Kutaa 6—Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu
Baratichi Yeroo Gaaffii Kaasu Maal Gochuu Qabna?
1 Qayyabannaan Macaafa Qulqulluu takkaa sirriitti jalqabamnaan, barumsa tokkorraa kan biraatti darbuu mannaa, duraa duubaan barumsawwan Macaafa Qulqulluurratti mari’achuun gaariidha. Akkas gochuun keenya, baratichi beekumsa sirrii akka argatuufi karaa hafuuraa akka guddatu bu’uura gaarii ta’aaf. (Qol. 1:9, 10) Haata’u malee, yeroo baay’ee barattoonni qayyabannaasaaniirratti dhimmawwan adda addaa baay’eerratti gaaffii kaasu. Kun akkam godhamuu qaba?
2 Gaaffii isa kam Yerooma Sana Deebisuu Akka Qabdu Hubadhu: Yeroo baay’ee, gaaffiiwwan barumsa qayyabachaa jiraniin wal qabatan yeruma sanatti deebifamuu danda’u. Gaaffiin gaafatame barreeffama qayyabatamu sanarratti booddee deebii kan argatu yoo ta’e, gara ful duraatti akka deebi’uuf itti himuun qofti ga’aadha. Akkasumas gaaffiin ka’e mata duree irratti mari’annuu wajjin kan wal hin argine, ykn qorannaa dabalataa deebii gaarii kennuuf qorannaa dabalataa kan barbaadu yoo ta’e, sa’aatii qayyabannaa ala, kanaanachimmoo yeroo kan biraa yoo irratti mari’attan wayya ta’a. Babal’istoonni tokko tokko, gaaffii gaafatame galmeessanii qabachuunsaanii baratichi gaaffiisaatiif bakka guddaan akka kenname akka hubatuufi kaayyoon barumsa qayyabatamaa jiruu akka hin irraanfatamne gochuuf kan gargaaru ta’uusaa hubataniiru.
3 Barumsawwan Macaafa Qulqulluu baay’eensaanii, barreeffamoota qayyabannaadhaaf qophaa’anirratti gabaabumatti ibsamu. Baratichi barumsawwan tokko tokko fudhachuun yoo isa dhibe, ykn barumsa amantii sobaatti cimsee kan amanu yoo ta’ehoo? Tarii barreeffamoota dabalataa dhimma kana ilaalchisee yaada Macaafa Qulqulluu gadi fageenyaan ibsan ilaaluun faayidaa qabaachuu danda’a. Ragaawwan dhihaatanirratti ammas yoo amanuu dide garuu, yeroo kan biraatti dabarsuudhaan qayyabannaa keessan itti fufaa. (Yoh. 16:12) Beekumsi Macaafa Qulqulluu inni qabu bal’achaa ennaa deemuu, akkasumas karaa hafuuraa yeroo guddatu barumsa Macaafa Qulqulluu fudhachuun isatti ulfaate sana hubachuu danda’a ta’a.
4 Gad of Deebisi: Gaaffii ka’eef deebiisaa sirriitti hin beektu yoo ta’e, ilaalcha mataa keetii kennuuf hin yaalin. (2 Xim. 2:15; 1 Phe. 4:11) Dhimmicharratti qo’annaa dabalataa gochuudhaan deebiisaa fiddeefii akka dhuftu ibsiif. Carraan akkasii kun, barataan kee akkamitti qo’annaa akka godhu barsiisuuf si gargaaruu danda’a. Irraa jalaan, meeshaawwan qo’annaa jaarmiyaa Yihowaatiin qophaa’aniin akkamitti fayyadamuu akka danda’u itti argisiisuu qabda. Karaa kanaan, barataan kee suuta suutaan gaaffiiwwansaatiif ofumasaatii deebii argachuu danda’a.—HoE. 17:11.