Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
Gaaffiiwwan kanaa gaditti jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Guraandhala 28, 2005 jalqabutti kan irratti mar’iatamudha. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, barreeffamawwan, gaaffiiwwan irra deebii torban Amajjii 3 hanga Guraandhala 28, 2005rratti hundaa’uudhaan daqiiqaa 30f irra deebicha geggeessa. [Yaadachiisa: Gaaffiiwwan booda barreeffamni deebiin irratti argamu hin caqasamne taanaan, deebiiwwan argachuuf dhuunfaatti qorannaa gochuu si barbaachisa.—Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa ful. 36-37 ilaali.]
AMALAWWAN HAASAWAA
1. Haasawaa keenya salphaatti kan namaa galu gochuu kan dandeenyu akkamitti? [be ful. 226 key. 1–227 key. 1]
2. Jechoota kamfaatu ibsa dabalataa barbaada? [be ful. 227 key. 2–5]
3. Wanti barsiisnu dhaggeeffattoota keenyaaf beekumsa akka kennu gochuuf mala akkamitti gargaaramuu dandeenya? [be ful. 231 key. 1-3]
4. Caqasawwan kanaan dura beekaman dhaggeeffattoota keenyaaf barumsa akka kennanitti dhiheessuu kan dandeenyu akkamitti? [be ful. 231 key. 4-5]
5. Dhaggeeffattoonni keenya ibsa Macaafa Qulqulluu beekamaa ta’e tokkorratti gadi fageenyaan akka xiyyeeffatan jajjabeessuun bu’aa maalii qabaa? [be ful. 232 key. 2-4]
HAASAWAA LAK. 1
6. Namoonni ‘Waaqayyoon akka sodaataniifi abboommiisaa akka eegan’ barsiisuun maalfaa dabalata? (Lal. 12:13) [be ful. 272 key. 3–273 key. 1]
7. Namoonni maqaa Yihowaa akka beekan itti himuu qofaa utuu hin ta’in eenyummaasaarratti akka xiyyeeffatan gochuu kan dandeenyu akkamitti? (Yoe. 2:32) [be ful. 274 key. 3-5]
8. Waa’ee Yesus beekumsa argachuuniifi isaaf dhugaa ba’uun hammam barbaachisaadha? (Yoh. 17:3) [be ful. 276 key. 1]
9. Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuufi Macaafa Qulqulluu hubachuun, ga’ee Yesus kaayyoo Waaqayyoo keessatti qabu hubachuu wajjin kallattiidhaan kan wal qabatu akkamitti? [be ful. 276 key. 2]
10. Yesus Kiristos Mootii ta’uusaa dhugumaan akka amannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? [be ful. 277 key. 4]
DUBBISA M.Q*
11. Abbaan Abrahaam, Taaraan, waaqolii tolfaman waaqeffachaa turee? (Iya. 24:2)
12. Giidewon hojii Yihowaan kenneef raawwachuuf ija jabina dhabee turee? Akkas jettee kan deebiste maaliifi? (Abo. 6:25-27)
13. Akkaataa Giidewon gosa Efreemitti dubbaterraa barumsa maalii arganna? (Abo. 8:1-3)
14. Warri Giibe’aa keessummoota simachuu diduunsaanii maal kan argisiisudha? (Abo. 19:14, 15)
15. ‘Namni hundumtuu wanta qajeelaa isatti fakkaate hojjechuunsaa,’ seeraan ala jiraachuun akka babal’atu godhee turee? (Abo. 21:25)