Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
Torban Waxabajjii 14 Jalqabu
Faarfannaa 74 (168)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaarraa filataman. Yaada seensaa fuula 4rra jiru (naannoo tajaajilaa keessanitti bu’a qabeessa yoo ta’e) gargaaramuudhaan, Masaraan Eegumsaa Ebla 1fi Dammaqaan! Ebla 2004 akkamitti akka raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Hojiin argisiisni inni tokko, babali’isaan tokko ennaa naannoo daldalaatti lallabu kan argisiisu haa ta’u. Yaada seensaa bu’a qabeessa ta’e kan biraas fayyadamuu dandeessu.
Daq. 20: “Yihowaan Warra Isatti Amanaman Ni Gargaara.” Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Keeyyata 4rratti yeroo mari’attan, yaadawwan Tajaajila Mootummaa Fulbaana 2000, fuula 3, keeyyata 3-4rra jiraniifi kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa, fuula 67, keeyyata 2rratti argaman dabalii dhiheessi.
Daq. 15: Qoricha Sammuu Namaa Hadoochu Fudhachuu Kan Hin Qabne Maaliifi? Kitaaba Caaffata Qulqullaa’aarraa Ragaa Dhiheessuu jedhamu, fuula 106-9rratti hundaa’ee maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. “Bashannanaaf” jedhanii qoricha sammuu namaa hadoochuu fudhachuun kan barame ta’eera. Namoonni tokko tokko, akkas gochuun balaa hin qabu jedhanii dubbatu; kaanimmoo, naannessuun seeraan akka heyyamamuuf gaafachaa jiru. Namoota ilaalcha akkasii qabaniif akkamitti ragaa dhiheessuu akka dandeenyu ibsi. Yaada Dammaqaa! Muddee 1999, saanduqa fuula 10 keessa jiru dabalii dhiheessi.
Faarfannaa 61 (144) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Waxabajjii 21 Jalqabu
Faarfannaa 11 (29)
Daq. 10: Beeksisa gumii.
Daq. 15: “Ergamoonni Nu Gargaaraa Jiru.” Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Hanga yeroon sii heyyametti, dhaggeeffattoonni caqasawwan boqonnaafi lakkoofsisaanii qofaa kennamerratti yaada akka kennan afeeri.
Daq. 20: Ogummaan Waaqarraa Sababii Qabeessadha. (Yaq. 3:17 [NW]) Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa fuula 251-2rratti hundaa’ee haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatudha. Sababii qabeessa jechuun maal jechuudha? Tajaajila keenyarratti barbaachisaa kan ta’ehoo maaliifi? Fakkeenya Phaawulosirraa maal baranna? Babal’istoonni, akkaataa guddinaa namoota naannoosaanii xiyyeeffannaa keessa galchuu kan danda’an akkamitti? Qayyabattoonni Macaafa Qulqulluu sababii qabeeyyii akka ta’aniif akkamitti isaan gargaaruu dandeenya? Yaada seensaa sababii qabeessa ta’een gargaaramuudhaan muuxannoo argatan akka dubbataniif babal’istoota tokko ykn lama dursii qopheessi.
Faarfannaa 25 (53) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Waxabajjii 28 Jalqabu
Faarfannaa 59 (139)
Daq. 12: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaa. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Waxabajjii akka deebisan yaadachiisi. Yaada seensaa fuula 4rra jiru (naannoo tajaajilaa keessanitti bu’a qabeessa yoo ta’e) gargaaramuudhaan Masaraan Eegumsaa Ebla 15fi Dammaqaan! Ebla 22 [Ingiliffa] yeroo raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni lama akka dhihaatu godhi. Yeroo lamaanuu, babal’isichi seensasaarratti haasawaa gabaabaa miira jaalalaatiin dhihaateen jalqabuu qaba. Akkas gochuun keenya abbaan manichaa utuu hin dhiphatin akka nu dhaggeeffatu gochuu akka danda’u addeessi.
Daq. 15: Akka gumiif barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 18: “Qayyabannaan Kitaabaa—Kan Nu Barbaachisu Maaliifi?” Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Gaaffiiwwan dhihaataniin gargaarami. Yaada Tajaajila Mootummaa Sadaasa 2002, fuula 1rraa mata duree, “Ilaaltuu Olaanaa Qayyabannaa Kitaabaa Keessan Gargaaraa” jedhu itti dabalii dhiheessi.
Faarfannaa 81 (181) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Adoolessa 5 Jalqabu
Faarfannaa 1 (3)
Daq. 10: Beeksisa gumii.
Daq. 15: Yaada seensaa maalii fayyadamtu? Haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun dhihaata. Adoolessaafi Hagayyatti, brooshuuroota raabsina. Naannoo tajaajilaa keessanitti brooshuurri bu’a qabeessa ta’ee argame isa kami? Yaadawwan seensaa Tajaajila Mootummaa Adoolessa 1998, fuula 8, ykn kanaan dura ba’anirratti argaman irra deebi’i. Tokkoon tokkoon yaada seensaa (1) gaaffii, (2) caqasaafi (3) yaada barreeffamichi ibsu akka dabalatu addeessi. Hojiin argisiisni tokko ykn lama akka dhihaatu godhi. Hundinuu yeroo misiraachoo lallaban Macaafa Qulqulluutti akka gargaaraman jajjabeessi.
Daq. 20: Haalawwan Abdii Nama Kutachiisan Keessatti Abdiidhaan Jiraachuu. Haasawaa Masaraa Eegumsaa Caamsaa 15, 1997, fuula 22-25rratti hundaa’ee dhihaatu.
Faarfannaa 89 (201) fi kadhannaa xumuraa.