Ayyaana Yaadannoo Ilaalchisee Yaadachiisawwan Kennaman
Waggaa kanatti Ayyaanni Yaadannoo kun kan kabajamu Kamisa Bitootessa 24 ta’a. Jaarsoliin dhimmawwan kanaa gadiitiif xiyyeeffannaa kennuu qabu:
◼ Sa’aatii ayyaanichi itti jalqabamu yeroo murteessitan utuu aduun hin seenin dura maxinooniifi wayinichi naanna’uu akka hin qabne yaadadhaa.
◼ Obboleessa haasawaa dhiheessu dabalatee namni hundumtuu, sa’aatiifi iddoo ayyaanichi itti kabajamu akka beeku godhamu qaba.
◼ Maxinooniifi wayiniin ayyaanichaaf ta’u qophaa’ee ta’uu qaba.—Masaraa Eegumsaa Guraandhala 15, 2003, ful. 14-15 ilaali.
◼ Saaniin, birciqqoon, minjaalliifi uffanni minjaalaa gaariin dursamee gara Galma Mootummaa fidamee iddoosaa kaa’amuu qaba.
◼ Galmi Mootummichaa ykn bakki walga’iif itti fayyadamtan kan biraa dursamee akka gaariitti qulqulleeffamuu qaba.
◼ Keessumeessitoonniifi obboloonni maxinoofi wayinii naanneessan, dursanii filatamuufi ga’een hojiisaanii, hojiisaanii akka gaariitti akkamitti akka raawwataniifi akkaataan uffannaafi filannaa sabirii qabu barbaachisaa akka ta’e itti himamuu qaba.
◼ Obboloota dibamoo keessaa humna dhabuusaanitiin kan ka’e, warra ayyaanicharratti hin argamneef haala mijeessuun barbaachisaadha.
◼ Galma Mootummaa tokkotti gumiiwwan tokko ol kan gargaaraman yoo ta’e, karaa namoonni deddeebi’anirra ykn balbala duratti akkasumas bakka konkolaataan dhaabatutti dhiphinni akka hin uumamneef gumiiwwan gidduutti qindoominni gaariin jiraachuu qaba.