Sagantaawwan Viidiyoo Bifa DVDtiin Qophaa’an
Mataduree Yaaliiwwan Bakka Dhiigaa Kennaman—Fiilmiiwwan Qo’annaarratti hundaa’uudhaan Duraa Duubaan Dhihaatan (Tiraansfizyin Ooltarneetiivs—Dookmantarii Siiriiyes) jedhuun fiilmiin DVDdhaan qophaa’e sagantaawwan viidiyoo sadii qabateera. Malawwan Dhiiga Malee Yaalii Gochuuf Ittiin Danda’amu—Salphaa, Gaarii, Bu’a Qabeessa Ta’e (Tiraansfizyin Straateeji—Siimpil, Seef, Iffeektiiv) kan jedhamu kan qophaa’e ogeessota fayyaafi barattoota yaaliitiif waan ta’eef, sagantaawwan lamaan caalaa kutaawwan yeroo yaaliin godhamu argisiisan qaba. Fiilmiin Yaalii Bakka Dhiigaa Kennamu—Mirgaafi Fedhii Dhukkubsattootaa Kabajuu (Tiraansfizyin Ooltarneetiivs Heelz Keer—Miitiing Peeshant Niids Eend Raayits) jedhamummoo caalaatti gaazexeessitootaaf/ abbootii taayitaa dhimma fayyaatiif, hojjettoota dhimma hawaasaatiif, akkasumas abbootii alangaatiif yaadamee kan qophaa’edha. Mirga dhukkubsattootaa tilmaama keessa galchuudhaan yaaliin isaan barbaachisu akkamitti akka kennamuufii danda’u argisiisa. Fiilmiin Dhiiga Hin Fudhadhu—Gama Yaaliitiin Furmaanni Argameera (Noo Blad— Mediisin Miits Za Chaaleenj) jedhamu namoota hundaaf yaadamee kan qophaa’edha. Fiilmiin DVD kun viidiyoowwan Ingiliffaa sadan bakka tokkotti kan qabate yeroo ta’u, afaan Faransaayii, afaan Jarmanii, afaan Xaaliyaanii, afaan Jaappaanii, afaan Poortugaal (Biraaziil), afaan Ruusiyaafi afaan Ispaanishiin qophaa’eera. Sagantaawwan viidiyoo kana ogeessa fayyaa keessaniif, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu keessaniif, hiriyaa gaa’elaa ykn firoota keessan warra hin amanneef, barsiisota keessaniif, namoota isinii wajjin hojjetaniifi ijoollee isin duukaa barataniif kennuu ykn argisiisuu dandeessu.