Beeksisa
◼ Barreeffamawwan raabsaman, Bitootessa: “Dammaqinaan Eegaa!”; Eblaafi Caamsaa: Barruu Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa!; Waxabajjii: Gammachuu Maatii.
◼ Gumiiwwan, barruuleen Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! haaraan akkuma isaan ga’aniin obbolootaaf kennuu qabu. Kana gochuunsaanii, babal’istoonni barruulee kana raabsuusaanii dura akka dubbisan isaan gargaara. Tajaajilli Mootummaas akkuma dhufeen babal’istootaaf kennuun gaarii yeroo ta’u, tarii kanas Qayyabannaa Kitaabaarratti kennamuuf qophiin godhamuu ni danda’a.
◼ Yeroo kamittiiyyuu biyya gara biraa yommuu dhaqxan, walga’iiwwan gumii, aanaa, addaa ykn koonyaarratti argamuuf karoora yoo qabaattan, guyyaa, sa’aatiifi bakka walga’iin itti geggeeffamu beekuuf gaaffii kan dhiheessitan, waajjira damee hojii biyya sanaa olaantummaadhaan hordofuuf ta’uu qaba. Teesssoon waajjiroota damee dhuma fuula Kitaaba Waggaarratti argama.
◼ Barreessitoonni gumii, foormii Iyyata Tajaajila Qajeelchaa (S-205, Am.) jedhamuufi foormii Iyyata Tajaajila Qajeelchaa Gargaaraa (S-205b, Am.) jedhamu, baay’inaan jiraachuusaanii mirkaneessuu qabu. Foormii Barreeffamni Itti Gaafatamu (S-14, Am.) guutuudhaan foormiiwwan kana gaafachuun ni danda’ama. Yoo xinnaate kan waggaa tokkoof ga’u ajajuun barbaachisaadha
◼ Ayyaanni yaadannoo Kamisa, Bitootessa 24, 2005 kabajama. Gumiin keessan Kamisa walga’ii gumii kan qabu yoo ta’e, walga’ii kana guyyaa gara biraa Galma Mootummaatti walga’iin hin godhamnetti jijjiiruu qabdu. Kun kan hin danda’amneefi walga’ii tajaajilaa keessan kan isin duraa tuqu yoo ta’emmoo, kutaawwan baay’ee barbaachisaa ta’an walga’ii tajaajilaa yeroo gara biraa godhamurratti dabaltanii dhiheessuu dandeessu.
◼ Obboloonni hedduun, gara waajjira dameetti bilbilanii, faarfannaawwan Mootummattii haala ammayyaatiin qophaa’anii harka obbolootaarratti argaman ilaalchisee gaaffii dhiheessaniiru. Faarfannaawwan kun dhaabbaticha biratti fudhatama argachuufi dhiisuusaaniis gaafataniiru. Waa’ee faarfannaawwan kanaa kan dhageenye ta’us, akka fudhatama hin qabaannes isin beeksisuu barbaadna. Hadaraa, faarfannaawwan akkasii kana hin babal’isinaa; Interneetiirraas hin waraabinaa. Odeeffannoon kun waa’ee kanaa ifa akka isiniif godhu ni amanna.
◼ BARREEFFAMOOTA HAARAA NU HARKA JIRAN: Caaffata Qulqullaa’oo Guyyaa Guyyaadhaan Qoruu-2005 (Amaariffa, Arabiffa, Ingiliffa, Afaan Faransaay, Afaan Ispaanishiifi Tigiriffaan); Afaan Nuweeriin: T-16.
◼ AMMAS KAN NU GA’AN: Engiliffa: Ee Saatisfaaying Laayif, Maqaa Waaqayyoo, Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?, Haawu Kaan Bilad Seev Yuur Laayif?, Dhugaa Baatota Yihowaafi Mana Barumsaa, Raajii Isaayaas-1, T-26; Afaan Xaaliyaanii: Bi12; Afaan Tigiriffaa: Nama Namoota Hanga Har’aatti Jiraatan Hunda Caalu.