LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 10/04 ful. 1
  • Bet’el Haaraa Fedhiin Yihowaa Itti Raawwatamu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Bet’el Haaraa Fedhiin Yihowaa Itti Raawwatamu
  • Tajaajila Mootummaa—2004
Tajaajila Mootummaa—2004
km 10/04 ful. 1

Bet’el Haaraa Fedhiin Yihowaa Itti Raawwatamu

Jalqaba bara 1953⁠tti Daandii Charchilirratti Manni xinnoon kireeffatamee waajjira damee ta’uudhaan babal’istoota gara 20 ta’an tajaajilaa tureera. Waajjirri damee kunis, waggaa afur booda ni cufame. Sadarkaa akkasiirraa ka’anii isa ammaarra ga’uun dhugumaan jijjiirama guddaadha. Waggoota 10 dura naannoo Booleetti manni tokko waajjira damee lammataa yeroo ta’u, suuta sutaan babal’atee manneen kiraa 8 dabalateera. Kun ta’uunsaammo hojii hojjechuuf wanti baay’een rakkisaa akka ta’u godhee ture. Bet’el haaraa inni bareedaan fakkiisaa kanaa gaditti argitan, Finfinnee keessatti naannoo Kotabeetti, Kolleejjii Leenjii Barsiisotaarraa gara bahaatti fageenya kiiloo meetira tokkorratti argama. Maatiin Bet’el amma lakkoofsisaanii gara 70 ta’an, walakkaa ji’a Adoolessaati kaasee achi waan galaniif, isiniifi hojii dirreerratti babal’achaa jiru gargaaruuf haala mijaa’aarratti argamu. Fedhii Yihowaa raawwachuudhaan isaaf galata fiduuf, amma yerooniifi humni dabalataa karaa bu’aa argamsiisuu danda’uun hojiirra ni oolfama. Idduma sanatti galmi walga’ii nama 2,000 qabatu obbolootaafi namoota haaraa Finfinneefi naannoosheetti argamaniif haala mijaa’aa ta’een barumsa hafuuraa argachuuf kan isaan dandeessisudha. Bakki konkolaataan dhaabatuufi teessoo mijaa’aan, akkasumas bakki cuuphaa waltajjii guddaa jalatti qophaa’eera; manni boolii qulqulluufi ga’aa ta’e qophaa’eera. Galmi walga’ii kun salphaadhumatti mana boolii dhaqanii deebi’uun akka danda’amuuf naannoonsaa banaadha. Waajjirri damee barbaachisaa ta’e kun akka nuuf ijaaramu gochuusaatiin, Yihowaa baay’ee galateeffanna.​—⁠Zak. 4:⁠6.

[Ibsa fakkii fuula 1rra jiru]

Waajjirri damee fulduraan ennaa ilaalamu

[Ibsa fakkii fuula 1rra jiru]

Galmi walga’ii waajjira damee yommuu ilaalamu

[Ibsa fakkii fuula 1rra jiru]

Waajjirra dameefi Galma walga’ii isa haaraa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi