LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 10/04 ful. 2
  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
  • Tajaajila Mootummaa—2004
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Torban Onkololessa 11 Jalqabu
  • Torban Onkololeessa 18 Jalqabu
  • Torban Onkololessa 25 Jalqabu
  • Torban Sadaasa 1 Jalqabu
Tajaajila Mootummaa—2004
km 10/04 ful. 2

Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Hubachiisa: Tajaajilli Mootummaa ji’a walga’ii koonyaa gootanitti sagantaawwan torbanii hundumaa qabatee ba’a. Gumiiwwan walga’ii koonyaa “Waaqayyoo Wajjin Deddeebi’aa” jedhamurratti ennaa argaman sagantaan walga’ii tajaajilaa akka jalaa hin haafneef akka barbaachisumaasaatti sirreeffama tokko tokko gochuu danda’u. Kan danda’amu yoo ta’e torban walga’ii koonyaan itti godhamu dura sagantaa walga’ii tajaajilaa gootanirratti daqiiqaa 15 fudhatanii, miiltoo Tajaajila Mootummaa dhiheenyatti ba’anirraa, walga’ii koonyaa ilaalchisee gorsawwan gumiitiif ni barbaachisu jettan irra deebi’aa. Walga’iiwwan koonyaa hundi yeroo raawwataman qabxiiwwan gurguddaa irra deebi’uuf sagantaa walga’ii tajaajilaa guutuutu ramadama. Maree irra deebii kanarratti hirmaannaa gaarii gochuuf hundi keenya yeroo walga’ichaa qabxiiwwan tokko tokko akkasumas yaadawwan jireenya keenyarrattiifi tajaajilarratti itti hojjechuu barbaadnu yaadannoorratti qabachuu dandeenya. Achiis, maree sanarratti gorsawwan kana walga’ii koonyaa booda akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeenye dubbachuudhaan warra kaan jajjabeessuu dandeenya.

Torban Onkololessa 11 Jalqabu

Faarfannaa 13 (33)

Daq. 8: Beeksisa.

Daq. 22: “Hojiiwwan Gad Of Deebisuu Gaafatan Fedhiidhaan Ni hojjettaa?” Jaarsi tokko keeyyatawwan shanan jalqabaa Masaraa Eegumsaa Caamsaa 15, 1975⁠rraa gabaabumatti fudhataman kana haasawaan dhiheessa. Yaadawwan ijoo ta’an waliin dubbisaatii, hojii Bet’elitti, mana keessatti, Galma Mootummaatti, ykn eessattiyyuu hojjetaman keessaa hojii gad aanaa kan ta’e akka hin jirre dubbadhu.

Daq. 15: Warra Kaan Gargaaruudhaan Gammachuu Argadhaa. (Yoh. 4:​34) Gaaffiifi deebii. Namni tokko dhugaa Sagalee Waaqayyoo keessa jiru barachuusaatiin yeroo gammadu arguun guddaa nama gammachiisa. (w94 3/1 ful. 29 key. 6-7) Babal’istoota ykn qajeelchitoota tajaajilarratti Macaafa Qulqulluutti gargaaramanii, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuufi geggeessuudhaan bu’a qabeeyyii ta’an lama ykn sadiif gaaffiifi deebii godhi. Nama fedhii qabu yommuu argatan hordofanii fedhiinsaa akka guddatu kan gargaaran akkamitti? Kana gochuusaaniitiin gammachuu akkamii argatan? Muuxannoo tajaajilarratti argatan akka dubbatan, ykn hojiin argisiisaan akka dhiheessan godhi.

Faarfannaa 65 (152) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Onkololeessa 18 Jalqabu

Faarfannaa 51 (127)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Yaada seensaa ful. 8⁠rra jiru naannoo keessanitti bu’a qabeessa yoo ta’e, isatti gargaaramuudhaan Masaraan Eegumsaa Hagayya 1fi Dammaqaan! Hagayya 2004 akkamitti akka raabsamu hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi.

Daq. 20: Yeroo Dhukkubni Babal’ate Kanatti Warra Kaaniif Akka Yaadnu Argisiisuu. Jaarsi tokko, Dammaqaa! Eblaa-Waxabajjii, 1995, ful. 16, key. 3-5, ful. 18, key. 7fi ful. 19⁠rraa key. 6, yaadawwan tokko tokko fudhachuudhaan dhiheessa. Namoota dhukkuba kanaan qabamaniif akkamitti jaalala argisiisuu akka dandeenyu yeroo dubbattu, Dammaqaa! Amajjii 1999, saanduqa ful. 9⁠rra jiru, mataduree “Dhugumayyuu Gumii Dinqisiifamudha” jedhu dubbadhu. Sana booda, Maatewos 7:12fi Filiphisiiyus 2:4 dubbisiitii, namoonni dhukkubaan qabaman haala itti nagaa gaafataniin, manasaanii keessatti meeshaawwan fayyadamaniin ykn haalawwan adda addaatiin namootaaf akka yaadan argisiisuu kan danda’an akkamitti akka ta’e dubbadhu.

