Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
Torban Bitootessa 8 Jalqabu
Faarfannaa 16 (37)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaarraa filataman. Hundisaanii Walga’ii Tajaajilaa torban dhufuuf brooshuura “Biyyattii Gaarii Ilaalaa” jedhamu fidatanii akka dhufan yaadachiisi. Yaada ful. 4irra jirutti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Amajjii 1 fi Dammaqaan! Amajjii 2004 akkamitti akka beeksifamu kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi.
Daq. 12: “Sagantaa Haaraa Walga’ii Aanaa.” Haasawaafi marii dhaggeeffattotaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Guyyaa walga’ii aanaa itti gootan beeksisi. Gumiin keessan ji’oota muraasa dhufan keessatti walga’ii aanaa kan qabu yoo ta’e, warri cuuphamuu barbaadan ilaalaa olaanaatti beeksisuu akka qaban ibsi. Hundisaanii namoota Macaafa Qulqulluu qayyabachiisan afeeruuf carraaqqii addaa akka godhan, akkasumas walga’ichi jalqabamee hanga xumuramutti achitti argamuuf akka carraaqan jajjabeessi.
Daq. 23: “Isin Warri Isaaf Of Kennitan Hundinuu Waaqayyoon Jaalladhaa!” Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Yeroo keeyyata 3rratti mari’attan, dhaggeeffattoonni, ayyaana Yaadanoorratti namoota akkamitti akka afeeran yaada akka kennan godhi.
Faarfannaa 34 (77) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Bitootessa 15 Jalqabu
Faarfannaa 35 (79)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Yaada ijoo “Yaadachiisa Ayyaana Yaadannoo” jedhu irra deebi’i. Torban ayyaana Yaadannoo sanaatti qayyabannaan Masaraa Eegumsaa yoom akka godhamu beeksisi.
Daq. 15: Ji’a ayyaana Yaadannootti hojii tajaajila addaatiif qophii godhame ibsi. Marii dhaggeffattotaa wajjin godhamuun ilaalaa olaanaa tajaajilaatiin kan dhihaatu. Qophii addaa godhame ibsi. Muuxannoowwan gammachiisaa kanaa wajjin walqabatan muraasa dabalii dubbadhu. Eblaafi Caamsaatti warri haallisaanii mijaa’aa ta’e qajeelchaa gargaaraa akka ta’an jajjabeessi. Qabxiiwwan miiltoo Tajaajila Mootummaa Guraandhalaarratti argaman dabalii dhiheessi.
Daq. 20: Brooshuura “Biyyattii Gaarii Ilaalaa” jedhamurraa faayidaa argadhaa. Brooshuurri haaraan kun dubbisniifi qayyabannaan Macaafa Qulqulluu keenya caalaatti bu’aqabeessa akka ta’u godha. Kanaafuu, baafatasaatti fayyadamuun barbaachisaadha. Yihowaan biyya Bozraatii dhufuusaa kan ibsu, Isaayaas 63:1 dubbisi. Baafata brooshura “Biyyatti Gaarii” jedhamurraa Bozraa barbaadanii akka argatan hundasaanii afeeri. Saanduqa ful. 34irra jiruun fayyadamuudhaan hiika “Bozraa 11 G11,” maal akka ta’eefi Bozraafi Eedoomin kaartaarraa eessatti akka argaman argisiisi. Baafatasaatti fayyadamuudhaan, adeemsa Yesus Yerusaalemii gara Siikaaritti godhe barbaadi. (Yoh. 4:3-5) Haaluma wal fakkaatuun, kuufamni bishaanii Betzataa eessatti akka argamu barbaadi. (Yoh. 5:1-3) Dubbisa Macaafa Qulqulluu Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torbanii keessaa fakkeenyawwan dabalataa tokko ykn lama filadhu. Naannoowwan kun brooshuuricharraa eessatti akka argamaniifi kaarticha qoruun keenya akkamitti akka nugargaaru dhaggeeffattoonni akka dubbataniif afeeri. Kaartaawwan brooshuuricharratti argaman tokko tokko yeroo hangamiitii hanga hammamii akka fudhatan gabaabsii ibsi. Kaartaawwan ful. 18-19irra jiran hundumaarrayyuu naannolee Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman baay’ee qabateera. Hundumtuu brooshuura “Biyyattii Gaarii Ilaalaa” jedhutti akka gaariitti akka fayyadaman itti himi.
Faarfannaa 30 (63) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Bitootessa 22 Jalqabu
Faarfannaa 85 (191)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaa. Dubbisa Macaafa Qulqulluu torban ayyaana Yaadannoo Bitootessa 30–Ebla 4, Caaffata Qulqulluu Guyyaa Guyyaadhaan Qoruu—2004, fi Kaaleendarii 2004irra jiru akka dubbisan hundasaanii yaadachiisi.
