Dandeettii Tajaajilarratti Qabnu Fooyyeffachuu—Seensa Qopheessuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
Barbaachisaa Kan Taʼe Maaliifi? Seensi keenya fedhii namootaa kan kakaasu miti taanaan, namni nuti haasofsiisnu utuu nuti dhugaa hin baʼiniif maree keenya addaan kutuu dandaʼa. Kanaafuu, babalʼistoonni hedduun seensisaanii akkaataa dhiheenyaasaanii keessatti iddoo guddaa akka qabaatu godhaniiru. Akkaataa dhiheenyaa Tajaajila Mootummaarraa kan argannu taʼuyyuu, akka haalasaatti jijjiirama gochuuf akka taʼutti, seensa guutuu taʼe kan qabatan miti. Akkaataan dhiheenyaa tokko guutuu yoo taʼeyyuu, babalʼistoonni akka naannoosaaniitiif taʼutti jijjiiruu ykn kan biraa qopheessuu ni dandaʼu. Kanaafuu yeroo nama tokko haasofsiisuuf jennu waanuma nutti dhufe dubbachuu mannaa, seensa keenya of eeggannoodhaan qophaaʼuun buʼa qabeeyyii taʼuuf nu gargaara.—Fak. 15:28.
Kana Gochuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
• Mataduree barreeffama raabsitu sanarratti hundaaʼeefi xiyyeeffannaa namoota naannookee keessa jiranii harkisu tokko filadhu.
• Erga nagaa gaafattee booda maal akka jettu of eeggannaadhaan qopheessi. Tarii akkas jettee jalqabuu dandeessa: “Sababiin itti dhufe . . . ,” “namoota baayʼee waaʼeen . . . isaan yaaddessa,” “. . . irratti yaada qabdu akka kennitun barbaade” ykn kan kana fakkaatanitti gargaaramuu dandeessa. Yeroo baayʼee hima gabaabaafi salphaa taʼetti fayyadamuun gaariidha. Babalʼistoonni tokko tokko seensa itti fayyadaman yaadatti qabachuu filatu.
• Namni ati haasofsiistu sun akka sii wajjin maree jalqabuuf gaaffii ilaalchasaa akka ibsu isa kakaasu qopheessi. (Mat. 17:25) Yeroo kanatti garuu namni ati haasofsiisuuf jettu kun wanta kan biraa yaadaa akka ture dagachuu hin qabdu; kanaaf gaaffiinkee ulfaataafi kan isa rifaasisu taʼuu hin qabu.
Jiʼa Kanatti Akkas Gochuuf Yaali:
• Yeroo waaqeffannaa maatii godhattan, seensa qopheessuufi shaakaluuf yeroo ramadaa.
• Tajaajilarratti yeroo hirmaattu, maal jechuu akka yaadde babalʼistoota kaanii wajjin irratti mariʼadhu. (Fak. 27:17) Seensikee buʼa qabeessa miti taanaan jijjiiri.