Beeksisa
◼ Barreeffamawwan ji’a Bitootessaatti raabsaman: Beekumsa Jireenya Bara Baraatti Geessu. Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf carraaqqiin addaa ni godhama. Namoota barreeffama kana qabaniif, kitaaba Raajii Daani’el Xiyyeeffannaadhaan Hordofi! jedhamu raabsuun ni danda’ama. Eblaafi Caamsaa: Qeenxee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! raabsaa. Namoota ayyaana Yaadannoorratti ykn walga’iiwwan Ti’ookraasii kaanirratti argamaniifi, waan hundumaatiin jaarmiyaa Yihowaa wajjin kan hin tarkaanfanne dabalatee, warra fedhii qabaniif deddeebii gaaffii yeroo gootan, kitaaba Tokkummaa Waaqeffannaa Waaqni Dhugaa Inni Tokkichi Argamsiise jedhamu raabsuurratti xiyyeeffadhaa. Keessumaammoo, namoota kanaan dura kitaaba Beekumsaafi brooshuura Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamu qayyabataniif, kitaaba kanaan qayyabannaa jalqabsiisuuf carraaqqiin addaa godhamuu qaba.
◼ Namoonni walga’iirratti argaman akka ofiin fudhatanitti barruuleefi barreeffamoonni minjaala Galma Mootummaarra akka kaa’aman hubatameera. Tajaajilaan barruulleefi tajaajilaan barreeffamaa babal’istotaaf akka barbaachisummaasaatti barreeffamawwan kennuudhaaf itti gaafatamummaa waan qabaniif kana booddee akkas gochuun hafuu qaba. Tajaajilli Mootummaa babal’istootaafis ta’e warra yeroo hundumaa Walga’ii Tajaajilaarratti argamaniif, ilaalaa olaanaa qayyabannaa kitaabaatiin waan kennamuuf matumaa ofiin fudhachuun hin danda’amu.—1 Qor. 14:40.
◼ Haasawaan sabaa addaa waggaa kanaa Dilbata, Ebla 18, 2004itti kennama. Mata dureensaa “Ija Jabaadhaa, Yihowaattis Amanamaa” kan jedhu ta’a. Gumiiwwan sagantaan walga’iisaanii Sanbadduraa ta’emmoo torbeesaatti Sanbadduraa Ebla 24itti fudhachuu danda’u. Gumiiwwan daawwataa ilaaltuu olaanaatiin Ebla 18 daawwatamaniifimmoo, haasawichi Ebla 25tti ni dhihaata. Warra ayyaana Yaadannoorratti argamaniifi namoota fedhii qaban hundaa afeeruuf carraaqqii godhaa.
◼ Barreeffamawwan nuharkatti argaman: Amaariffa: Traaktota #19-22. Afaan Arabaa: Beekumsa Jireenya Bara Baraatti Geessu, Waaqa Dhugaa Isa Tokkicha Waaqeffadhu, Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?, Sillaasee; kaasseettii viidiyoo: Macaafa Qulqulluu jedhamu. Ingiliffa: Kitaaba Koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu, Waaqa Dhugaa Isa Tokkicha Waaqeffadhu, kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa, Labsitoota, Kitaaba Faarfannaa (isa xiqqaa), Dubbisuufi Barreessuu Barachuu, Dhugumaan Waaqayyoo nuuf yaadaa?, Bara Baraaf Gammachuudhaan Lafara Jiraadhu!, Jireenya Gammachiisaa Akkamiin Hordofuu Dandeessa?, Sillaasee, kaassettoota adda addaa; Tiraaktota #14, 16, 19, 21-24. Fireenchii: Kitaaba Koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu.