Barruulee Raabsuuf Qophii Gochuu
1 Tajaajila Mootummaa hundumaarratti akkaataan dhiheenyaa waan ba’uuf, ‘Barruulee raabsuuf akkaataa dhiheenyaa qophaa’uun maaliif barbaachisa?’ jettee gaafatta ta’a. Obboloonni baay’een akkaataawwan dhiheenyaa ba’an kana gaarii ta’ee argataniyyuu, dhuunfaatti qophii gochuun barbaachisaadha. Akkaataan dhiheenyaa naannoo keenyatti bu’a qabeessa ta’e bakka biraatti ta’uu dhiisuu danda’a. Kanaafuu, akkaataawwan dhiheenyaa barreeffaman kanatti kallattiidhaan fayyadamuuf dirqamni akka nurra hin jirre beekuu qabna. Itti fayyadamuu yoo barbaannellee, yaadasaa jecha mataa keenyaan yoo dubbanne gaariidha.
2 Mataduree Filadhu: Dura barruu sana erga dubbistee booda, mataduree naannoo keetiif ta’uufi xiyyeeffannaakee harkise filadhu. Mataduree sana amanannaafi miira ho’aadhaan beeksisuunkee namichi barruu sana dubbisuuf fedhii akka qabaatu gochuu danda’a. Mataduree xiyyeeffannaa namoota naannoo sanaa harkisu beeksisuu barbaadduyyuu, matadureewwan barruu sana keessa jiran kaanis sirriitti hubadhu. Kunimmoo, fedhiin namichaa mataduree kan biraa yoo ta’ellee akkaataa dhiheenyaakee jijjiiruuf si gargaara.
3 Gaaffii Gaafadhu: Itti aansuudhaan jechoota jalqabarratti dubbattu of eeggannoodhaan qophaa’i. Wanti jalqabarratti dubbattu murteessaadha. Namichi mataduree ati filatte sanaaf fedhii akka qabaatu gochuuf, gaaffii xiyyeeffannaasaa harkisu tokko gaafachuun gaarii ta’uu danda’a. Gaaffiiwwan ilaalcha namichaa beekuuf gaafataman caalaatti bu’a qabeessadha. Gaaffii namichatti hin tolle, yookiinimmoo isaan falmuukee argisiisu tasumaa hin gaafatin.
4 Caqasa Dubbisi: Dhumarratti, tarii haalli namichaa kan heyyamu yoo ta’e mataduree itti argisiisuuf jettu sanarraa caqasa dubbistuuf tokko filadhu. Caqasa dubbisuun keenya, namichi ergaan keenya Dubbii Waaqayyoorratti kan hundaa’e ta’uusaa hubachuuf isa gargaara. (1 Tas. 2:13) Barruulee fudhachuu yoo didellee, caqasni isaaf dubbisne dhugaa ba’uufii danda’a. Obboloonni tokko tokko gaaffii gaafachuu dura namootaaf caqasa dubbisuudhaan fedhiisaanii kakaasuu danda’aniiru. “Wanta Macaafni Qulqulluun dubbatu tokkorratti yaada maalii akka qabdu beekuu barbaadeen ture” jechuudhaan caqasa tokko dubbisuu dandeessa ta’a. Achii yaada caqasichaa wajjin wal simu barruu sana keessaa itti argisiisuu, akkasumas barreeffamicha kennuufiikee dura fedhiisaa dabaluuf yaada gabaabaa kennuu dandeessa.
5 Barruulee ennaa raabsinu wanta jennu ilaalchisee seerri gogaan hin baane. Walumaa galatti, akkaataa dhiheenyaa keessan salphaafi gabaabaa yoo gootan gaariidha. Akkaataa dhiheenyaa sitti toluufi bu’aa gaarii argamsiisutti fayyadami. Bu’aa guddaa barreeffamichi qaburratti xiyyeeffadhuutii miira ho’aadhaan dubbadhu. Akka gaariitti yoo qophoofte, ‘warra mootummaa waaqayyootti galuudhaaf yaadatamaniif’ Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! raabsuudhaan caalaatti bu’a qabeessa taata.—HoE. 13:48.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Barruulee raabsuuf akkaataawwan dhiheenyaa Tajaajila Mootummaarra jiranitti guutummaatti fayyadamuu mannaa, al tokko tokko kan mataa keenyaa qophaa’uu kan wayyu maaliifi?
2. Mataduree kam akka beeksistu murteessuun maal dabalata?
3. Yaada seensaa akkamiitti fayyadamuukeetu bu’aa gaarii argamsiisa?
4. Haallisaa mijaa’aa yoo ta’e nama haasofsiifnuuf caqasa dubbisuun faayidaa maalii qaba?
5. Barruulee raabsuuf akkaataa dhiheenyaa yommuu qophooftan qajeelfama akkamii sammuutti qabachuu qabdu?