Daq. 15: Akka gumiif barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 20: “Duula Fardeenii Siinis Dabalatu.” Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.
Faarfannaa 81 (181) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Bitootessa 29 Jalqabu
Faarfannaa 52 (129)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Bitootessaa akka deebisan yaadachiisi. Yaada seensaa fuula 4irra jirutti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Amajjii 15 yeroo raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi.
Daq. 25: Kitaaba Waggaarraa Faayyidaa Guutuu Argachuu. Hasawaafi marii dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Mataduree “Xalayaa Qaama Bulchiinsaarraa Ergame” jedhuun Tajaajila Mootummaa Guraandhala 2004rratti ba’erraa xuqaawwan ijoo ta’an dubbadhu. Guddina lakkoofsa dinqisiisaa addunyaa maratti argame keessaa muuxannoowwan nama jajjabeessan muraasa dubbadhu. Hundisaanii waggaa kana keessatti guutummaa kitaaba kanaa akka dubbisan jajjabeessi.
Daq. 10: Dhugaan, Maatiin Tokkummaa Akka Qabaatu Godha. Haasawaafi marii dhaggeeffatootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Yeroo tokko tokko namoonni fedhii qaban tokko tokko mormii miseensa maatiisaaniitiin kan ka’e Yihowaa waaqeffachuurraa duubatti deebi’uu danda’u. Muuxannoowwan kanaa gadii keessaa tokko tokko ibsi: Masaraa Eegumsaa Amajjii 1, 2002, ful. 14-15; Masaraa Eegumsaa, Muddee 1, 2000, ful. 8; Masaraa Eegumsaa, Fulbaana 1, 1999, ful. 32; Masaraa Eegumsaa, Amajjii 1, 1999, ful. 4fi Dammaqaa!, Guraandhala 22,1998, ful. 31. Miseens maatii keessaa seera bu’uuraa Macaaafa Qulqullu kan hojiirra oolchu nama tokko qofa ta’ellee, jireenyi maatii sanaa fooyyee akka qabaachuu danda’u ibsi.
Faarfannaa 53 (130) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Ebla 5 Jalqabu
Faarfannaa 8 (21)
Daq. 5: Beeksisa gumii.
Daq. 20: Qulqullinni Qaamaa Nukabajchiisa. Haasawaa Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 1, 2002, ful. 19-21rratti hundaa’ee dhihaatu. Qajeelchaan tokko qayyabannaa Macaafa Qulqulluusaatti, manasaafi naannoosaa qulqullinaan eeguun maaliifi akka barbaachisu malaan akkamitti akka isa gargaaru jaarsi tokko yeroo itti himu kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu; kunis brooshuura Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamu, barumsa 9, keeyyata 5rratti kan hundaa’u ta’a.
Daq. 12: Tiraaktiidhaan Fayyadamuudhaan Marii Jalqabuu. Marii dhaggeeffattotaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Hojii lallabuurratti wanti guddaan nama rakkisu marii jalqabuudha. Manaa gara manaatti, iddoo daldalaattiifi bakka namni itti baay’atutti yeroo lallabnu, marii jalqabuudhaaf tiraaktotaan fayyadamuu dandeenya. Tiraaktota xiyyeeffannaa namoota naannoo keenyaa harkisan lama ykn sadii gabaabsii irra deebi’i. Tiraaktota kana raabsuuf yaada seensaa maalii fayyadamna? Fakkiiwwan isarra jiranitti akkamitti fayyadamna? Miira namootaa tilmaama keessa galchuudhaan gaaffiiwwan akkamii kaasuu dandeenya? Nama fedhii qabu yoo argatan, mariisaanii itti fufuuf maal akka jechuu danda’an ibsuuf tiraakticha keessaa keeyyata tokko caaqasi. Tiraaktiidhaan akkamitti marii jalqabuun akka danda’amu kan argisiisu hojiin argisiisni tokko akka dhihaatu godhi. Achiis, tiraakticha keessaa keeyyata tokko fayyadamuudhaan mariin yeroo jalqabamuufi, kitaabni Beekumsa jedhamu yeroo raabsamu kan argisiisu haata’u.
Daq. 8: Muuxanoowwan nama gammachiisan kan ayyaana Yaadannoo wajjin walqabataniifi guddina sochii tajaajilaa ji’a Bitootessaatti argame dabalii dhiheessi.
Faarfannaa 7 (19) fi kadhannaa xumuraa.