Hojiiwwan Gad Of Deebisuu Gaafatan Fedhiidhaan Ni Hojjettaa?
8 Gumii keessatti hojiiwwan wayitti hin galle ykn beekamoo nama hin gooneefi raawwatamuu qaban baay’een jiru. Galma Mootummaa qulqulleessuu ykn hojiin isaan walfakkaatu jiraachuu danda’a. Haata’u malee, kun namoota kaan biratti ulfina kan namaaf hin argamsiisne ta’uunsaanii hojiiwwan akkasiirratti hirmaachuurraa akka of qusatan isaan hin godhu. Dhugumatti, namoonni hojii akkasiirratti fedhasaaniitiin hirmaatan kun Waaqayyoofi namoota ilaalcha sirrii qaban duratti ulfinaafi gatii guddaa argatu. Wanti nu yaaddessu qabu: Hojiin raawwatamuu qabu jiraa? Yoo jiraate hojii kana hojjechuudhaan namoota kaan fayyaduu kanan danda’u akkamitti? kan jedhu ta’uu qaba. Hojii akkasiirratti fedhiidhaan qofa utuu hin ta’in gammachuudhaan hirmaachuuf kan nu kakaasu sababii kana qofa ta’uu qaba.
9 Hundumtuu ‘gadi of deebisuu akka uffataatti uffatanii walii wajjin yeroo jiraatan’ ilaaluun akkam nama gammachiisaa! Obboloonni gumii keessatti argaman hundi ulfina argatu, namoonni akkasii kun karaa ulfina qabuun ilaalamu, hojii faayidaa qabu hojjechuusaaniitiinis ni dinqisiifamu; akka ilaalcha namoota biyya lafaatiin utuu hin ta’in akka Sagaleen Waaqayyoo jedhutti ilaalcha sirrii argatu.—1 Phe. 5:5; Far. 133:1; Rom. 12:10.
1 Amalli gad of qabuu ayyaana Waaqayyoo nuu argamsiisa. Waa’ee kanaa ilaalchisee Faarfannaan 138:6 akkas jedha: “Waaqayyo akkas ol ka’ee utuma jiruu, warra gad deebi’an in ilaala; warra of gurguddisan garuu inni fagootti in beeka.” Kan nama gaddisiisu garuu, yeroo har’aatti namoonni baay’een amala gad of deebisuu hin argisiisani. Namoonni ulfina, beekamuummaafi aangoo argachuu barbaadu. Phaawulos gumii Roomaatiif gorsa akkas jedhu kennee ture: “Fakkeenya jireenya bara isa darbu kanaa duukaa hin bu’inaa! Jaalalli Waaqayyoo isa kam akka ta’e gargar baasuudhaaf, yaada garaa keessanii haareffachuudhaan of diddiiraa! Jaalalli Waaqayyoo immoo waan gaarii ta’e, waan isa duratti fudhatamaa ta’e, waan akeeka isaa fiixaan baasus hubachuu dha.” (Rom. 12:2) Itti dabalees, “ol of qabuu hin yaadinaa, warra gad deebi’anii wajjin jiraachuu baraa!” jechuudhaan obbolootasaa gorseera. Ykn hiikni Aan Aameerikaan Tiraansileeshin jedhamu jechoota dhumaa kana: “Hojiiwwan gad of deebisuu gaafatan hojjedhaa malee ol ol of hin qabinaa” jechuudhaan kaa’a. —Rom. 12:3, 16.
2 Haala wal fakkaatuun nutihoo hojii gad aanaa hojjechuuf fedhii qabnamoo, akka namoota baay’ee wantoota warra kaan biratti “beekamoo” isaan godhan ykn hojiiwwan dandeettisaanii qoran hojjechuuf fedhii kan qaban ta’aniiyyuu, hojiiwwan akka gadi aanaatti lakkaa’aman akka hojjetan yeroo gaafataman garuu mufataniitii?
