Beeksisa
◼ Barreeffamawwan raabsaman, Amajjii: Birooshuura “Dammaqinaan Eegaa!” jedhamu raabsuuf duulli addaa ni godhama; Guraandhala: Yihowaatti Dhi’aadhu; Bitootessa: “Dammaqinaan Eegaa!”; Ebla: Barruulee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa!.
◼ Haasawaan sabaa haaraan Bitootessaa kaasee daawwattoonni olaanaa aanaa kennan, matadureensaa “Addunyaa Hubannaa Hin Qabne Keessatti Ogummaadhaan Deddeebi’aa” kan jedhu ta’a.
◼ Gumiiwwan Ayyaana Yaadannoo Kamisa, Bitootessa 24 erga biiftuun lixxee booda kabajamuuf qophii barbaachisaa ta’e gochuu qabu. Haasawichi dursee jalqabamuu danda’us, maxinoofi wayinichi biiftuun utuu hin lixin naanneffamuu hin qabu. Naannoo keessanitti biiftuun yeroo itti lixxu namoota naannoo keessanii gaafadhaa. Gumiiwwan hundi Ayyaana Yaadannoo kana mataa mataasaaniitti akka kabajan isaan jajjabeessina. Galma Mootummaa tokkotti gumiiwwan hedduun kan fayyadaman yoo ta’e, galgala sanaaf gumiin tokko ykn lama galma ayyaana yaadannoo itti godhan garabiraa barbaaddatu ta’a. Kan ayyaanicharratti argaman hundi saganticharraa guutummaatti akka fayyadamaniif, kan danda’amu yoo ta’e, sagantaawwan gidduutti daqiiqaan 30ni utuu dhiifamee gaarii ta’a. Keessummoota fiduufi geessuu dabalatee, iddoon konkolaataan itti dhaabatus xiyyeeffannaa keessa galuu qaba. Qaamni jaarsolii qindoominni gumichaaf mijaa’aa ta’u kam akka ta’e ni murteessa.
◼ Sagantaa Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii 2005rratti, kutaa arfaffaan torban Guraandhala 14 jalqabu dhihaatu matadureensaa jijjiirameera. Kanaafuu, barattoonni kutaan kun kennamuuf qorannaa godhanii kutaasaanii kan dhiheessan mataduree: “Hiipnootiizimiin Kiristiyaanotaaf kan Hin Taane Maaliifi? jedhu utuu hin ta’iin, mataduree: “Wantoota Dawweessaa Wajjin Walitti Dhufeenya Qabaniin Gargaaramuun Miidhaa Maalii Qaba?’ jedhu ta’a.
◼ Barreeffamawwan haaraa harkaa qabnu: Afaan Chaayinaa: T-21, T-26; Tigriffa: Waaqayyoon Waaqeffadhu; Afaan Urduu: Dammaqinaan Eegaa!
◼ BARREEFFAMAWWAN LAMMATA NU GA’AN: Ingiliffa: Gaayidaans, Dhugaa Baatota Yihowaa, Laastiing Piis Eend Haappiinas, Aawar Prooblems, Konkordaansii, Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa (bi12), Indeeksii 86-00; Tigriffa: Raajii Daani’el Xiyyeeffannaadhaan Hordofi.