Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
Torban Bitootessa 14 Jalqabu
Faarfannaa 54 (132)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaa keessaa filataman. (Naannoo keessaniif mijaa’aa yoo ta’e) yaada seensaa ful. 4rra jirutti fayyadamuudhaan Masaraan Eegumsaa Amajjii 1fi Dammaqaan! Amajjii 2005 akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Akkaataawwan dhiheenyaa bu’a qabeeyyii ta’an kan biraattis gargaaramuun ni danda’ama. Hojiin argisiisni inni tokko, maamila barruutiif yeroo deddeebiin gaaffii godhamu kan argisiisu haa ta’u. Akkasumas Ayyaana Yaadannoo fuuldura keenyatti kabajamu isa haa yaadachiisu.
Daq. 20: “Caalaatti Macaafa Qulqulluurratti Kan Xiyyeeffate”
Daq. 15: Qophii Nu Jajjabeessuuf Godhame. Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee, maree Kitaaba Waggaa 2005rratti hundaa’ee dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Wantoota dinqisiisaa Yihowaan yeroo ammaatti godhurratti xiinxaluun keenya, garasaafi gara obboloota addunyaa maraatti caalaatti nu dhiheessa. (Far. 77:12-14) “Warra amantiidhaan jabaatan” ta’uudhaan cimnee Seexanaan akka morminu nu jabeessa. (1 Phe. 5:8, 9) Namoonni haaraan jaarmiyaa Yihowaa akka dinqisiifatan gargaara. Dhaggeeffattoonni Kitaaba Waggaa 2005 yeroo dubbisan yaada gaarii argatan akka dubbatan afeeri. Obboloota keessaa tokko ykn lama Kitaaba Waggaa dubbisuuf akkamitti sagantaa akka baafatan yaada akka kennaniif dursii qopheessi.
Faarfannaa 62 (146) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Bitootessa 21 Jalqabu
Faarfannaa 84 (190)
Daq. 10: Beeksisa gumii.
Daq. 15: “Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu—Kutaa 7.” Yommuu kutaa kana qophooftu, yaada Masaraa Eegumsaa Adoolessa 15, 2002, ful. 27, keeyyata 5-6rratti argamu ilaali.
Daq. 20: Armaagedoon Jechuun Maal Jechuudha? Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabiitii, kitaaba Ragaa Dhiheessuu ful. 43-47rratti hundaa’iitii gaaffiifi deebiidhaan dhiheessi. Caqasawwan yaadnisaanii kaa’amaniifi hin kaa’amnetti gargaaramuudhaan, gaaffiiwwan qubee fufurdaadhaan barreeffamanirratti yaada akka kennaniif dhaggeeffattoota afeeri. Yaada kana tajaajilarratti akkamitti hojjiirra oolchuu akka dandeenyu mari’adhaa.
Faarfannaa 98 (220) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Bitootessa 28 Jalqabu
Faarfannaa 61 (144)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaafi buusii gumichi godheef xalayaan galataa waajjiricharraa dhufe dubbisi. Hundisaanii haasawaa sabaa addaa Ebla 10 dhihaaturratti namoota fedhii qaban akka afeeran jajjabeessi. Barreeffamoota Eblaafi Caamsaatti raabsaman dubbadhu.
Daq. 15: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 20: Dammaqaafi! Masaraa Eegumsaa raabsaa. Akkaataawwan dhiheenyaa barruulee dabalataan raabsuuf gargaaraniifi Tajaajila Mootummaa Guraandhala 2005, ful. 8rratti ba’an irra deebi’aa. Barruulee dhihoo kanatti isin qaqqaban keessaa yaadawwan xiyyeeffannaa namaa harkisan caqasi. Yaadni ful. 4rra jiru naannoo keessanitti kan hojjetu yoo ta’e, Masaraan Eegumsaa Amajjii 15 akkamitti akka raabsamu kan argisiisu, hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Hojiin argisiisicharratti hojiin keenya addunyaa maraatti godhamuuf qarshii kan argatu akkamitti akka ta’e ibsa.—Masaraa Eegumsaa ful. 2, ykn Dammaqaa! ful. 5 ilaali.
Faarfannaa 95 (213) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Ebla 4 Jalqabu
Faarfannaa 81 (181)
Daq. 5: Beeksisa gumii.
Daq. 15: Wal jaalladhaa. (Yoh. 13:35) Masaraa Eegumsaa Guraandhala 1, 2003, ful. 15-18, keeyyata 10-21rratti hundaa’ee haasawaa jaarsaan dhihaatu. Namoota Ayyaana Yaadannoorratti ykn walga’iiwwan gurguddaarratti argamanii, walga’iiwwan gumiirratti garuu yeroo hundaa hin argamneef deddeebii gaaffii gochuufii dandeenya. Warra kanaan dura kitaaba Beekumsaafi birooshuura Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamu qayyabataniif, kitaaba Tokkummaa Waaqeffannaa Waaqni Dhugaa Inni Tokkichi Argamsiise jedhamuun qayyabannaa jalqabsiisuu yaalii haa goonu. Babal’istoonni warra dadhaboo gargaaruudhaan jaarsolii wajjin akkamitti qindoominaan hojjechuu akka danda’an addeessi.
Daq. 25: Qabeenya Keenyaan Galateeffannaa Qabnu Argisiisuu. Masaraa Eegumsaa Muddee 1, 2003, ful. 19, keeyyata 17-19, xalayaa Sadaasa 16, 2001fi Muddee 10, 2002 gumiiwwan hundaaf ergamanirratti hundaa’uudhaan haasawaadhaan kan dhihaatudha.
Faarfannaa 29 (62) fi kadhannaa xumuraa.
[Miiljaleewwan]
Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.