Hubachiisa Ayyaana Yaadannoo
Waggaa kana Ayyaanni yaadannoo du’a Kristos Roobii Ebla 16 irra oola. Jaarsoliin dhimmawwan kanaa gadiitiif xiyyeeffannaa kennuu qabu.
◼ Sa’aatii walga’iin itti godhamu yeroo murteessitan utuu biiftuun hin lixin dura, maxinoofi wayiniin naanneffamuu akka hin qabne yaadadhaa.
◼ Iddoo danda’amu hundaatti, tokkoon tokkoo gumii ayyaana kana kophaatti kabajuu qaba.
◼ Dura taa’aafi isa haasawaa dhiheessu dabalatee, kan walga’ii sana irratti argaman hundatti, sa’aatiifi iddoon walga’ichaa sirriitti itti himamuu qaba.
◼ Maxinoofi wayiniin ayyaanichaaf mijaa’aa ta’e qophaa’ee taa’uu qaba.—Masaraa Eegumsaa, Guraandhala 15, 1985, fuula 19 fi beeksisa Tajaajila Mootummaa [km] 1/2003 ilaalaa.
◼ Saaniin maxinoo, qodaan wayinii, minjaalli mijaa’aa ta’eefi uffanni isaa duraan dursa gara galmaatti geeffamanii iddoo iddoo isaanii kaa’amuu qabu.
◼ Galmi Mootummaas ta’e bakki walga’iin kun itti gaggeeffamu duraan dursee akka gaariitti qulqullaa’uu qaba.
◼ Keessumsiistonni, akkasumas obboloonni maxinoofi wayinii naannessan duraan dursanii filatamuufi ga’een hojii isaanii maal akka ta’e, akkamitti wayiniifi maxinoon harkaa harkkatti akka dabarfamuu, uffannaafi filannaa rifeensaa sirrii ta’an ilaalchisee qajeelchi barbaachisaa ta’e kennamuufii qaba.
◼ Obboloota dibamoo ta’anii humna dhabuu isaaniitiin kan ka’e, walga’ii kana irratti argamuu hin dandeenye iddoo jiranitti gargaaruudhaaf qophiin godhamuu qaba.
◼ Galma Mootummaa tokko keessatti gumiin tokkoo ol ayyaana kana kabajuuf sagantaan qabameera taanaan, balbala irrattiifi alatti dhiphinni akka hin uumamne gumiilee gidduutti qindoominni gaariin jiraachuu qaba. Hanga danda’ametti sagantaalee walga’ii gidduutti daqiiqaa 30-45 dhisuun gaarii dha.