Daq. 15: Waaqayyo Qabeenya Kennuudhaan Nu Eebbisaa? Haasawaa Dammaqaa! Onkololessa 2003, ful. 14⁠rratti hundaa’ee dhihaatu. Gara biyya alaa adeemuufi guddina hojii argachuu ilaalchisee ilaalcha dogoggoraa naannoo keessanitti mul’atuu wajjin wal qabsiisii dhiheessi.

Faarfannaa 57 (136) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Onkololessa 25 Jalqabu

Faarfannaa 26 (56)

Daq. 12: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaa. Yaada seensaa ful. 8⁠rra jiru naannoo keessanitti bu’a qabeessa yoo ta’e, isatti gargaaramuudhaan Masaraan Eegumsaa Hagayya 15 akkamitti akka raabsamu hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi. Hojiin argisiisni kun, nama “Dhugaa Baatota Yihowaa Hin Barbaadu” jedhuuf karaa adda addaa akkamitti deebii kennuun akka danda’amu kan argisiisu haa ta’u.​​—⁠Kitaaba Ragaa Dhiheessuu, jedhamu ful. 17-​18 ilaali.

Daq. 18: Ragaawwan Sagalee Waaqayyoo Deggaran Dhiheessuu. Kitaaba Leenjii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiitti Kennamurraa Fayyadami jedhamu ful. 256-257⁠rratti hundaa’ee dhaggeeffattootaa wajjin mareedhaan kan dhihaatu. Ragaawwan Macaafa Qulqulluu ala jiran gargaaramuudhaan Caqasawwan Macaafa Qulqulluu sirrii ta’uusaanii akka hubataniif namoota gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Dhaggeeffattoonni gaaffiiwwan armaan gadiirratti yaada akka kennan afeeri: Uumaan akka jiru namoota amansiisuuf uumama cufaarratti wantoota mul’atan kamfaa akka ragaatti caqasuu dandeenya? (rs ful. 83-85) Namoonni, Macaafni Qulqulluun Sagalee Waaqayyoo ta’uusaa akka hubataniif yaada hayyoonni ykn ogeeyyiin kennaniin fayyadamnee isaan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? (rs ful. 61-62) Waaqayyo hammeenyi akka jiraatu kan heyyame maaliif akka ta’e ibsuuf fakkeenyaafi walbira qabuu akkamii gargaaramuu dandeenya? (rs ful. 429) Namoonni gorsa Macaafa Qulqulluu hordofuun bu’aa guddaa kan qabu ta’uusaa akka hubatan gochuuf muuxannoowwan ykn fakkeenyawwan akkamii fayyadamtee beekta?

Daq. 15: Akka gumiidhaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.

Faarfannaa 29 (62) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Sadaasa 1 Jalqabu

Faarfannaa 100 (222)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Hundisaanii gabaasa tajaajila Onkololessaa akka deebisan yaadachiisi. Ji’a Sadaasaatti birooshuura Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamu raabsina. Birooshuura kana raabsuuf yaadawwan Tajaajila Mootummaa Amajjii 2002, ful. 4⁠rra jiran gabaabsii dubbadhu; akkasumas yaadni seensaa tokko hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi.

Daq. 15: Akka gumiidhaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.

Daq. 20: “Hojiiwwan Gad Of Deebisuu Gaafatan Fedhiidhaan Ni hojjettaa?” Keeyyatawwan dhumaa arfan Masaraa Eegumsaa Caamsaa 15, 1975⁠rraa gabaabumatti fudhataman maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Qabxiiwwan ijoo ta’an waliin dubbisaatii fakkeenyawwan Daawit, Phaawulosiifi Yesus, warra hojii harkaa hojjetaa turan dubbadhu. Hojiiwwan akka waardiyyaa, biqiltuu kunuunsuu, hojjetoota manaa ykn kophee haaxaa’uuf ilaalchi Kiristiyaanootaa maali? Maaliif? Yoo yeroon sii heyyame yaadawwan Masaraa Eegumsaa Ebla 15, 2003, ful. 28fi 29⁠rratti mataduree “Yihowaan Namoota Akka Xinnootti Ilaalamaniif Ni Yaada” jedhu dabalii dhiheessi.

Faarfannaa 78 (175) fi kadhannaa xumuraa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi