Beeksisa
◼ Barreeffamawwan raabsaman, Guraandhala: Yihowaatti Dhi’aadhu; Bitootessa: “Dammaqinaan Eegaa!”; Eblaafi Caamsaa: Barruulee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa!;
◼ Sassaabaan ilaaltuu olaanaa ykn namni inni ramade, Bitootessa 1 ykn utuu baay’ee isarraa hin fagaatin herrega gumii qoruu qaba. Qarshiin suphaafi ijaarsaaf baankii kaa’ame yoo jiraates akka qoramu qophiin godhamuu qaba. Kun godhamee yoo raawwate, gabaasa herregaa itti aanuu wajjin gumiif beeksifamuu qaba.
◼ Barreessaaniifi ilaaltuun olaanaa tajaajilaa, sochii qajeelchitoota ilaaluu qabu. Isaan keessaa sa’aatii irraa barbaadamu guutuu kan dadhabe yoo jiraate, jaarsoliin gargaarsa gochuufiif qophii gochuu qabu. Gargaarsa kennuuf xalayaawwan waggaa S-201 jedhaman ilaalaa.
◼ Haasawaan sabaa addaa tibba Ayyaana Yaadannoo 2005 dhihaatu, matadureensaa “Yesus Kan Dhiphateefi Kan Du’e Maaliifi?” kan jedhu ta’a. Dhimmoota garabiraa kanaa wajjin wal fakkaatan Tajaajila Mootummaa Fulbaana 2004rraa ilaali.
◼ Qophii addaa babal’istootaaf godhame ilaalchisee, beeksisni addaa Haasawaa Sabaa Dilbata, Bitootessa 20 himamurratti akka argaman isaan jajjabeessina.
◼ Waajjirri damee ajaja barreeffamaa babal’istoonni dhuunfaadhaan ergan hin simatu. Ajajni barreeffamaa gumiin ji’a ji’aan ergu, gara waajjira dameetti utuu hin ergamin dura, warri barreeffamoota dhuunfaadhaan ajajaman argachuu barbaadan tajaajilaa barreeffamaatti beeksisuu akka danda’aniif, sassaabaan ilaaltuu olaanaa ji’a ji’aan beeksisni akka himamu gochuu qaba. Barreeffamoonni ajaja addaatiin argaman warra kam akka ta’aan hin irraanfatinaa.
◼ Beeksisni Tajaajila Mootummaa ji’a Muddee 2004rratti, Waxabajjii 27, 2005 jalqabee, qayyabannaa kitaabaarratti kitaabni qayyabatamu Raajii Daani’el Xiyyeeffannaadhaan Hordofi kan jedhu ta’a jedhamee ture gumii Ingiliffaa malee kan isin hin ilaalle ta’uusaa beeksisna.