3 Hojiiwwan gadi aanaa hojjechuu kan gaafatan haalliwwan tokko tokko uumamaan jiraachusaanirayyuu, kutaa jireenya keenyaati. Ijoolleen ajaja warrasaanii kan raawwataniifi hojii mana keessaa kennameef kaminiyyuu kan hojjetan yoo ta’e, ayyaana Waaqayyoofi jaalala warrasaanii argatu. Macaafni Qulqulluun: “Ijoollee! Abboota keessanii fi haadhota keessaniif abboomamaa! Kun gooftaa duratti qajeelaa dha. Abboommiin inni dura abdii wajjin kenname, ‘Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni!’ isa jedhuu dha. Abdichis, ‘Gaarii akka siif ta’utti, lafa irras bara dheeraa akka jiraattutti!’” jedha.—Efe. 6:1-3.
4 Dubartoonni yeroo baay’ee amala gad of deebisuu argisiisutti fakkeenya gaarii ta’u. Yeroo baay’ee qofaasaanii mana keessa taa’uudhaan hojiisaanii raawwatu. Hojiin haati manaa hojjettu baay’eensaa gad of deebisuu kan gaafatu yeroo ta’u, ilaalchi si’anaa garuu hojiiwwan kana akka gadi anaatti, akka salphaafi faayidaa hin qabneetti ilaala. Haata’u malee, hojiin kun gammachuu maatii eeguuf ga’ee guddaa qaba. Akkasumas, Sagaleensaa dubartoonni ‘abbaa manaafi ijoolleesaanii akka jaallatan’ waan jajjabeessuuf ‘manasaanii ba’eessa godhanii eeggachuufi abbaa manaasaaniitiif abboomamuudhaan’ Waaqayyoon gammachiisuu danda’u. (Tit. 2:4, 5) Eeyyee, Waaqayyo, dubartoota Kiristiyaanaa haadholii manaafi haadhota jabaatanii hojjechuudhaan manasaanii akka gaariitti qaban baay’ee dinqisiifata. Hojii gaarii raawwatan kan hubatu si’a ta’u hojiinsaanii isa duratti kabajamaafi iddoo guddaan kan kennamuufidha.—Fakkeenya 31:10-31 wajjin wal bira qabii ilaali.
5 Biyyi lafaa, wantoota ulfinaafi beekamummaa namaa argamsiisu jedhamaniifi gadi anaa godhamanii ilaalaman, karaa gara biraammoo ‘ulfina namaa hiri’isu’ jedhamaniif, ilaalcha sirrii hin taaneefi faallaa ta’e qaba. Ilaalchi biyyi lafaa kun mataansaa, hanga hojichaa ykn hojii hojjennurra caalaa gad of qabuu kan gaafatu ta’uu danda’a.
6 Maatii Kiristiyaanaa keessatti gad of deebisuun akkuma barbaachisu, ‘waldaa obbolummaa’ gumiin Kiristiyaanaa argamsiise keessattis barbaachisaadha. Phexros akka armaan gadiitti jechuudhaan barreesseera: “Akkasuma isin warri gara ijoollees, maanguddootaaf abboomamaa! Hundumti keessanis gad of deebisuu akkuma uffataatti uffadhaatii, walii keessanii wajjin jiraadhaa! Caaffanni qulqullaa’aan, ‘Waaqayyo warra kooraan ol of qabaniin in morma, warra gad of deebisaniif immoo ayyaana in kenna in jedha.”’—1 Phe. 5:5.
7 Dargaggoonni gumii keessatti argaman muuxannoofi beekumsa jaarsoliin qaban argachuun akka isaan barbaachisu hubachuudhaan gorsa ‘garmalee ol ol of hin godhinaa, kanaa mannaa hojii gad of deebisuu gaafatu hojjedhaa’ jedhu kana hordofu.—Rom. 12:3, 16; HoE. 19:22; 2 Xim. 4:11.
[Ibsa fakkii fuula 7rra jiru]
Hojiiwwan Gadi Of Deebisuu Gaafatan Fedhiidhaan Ni Hojjettaa?
(fuula 8rraa kan naana’e )
[Ibsa fakkii fuula 8rra jiru]
(Gara ful. 7, toora 2ffaatti kan darbu )