Waajira Damee Haaraafi Galma Walga’ii Yihowaadhaaf Murteeffame —Guyyaa Seena Qabeessa
Waajjirri damee haaraan Sadaasa 20 murteeffame, hojii Yihowaa biyya keenyatti hojjetamuuf karaa kan bane ture. Sambadduraa waaree booda yeroo gammachiisaa ta’e kanatti, haasawaan sagantichaa mata duree “Guddina Hojii Yihowaaf Ulfina Fidu” jedhuun, miseensa Qaama Bulchiinsaa kan ta’ee obboleessa keenya Geeriit Looshiin kenname ture. Haasawaa kana dhaggeeffachuuf, dhaggeeffattoonni 2,230 ta’aan Galma walga’ii Bet’el boroo jiru keessatti argamaniiru. Daawwattoonni 200 ta’an biyyoota 29, jechuunis biyyoota bahaa akka Jaappaanfi Kooriyaa, biyyoota kaabaa akka Noorweeyfi Kaanaadaa, biyyoota lixaa akka Meeksikoofi Kaalifoorniyaa akkasumas biyyoota kibbaa akka Kibba Afrikaafi Awustiraaliyaadhaa dhufan sagantaa kanarratti argamaniiru. Biyya keenyaammoo obboloonni erga cuuphamanii waggaa kudha shaniifi isaa ol ta’an, akkasumas obboloonni tajaajila yeroo guutuu keessatti argaman afeeramanii turan.
Hojiiwwan guyyaa sagantichaa dura turan keessaa tokko tokko, sagantaa walga’ichaa, birooshuura sagantichaa, kaardii qomarratti maxxanfamuufi bakka keessummoonni itti keessumsiifaman qopheessuu, buufata xiyyaaraa dhaqanii keessummoota biyya alaa fudhachuu, wanta isaan barbaachisu gargaaruu, Bet’eliin daawwachiisuu, nyaata dabalataa qopheessuufi wantoota kana fakkaatan baay’ee kan dabalatu ture. Akkasumas keessummoonni biyya alaatii dhufan baay’een, bakkawwan mimmiidhagoo biyyattii keessa jiran akka daawwatan qophiin godhamusaatti baay’ee gammadaniiru.
Sambadduraa ganama, obboloonni guutummaa Itiyoophiyaa keessaa dhufan baay’een, Bet’eliin daawwachuusaaniitiin guddaa gammadaniiru. Laaqana salphaa ta’e erga nyaatanii booda, qophiin waajjira damee Yihowaadhaaf murteessuuf godhame waaree boodaa jalqabamee hamma galgalaatti ture. Sagantichi gabaasa biyyoota alaas kan dabalatu ture. Fakkeenyaaf, Burundii keessatti obboleessi tuuta naannoo fagootti argamu keessa jiru tokko, gabaasa tajaajilaasaa yeroosaatti deebisuuf, kiiloo meetra 90 miillasaatiin akka adeeme himamee ture. Obboloonni Burundii bakkawwan jeequmsaafi wal waraanuun ammayyuu hin dhaabanne keessa jiraatan, ji’atti giddu galeessaan sa’aatii 17 tajaajilarratti dabarsu! Obboloonni Sudaan Galmawwan Mootummaa 19 kan ijaaran yeroo ta’u, namoonni 6,000 ta’aanis Ayyaana Yaadannoorratti argamaniiru.
Kutaan seenaa ti’ookraasii Itoophiyaa ilaalchisee dhihaate, miira obboloota baay’ee tuqeera. Haasawaa kanarratti misiyoonota jalqaba gara Itoophiyaa dhufan keessaa, bara 1950 kaasee obboleettii waggoota shaniif tajaajilteef gaaffiifi deebiin godhamee ture. Obboloota ari’atamni cimaan irra ga’uyyuu ejjennoosaaniitti jabaachuudhaan fakkeenya gaarii ta’aaniifis gaaffiifi deebiin godhame ture. Muuxannoowwan ijaarsichaa ilaalchisee kutaa dhihaaterratti, bakka ijaarsaa argachuu, bituufi hojiidhaaf mijaa’aa gochuurratti rakkoowwan baay’een akka ga’anii turan ibsameera. Qarshiin ijaarsaaf ta’u kan argame gargaarsa ardiiwwan afur godhaniin akka ta’e kan ibsame yeroo ta’u, kunimmoo tokkummaa sabni Yihowaa qabaniif ragaa kan ta’udha. Ergaawwan addunyaa mararraa baga gammaddan jedhu gar malee baay’achuusaaniitiin, tokko tokko gabaabsamee dubbatame ture.
Dilbataa ganama, namoota 7,232 ta’aniifi Istaadiyemii Magaalittitti argamaniif, yaadni ijoo sagantaa gaafa Sambadduraa irra deebi’ameera. Itti aansee, obboleessi keenya Loosh qabeenyi dhugaa maal akka ta’eefi barumsa olaanaa addunyaa kanaa hordofuu ilaalchisee of eeggannoo godhamuu qabu hubachiiseera. Kan achitti argaman hundi yeroo hafe kanatti hojii immaanaadhaan nutti kenname kana ciminaan hojjechuurratti hirmaachuudhaan dammaqinaan eeguuf fedhii akka qabaniifi eebbawwan Yihowaan nuu kenneef dinqisiifannaa akka qaban argisiisaniiru.—1 Qor. 15:58.