Akkaataawwan Dhiheenyaa Fakkeenyaaf Kaa’amaniin Akkamitti Gargaaramna?
1 Akkaataawwan dhiheenyaa, barruuleefi barreeffamoota kaan raabsuuf yeroo yeroodhaan Tajaajila Mootummaa irratti ni ba’u. Tajaajilarratti, akkaataawwan dhiheenyaa kennaman kana akkuma barreeffamanii jiranitti irra deebina jechuu miti. Akkaataawwan dhiheenyaa kun kan ba’an wanta jennuuf yaada nuu kennuufidha. Akkaataawwan dhiheenyaa kana, jecha mataa keenyaan kan dubbannu yoo ta’e caalaatti bu’a qabeeyyii taana. Jecha mataa keenyaan haasofsiisuun keenya, namichi akka hin sodaanne godha; akkasumas, gaarummaafi wanta sanatti akka amannu argisiisuuf nu gargaara.—2 Qor. 2:17; 1 Tas. 1:5.
2 Akkaataa Dhiheenyaa Kee Akkuma Haalasaatti Jijjiiri: Akkaataan dhiheenyaa keenya aadaa naannoo keenyaa wajjin wal simuu qaba. Namicha haasofsiistu nagaa gaafattee marii jalqabuu dandeessamoo, namoonni naannoo keetiitti argaman nagaa utuu hin gaafatin marii kee akka jalqabdu barbaadu? Moo namoonni naannoo kee jiran dhimma dhaqxeef kallattumaan akka dubbatu barbaadu? Kun naannoodhaa naannootti al tokko tokkommoo namaa namatti addadda ta’a. Gaaffii kan gaafannus hubannaadhaan ta’uu qaba. Gaaffiiwwan naannoo tokko tokkotti sirrii ta’an naannoo biraattimmoo namoota kan yeellaasisan ta’u. Kanaafuu, akkaataa dhiheenyaa naannoo sanatti fudhatamaa ta’een fayyadamuuf akka gaariitti irratti yaaduu qabna.
3 Itti dabalees, tajaajilaaf yemmuu qophoofnu, akkaataa itti guddataniifi ilaalchasaanii tilmaama keessa galchuu qabna. Fakkeenyaaf, Maatewos 6:9, 10, ilaalchisee nama amantaa Kaatolikiitii cimsee hordofuuf ibsi ati laattu, nama “Kadhannaa Gooftaa” wajjin wal hin beekneef ibsa laatturraa adda akka ta’u beekamaadha. Dursinee yoo yaadne, akkaataa dhiheenyaa keenya akkuma xiyyeeffannaa namoota tajaajilarratti argannu harkisuun jijijjiiruu dandeenya.—1 Qor. 9:20-23.
4 Akkaataawwan dhiheenyaa kennamanitti gargaaramuuf yoo karoorfannellee, dursinee qophii gaarii gochuun keenya baay’ee barbaachisaadha. Mata duree ykn boqonnaa barreeffama raabsuuf yaadne wajjin wal simu dubbisuufi yaadawwan xiyyeeffannaa namootaa harkisuu danda’an barbaaduu qabna. Achiis qabxiiwwan kana akkaataa dhiheenyaa keenya keessatti haa daballu. Barreeffama raabsuuf yaadne akka gaariitti beeksisuu kan dandeenyu qabiyyeesaa wajjin sirriitti yoo wal beekne qofadha.
5 Akkaataawwan Dhiheenyaa kan Biraa: Akkaataawwan dhiheenyaa kennaman qofaatti gargaaramuun dirqamadhaa? Lakki. Akkaataan dhiheenyaa ykn caqasni kan biraan caalaatti bu’a qabeessa yoo ta’e itti gargaarami. Keessumaa, barruulee ennaa raabsitan mata duree qolasaarra jiruun ala, mata dureewwan barruusanarratti ba’an, kan naannoo keenyaaf mijaa’oo ta’anitti gargaaramuuf dammaqoo ta’utu nu barbaachisa. Walga’ii Tajaajilaarratti akkaataawwan dhiheenyaa itti gargaaramnu hojiin argisiisaan ennaa dhihaatan, naannoo gumiitiif mijaa’aa ta’e kamittiyyuu gargaaramuun ni danda’ama. Karaa kanaan hundi keenya gargaarsa misiraachicha karaa bu’a qabeessa ta’een dubbachuuf nu dandeessisu arganna.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Akkaataawwan dhiheenyaa kennamanitti akkamiitti fayyadamuu qabna?
2. Akkaataawwan dhiheenyaa yeroo qophoofnu aadaa naannoo sanaa tilmaama keessa galchuu kan qabnu maaliifi?
3. Akkaataa guddinaafi ilaalcha namoota haasofsiisnuu tilmaama keessa galchuu kan qabnu maaliifi?
4. Qophii gaariin barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
5. Akkaataawwan dhiheenyaa Tajaajila Mootummaarratti ba’aniin ala qophaa’uun kan nu barbaachisu maaliifi? Qophaa’uu kan dandeenyuhoo akkamitti?