Hubachiisa Ayyaana Yaadannoo
Waggaa kana ayyaanni Yaadannoo du’a Kristos Dilbata Ebla 4 kabajama. Jaarsoliin dhimmawwan kanaa gadiitiif xiyyeeffannaa kennuu qabu:
◼ Sa’aatii walga’iin itti godhamu yeroo murteessitan utuu biiftuun hin lixin dura, maxinoofi wayiniin naanneffamuu akka hin qabne yaadadhaa.
◼ Isa hasawaa dhiheessu dabalatee, kan walga’ii sanarratti argaman hundatti, sa’aatiifi iddoon walga’ichaa sirriitti itti himamuu qaba.
◼ Maxinoofi wayiniin ayyaanichaaf mijaa’aa ta’e qophaa’ee taa’uu qaba.—Masaraa Eegumsaa, Guraandhala 15, 2003, ful. 14-15 ilaali.
◼ Saaniin maxinoo, qodaan wayinii, minjaalli mijaa’aa ta’eefi uffanni isaa duraan dursa gara galmaatti geeffamanii iddoo iddoosaanii kaa’amuu qabu.
◼ Galmi Mootummaas ta’e bakki walga’iin kun itti gaggeeffamu duraan dursee akka gaariitti qulqullaa’uu qaba.
◼ Keessumsiistonni, akkasumas obboloonni maxinoofi wayinii naannessan dursanii filatamuufi ga’een hojiisaanii maal akka ta’e, akkamitti akka hojjetan, uffannaafi filannaa rifeensaa sirrii ta’e ilaalchisee qajeelchi barbaachisaa ta’e kennamuufii qaba.
◼ Obboloota dibamoo ta’anii humna dhabuu isaaniitiin walga’ii kana irratti argamuu hin dandeenye, haalli itti isaan wayiniifi maxinicharraa hirmaatan mijeeffamuufii qaba.
◼ Galma Mootummaa tokko keessatti gumiin tokkoo ol ayyaana kana kabajuuf sagantaan qabameera taanaan, balbalarrattiifi alatti dhiphinni akka hin uumamne gumiilee gidduutti qindoominni gaariin jiraachuu qaba.