LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 8/04 ful. 9
  • Beeksisa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Beeksisa
  • Tajaajila Mootummaa—2004
Tajaajila Mootummaa—2004
km 8/04 ful. 9

Beeksisa

◼ Barreeffamawwan raabsaman, Hagayya: Birooshuuroota fuula 32 qaban kanaa gadii keessaa kamiiniyyuu gargaaramuu dandeessu: Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?, Barabaraaf Gammachuudhaan Lafarra Jiraadhu!, Sillaaseetti Amanuu Qabdaa?, Maqaa Waaqayyo Isa Bara Baraaf Jiraatu, Mootummaan Waaqayyoo Jannata Fiddi, Yeroo Duunu Maal Taana?, Kaayyoon Jireenyaa Maal Inni?​— Argachuu kan Dandeessuhoo Akkamitti? fi Namni Jaallattan Yeroo Du’u jedhaman. Fulbaana: Kitaabawwan erga maxxanfamanii turan kan akka Mootummaan Kee Haa Dhufu, Tokkummaa Waaqeffannaa Waaqni Dhugaa Inni Tokkichi Argamsiise jedhamani.

◼ Walga’ii koonyaa “Waaqayyoo Wajjin Deddeebi’aa” jedhamurratti ennaa argamtan, yaadannoo gabaabaa qabachuun keessan, irra deebii walga’ii tajaajilaa waggaa sanatti godhamurratti hirmaachuuf akka isin gargaaru yaadadhaa.

◼ Ilaalaan olaanaa ykn namni isaan iddoo buufame, Fulbaanaa 1 ykn isarraa utuu hin fagaatin herreega gumii qoruu qaba. Erga kun godhame booda gabaasni herreegaa itti aanu erga dubbifamee booda qorannaan kun gumiidhaaf beeksifama.

◼ Gumiiwwan Kaaleendarii Dhugaa Baatota Yihowaa 2005, Caaffata Qulqullaa’aa Guyyaa Guyyaan Qoruu​—2005fi Kitaaba Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa 2005 ajaja barreeffamaa itti aanurratti gaafachuu qabu.

◼ Lakkoofsi barreeffamaafi barruulee waggaa waggaan godhamu, hanga danda’ametti Hagayya 31, 2004 ykn isarraa baay’ee utuu hin fagaatin godhamuu qaba. Lakkoofsi kun lakkoofsa qindeessaan barreeffamaa ji’a ji’aan godhuu wajjin walfakkaata. Yookiin, Galma Mootummaa tokkotti gumiiwwan tokkoo ol ta’an kan gargaaraman taanaan, qindeessaan barreeffamaa ida’ama dimshaashaa, foormii Lakkoobsa Barreeffamootaa (S-18 AM) jedhamurratti guutuu qaba. Lakkoofsi ida’ama dimshaashaa barruulee harkatti argamanii tajaajiltoota barruulee harkatti argamuu qaba. Barreessaan gumii qindeessaa, lakkoofsa kana olaantummaadhaan to’achuu qaba. Inniifi sassaabaan ilaaltuu olaanaa gumii qindeessaa formicharratti mallatteessu. Tokkoon tokkoon gumii qindeessaa foormii Lakkoofsa Barreefamaa (S-18-AM) sadiitu ga’a. Gumiiwwan qobaasaanii Galma tokkotti gargaaramanis foormiiwwan kana ni argatu. Kooppii isa duraa guutaatii Fulbaana 6 dura gara damee biirootti ergaa. Kooppii lammaffaa galmee keessan keessa kaa’a. Kooppii sadaffaammoo yeroodhaaf kan itti guuttan ta’uu danda’a.

◼ BARREEFFAMAWWAN HAARAA NU HARKATTI ARGAMAN: Kitaaba Beekumsaa (Afaan Kooriyaatiin); Birooshuurri Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? (Afaan Gujaraatiitiin, afaan Hindiifi Sipanishiitiin); kitaabni Gaaffii Dargaggootaa (Afaan Xaaliyaaniitiin).

◼ LAMMATA  NU  HARKATTI KAN ARGAMAN: Ingiliffa: Raajii Isaayaas--2, Bara Baraaf Gammachuudhaan Lafarra Jiraachuu Dandeessa!, kitaaba Mul’ataa, Ragaa Dhiheessanii Xiinxalsiisuu, kitaaba Faarfannaa isa xinnaa, Gaaffiiwwan Dargaggootaa, Bara Baraaf Gammachuudhaan Lafarra Jiraadhu, Jaallee Waaqayyoo, Yeroo Duunu Maal Taana jedhaman.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi