LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 10/04 ful. 7
  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
  • Tajaajila Mootummaa—2004
Tajaajila Mootummaa—2004
km 10/04 ful. 7

Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii

Gaaffiiwwan kanaa gaditti jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Onkololeessa 25, 2004, jalqabutti kan irratti mar’iatamudha. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, barreeffamawwan, gaaffiiwwan irra deebii torban Fulbaana 6 hanga Onkololeessa 25, 2004⁠rratti hundaa’uudhaan daqiiqaa 30f irra deebicha geggeessa. [Yaadachiisa: Gaaffiiwwan booda barreeffamni deebiin irratti argamu hin caqasamne taanaan, deebiiwwan argachuuf dhuunfaatti qorannaa godhi.​​—⁠Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa ful. 36-37 ilaali.]

AMALAWWAN H.a

1. Sochii Kiristiyaanummaa ilaalchisee gumiidhaaf haasawaa yommuu dhiheessinu ilaalcha gaariidhaan dhiheessuu kan dandeenyu akkamitti? [be ful. 203 key. 2 -3]

2. Irra deddeebi’uun maalinni? Barbaachisaa kan ta’ehoo maaliifi? [be ful. 206 key. 1-4]

3. Ijoo haasawaa keenyaa jabeessinee dubbachuu kan dandeenyu akkamitti? [be ful. 210 key. 1-5, saanduqa]

4. Haasawaa nuu kenname yeroo dhiheessinu yaadawwan ijoo ta’an kan murteessuu dandeenyu akkamitti? [be ful. 212 key. 1-4]

5. Yaadawwan ijoo baay’ee ibsuurraa of qusachuu kan qabnu maaliifi? [be ful. 213 key. 2-4]

HAASAWAA LAK. 1

6. Namoonni wantoonni naannoosaaniitti argan hundi akka badan amanuu kan isaan dhowwe dagaagina bishaan badiisaa dura ture isa kami? [w02 3/1 ful. 5-6]

7. Namoonni bara Yesus turan, “Fayyisaa” jechuu mannaa “Barsiisaa” jedhanii isa waamuunsaanii xiyyeeffannaa keenya kan harkisu maaliifi? (Luq. 3:​12; 7:​40)[w02 5/1 ful. 4 key. 3; ful. 6 key. 5]

8. Fakkeenyi 11:​24, 25, humna guutuudhaan tajaajilarratti hirmaachuun faayidaa maalii akka qabu kan ibsu akkamitti? [w02 7/15 Ful. 30 key. 3-5]

9. Jal’ina Eeden keessatti uumameen kan ka’e, akkaataa Yihowaan itti bitu ilaalchisee gaaffii akkamiitu ka’e? Bu’aan jal’ina kanaahoo maal ta’e argame? (Uma. 3:​1-6)[w02 10/1 ful. 6 key. 1, 3, 4]

10. Yerusaalem keessatti, guyyaan waaqeffannaan dhugaa itti haaromfamu kan murteeffame akkamitti? [si ful. 285 key. 5]

DUBBISA M.Q.b

11. Yihowaan, Bala’aam namoota Balaaqii wajjin akka adeemuu itti himee utuu jiruu, yeroo inni duukaa adeemuu maaliif dheekkame? (Lak. 22:​20-​22)

12. Abbaan manaa dubartii Kiristiyaanaa tokko wareega haadha manaasaa hambisuu danda’aa? (Lak. 30:​6-8)

13. Yeroo har’aa ‘mandaroonni kooluu itti galan’ maal argisiisu? (Lak. 35:⁠6) [w95 11/15 ful. 17 key. 8]

14. ‘Abboommiiwwan Waaqayyoo harkarratti hidhachuufi michichila balbalaarratti caafuu’ ilaalchisee, abboommiin Keessa Deebii 6:​6-9⁠rratti ibsame kallattiidhaan kan fudhatamudhaa?

15. Yaadni “uffanni keessan isin irratti hin dhumne” jedhu Israa’eloonni wayyaa haaraa argatu jechuudhaa? (Kes. 8:⁠4)

a  Amala H. Jechuun: Amala Haasawaa Jechuudha

b  Dubbisa M.Q. jechuun: Dubbisa Macaafa Qulqulluu jechuudha

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi