’een, Yihowaan ergamootasaa warra ‘jagnoota jajjaboo’ ta’aniin akka isaan jajjabeesse arganiiru. (Far. 103:​20; Dan. 3:​28; 6:​21, 22; HoE. 12:​11) Al tokko tokko yommuu mormiin nurra ga’u, gargaarsa akka hin qabaanne nutti dhaga’amuyyuu, wanti hojjetaa Elsaa’i mudate nu jajjabeessuu danda’a; inni ‘warri nuu wajjin jiran, warra isaanii wajjin jiran irra akka caalan’ hubatee ture. (2 Mot. 6:​15-​17) Dirqisiifamnee obboloota Kristiyaanaarraa adda akka baanu utuu godhamneyyuu, abdii kutachuun nu hin barbaachisu. Sagaleen Waaqayyoo: “Ergamaan Waaqayyoo naannoo warra Waaqayyoon sodaatanii in buufata” jechuudhaan nu jajjabeessa.​—Far. 34:​7.

4 Yeroo dhihootti, ergamoonni Waaqayyoo, mormitoota Mootummaa Kristos hundumaa balleessuuf ni dhufu. (Mul. 19:​11,14-15) Guyyaa sana eeggachaa yeroo jirrutti, ajaja Kristosiin gargaarsa guddaa ergamootaan nuuf godhamutti guutummaatti amanamuudhaan, ija jabinaan Yihowaa haa jajnu.​—1 Phe. 3:​22.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi