Beeksisa
◼ Barreeffamawwan raabsaman, Adoolessaafi Hagayya: Broshuuroota fuula 32 qaban kanaa gadii keessaa kamiiniyyuu gargaaramuu dandeessu: Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?, Barabaraaf Gammachuudhaan Lafarra Jiraadhu!, Sillaaseetti Amanuu Qabdaa?, Maqaa Waaqayyo Isa Bara Baraaf Jiraatu, Mootummaan Waaqayyoo Jannata Fiddi, Yeroo Duunu Maal Taana?, Kaayyoon Jireenyaa Maal Inni?— Argachuu kan Dandeessuhoo Akkamitti? fi Namni Jaallattan Yeroo Du’u jedhaman. Fulbaana: Kitaabawwan erga maxxanfamanii turan kan akka Mootummaan Kee Haa Dhufu, Tokkummaa Waaqeffannaa Waaqni Dhugaa Inni Tokkichi Argamsiise jedhaman.
◼ Fulbaanaa kaasee haasawaan sabaa sassaabdota ilaaltuu olaanaatiin kennamu, mata dureensaa: “Yeroo Nu Fuldura Jiru Amantiifi Ija Jabinaan Eeggachuu” kan jedhu ta’a.
◼ Babal’istoonni naannoowwan hin ramadamnetti yeroo tajaajilan, brooshuura Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamu ykn kitaaba Beekumsaa raabsuu danda’u. Namichi barreeffamoota kana qaba taanaan barreeffamni gara biraan kamiyyuu kennamuufii danda’a. Namoota manatti hin argamneef ykn barreeffama gara biraa hin fudhanneef kennuu akka danda’anitti, babal’istoonni hundi traaktiiwwan adda addaa qabachuu qabu. Keessumaa, gumichi naannoowwan hin ramadamnetti dhihoo yoo ta’e, namoota fedhii argisiisan gargaaruuf carraaqqiin godhamuu qaba.
◼ Barreessitoonni gumii foormiin Iyyata Tajaajila Qajeelchaa (S-205-AM) fi foormiin Iyyata Tajaajila Qajeelchaa Gargaaraa (S-205b-AM) ga’aan jiraachuusaa mirkaneessuu qabu. Foormiiwwan kana Foormii Ajaja Barreeffamaa (S-14-AM) jedhamuun ajajuu danda’u. Yoo xinnaate kan waggaa tokkoof ga’u jiraachuu qaba.
◼ Foormiiwwan iyyata qajeelchaa damee biirootti ergamuusaanii dura, barreessaan gumichaa sirriitti guutamuusaanii irra deebi’ee ilaaluu qaba. Iyyattoonni guyyaa itti cuuphaman hin yaadatan taanaan tilmaamaan galmeessanii qabachuu qabu. Barreessaan gumichaa guyyaa sana kaardii Galmee Babal’istoota Gumiirratti barreessuu qaba.
◼ Obboloonni dhuunfaasaaniitiin biyya alaa deemanii, walga’iiwwan gumii, walga’ii addaa, kan aanaafi konyaarratti argamuuf karoora qaban yommuu jiraatan, guyyaa, sa’aatiifi iddoosaa beekuuf gaaffii kan dhiheessitan, damee biiroo hojii biyya sanaa olaantummaadhaan ilaalutti. Teessoon dameewwan biiroo fuula dhumaa Kitaaba Waggaa kanaarratti galmeeffameera.
◼ Teessooniifi lakkoobsi bilbilaa sassaabdonni ilaaltuu olaanaafi barreessitoota gumii yeroo dhihootti qaban, damee biirootiif ergamuu qaba. Yeroo kamittiyyuu jijjiiramni teessoo yoo jiraate, Koreen Tajaajilaa Gumii Foormii Jijjiirama Teessoo Sassaabaa Ilaaltuu Olaanaa/ Barreessaa Gumii (S-29) jedhamu guutanii irratti mallatteessanii yeruma sana damee biirootti erguu qabu.