Akkaataa Dhiheenyaa Buʼa Qabeessa Taʼe Qophaaʼuu Kan Dandeessu Akkamitti?
1. Akkaataa dhiheenyaa gaarii taʼetti gargaaramuun hammam barbaachisaadha?
1 Akkuma nyaata fedhii namaa kakaasuufi soorata dura dhihaatuu, akkaataan dhiheenyaa gaariinis maree gaarii Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe gochuuf nu gargaara. Akkaataan dhiheenyaa buʼa qabeessa taʼe dheerinniifi qabiyyeensaa garaagarummaa kan qabu taʼus, akkuma nyaata miʼaawaa tokkoo yeroo hundumaa dursanii irratti yaaduufi qophii gaarii gochuu gaafata. (Fak. 15:28) Akkaataan dhiheenyaa tokko buʼa qabeessa akka taʼu kan godhu maalidha?
2. Akkaataa dhiheenyaa fedhii namaa kakaasu qopheessuu kan dandeenyu akkamitti?
2 Mataduree Fedhii Namootaa Kakaasu Filadhu: Akkaataan dhiheenyaa keenya fedhii namootaa kan kakaasu taʼuu baannaan, namni haasofsiisnu sun maree goonu akka dhaabnu gochuu dandaʼa. Kanaafuu yeroo akkaataa dhiheenyaa qophooftu, fedhiin namoota naannookee keessa jiranii maal akka taʼe yaadi. Namoonni naannookee keessa jiran, waaʼee bulchiinsa gaarii, waaʼee jireenya maatii gammachuu qabumoo waraanni akka dhaabatu dhagaʼuu barbaadu? Walumaa galatti namoonni yeroo baayʼee yaadasaanii ibsuu waan jaallataniif, gaaffii miirasaanii tuquufi ilaalchasaanii baruuf si gargaaru qophaaʼi. Akkaataa dhiheenyaa Tajaajila Mootummaarratti baʼutti fayyadamtee naannoo keetiif akka taʼutti itti hojjechuu dandeessaa? Darbee darbee waaqeffannaa maatii keessanirratti akkaataa dhiheenyaa tokko tokko maatiidhaan maaliif waliin hin shaakaltan?
3. Akkaataa dhiheenyaa keenya, aadaafi akkaataa guddinaa namoota naannoo tajaajilaa keenya keessa jiranii wajjin wal simsiisuu kan dandeenyu akkamitti?
3 Aadaafi Akkaataa Guddinaa Namootaa Tilmaama Keessa Galchi: Naannoowwan tokko tokkotti maalif akka deemne yeruma sana akka isaanitti himnu barbaadu. Naannoowwan kan biroottimmoo, namni tokko dura waaʼee nageenyasaanii isaan hin gaafatu taanaan, tariimmoo waaʼee dhimmawwan dhuunfaasaa tokko tokko isaanitti hin himu taanaan akka waan kabaja isaaniif hin qabneetti ilaalama. Naannoowwan tokko tokkotti amantiin namoonni naannoo sanaa hordofan, akkaataa dhiheenya keenyarratti Macaafa Qulqulluu baasnee ifatti akka dubbisnu kan nu godhu taʼuu dandaʼa. (HoE. 2:14-17) Haataʼu malee, bakka namoonni amantii Kiristaanaa hin hordofne ykn matumaa amantii hin qabne jiranitti, guyyaa jalqabaatti Macaafa Qulqulluurraa caqasuu mannaa, yommuu deddeebii gaaffii goonutti kana gochuun keenya gaariidha.—HoE. 17:22-31.
4. Jecha jalqaba akkaataa dhiheenyaa keenyarratti dubbannuuf xiyyeefannaa akkamii kennuu qabna?
4 Jecha Jalqabarratti Dubbatamu: Jecha jalqabarratti dubbattu of eeggannoodhaan qophaaʼi. Yeroo baayʼee hima gabaabaafi salphaa taʼetti fayyadamuun gaariidha. Akkaataa jecha jalqabaa itti dubbannuuf xiyyeeffannaa kennuu qabna. Miira hoʼaadhaan dubbadhu. Fuula ifaa argisiisuufi seequudhaan, dhuunfaatti nama sanaaf xiyyeeffannaa akka kennitu argisiisi. Yaadawwan olitti kennaman hojiirra oolchuun keenya, akkaataa dhiheenyaa fedhii namoota naannoo keenyaa kakaasuudhaan ‘maaddii Yihowaarraa, NW’ akka nyaatan isaan gargaaruu dandeenya.—1 Qor. 10:21.