LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 4/05 ful. 2
  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
  • Tajaajila Mootummaa—2005
Tajaajila Mootummaa—2005
km 4/05 ful. 2

Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii

Gaaffiiwwan kanaa gaditti jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Ebla 25, 2005 jalqabutti kan irratti mar’iatamudha. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, barreeffamawwan, gaaffiiwwan irra deebii torban Bitootessa 7 hanga Ebla 25, 2005⁠rratti hundaa’uudhaan daqiiqaa 30f irra deebicha geggeessa. [Yaadachiisa: Gaaffiiwwan booda barreeffamni deebiin irratti argamu hin caqasamne taanaan, deebiiwwan argachuuf dhuunfaatti qorannaa gochuu si barbaachisa.—Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa ful. 36-37 ilaali.]

AMALAWWAN HAASAWAA

1. Barreeffama nuu ramadametti akka gaariitti kan gargaaramnu akkamitti? Barbaachisaa kan ta’ehoo maaliifi? [be ful. 234 key. 1-3, saanduqawwan]

2. Yeroo haasawaa dhiheessinu barreeffama nuu ramadamerraa yaada hangamsaa dhiheessuuf yaaluu qabna? [be ful. 234 key. 4–ful. 235 key. 1]

3. Tajaajilarratti maree jalqabuuf gaaffiiwwanitti akkamitti gargaaramuu dandeenya? (HoE. 8:30) [be ful. 236 key. 2-5]

4. Qayyabattoonni Macaafa Qulqulluu hubannaasaaniitti akka fayyadaman gochuuf gaaffiiwwaniin gargaaramuu kan dandeenyu akkamitti? (Rom. 12:1, NW) [be ful. 238 key. 1]

5. Gaaffiiwwan Roomaa 8:31, 32 fi Isaayaas 14:27⁠rratti dhihaatan kaayyoonsaanii maalidha? [be ful. 239 key. 1-2]

HAASAWAA LAK. 1

6. Hojii bartoota taasisuurratti ‘Yesus Kiristosin hundee’ gochuu kan dandeenyu akkamitti? (1 Qor. 3:11) [be ful. 278 key. 1-2]

7. Yihowaan bara 1914rii kaasee, Ilmasaatiif aangoo guutuu waan kenneef, “Mootummaan kee haa dhufu” jennee yeroo kadhannu maal jechuu keenya? (Mat. 6:9, 10) [be ful. 279 key. 4]

8. Kiristiyaanonni hundi dandeettii dubbisuutiif xiyyeeffannaa kennuu kan qaban maaliifi? Karaa kanaa Yesus fakkeenya maalii nuu kaa’eera? [w03 3/15 ful. 10 key. 5; ful. 12 key. 2]

9. Fakkeenyi Yosiyaasiifi Yesus, dargaggoonni karaa hafuuraa guddina akka argisiisan kan isaan gargaaru akkamitti? [w03 4/1 ful. 8 key. 3-4; ful. 10 key. 3]

10. Waaqayyootti amanamuu kan dandeenyu maaliifi? (Fak. 3:5, 6) [w03 11/1 ful. 4 key. 6- ful. 5, key. 1]

DUBBISA M.Q

11. Haannaan, mootiin biyya Israa’el bulchu utuu hin jiraatin, ‘isa ofii dibee moosiseef humna akka kennu’ kan kadhatte maaliifi? (1 Sam. 2:10)

12. Sabni Israa’el Saanduqni Kakuu utuu isaan gidduu jiruu mo’amuusaaniirraa maal baranna? (1 Sam. 4:3, 4, 10)

13. 1 Seenaa 2:13-15 Daawit ijoollee Iseyii keessaa ilma saddeettaffaa ta’uusaa utuu dubbatuu, 1 Saamu’el 16:10, 11 ilma torbaffaa akka ta’e kan dubbatu maaliifi? [w02 9/15 ful. 31]

14. ‘Hafuurri hamaan’ Saa’oliin jeequ maal ture? (1 Sam. 16:14)

15. Raajiin karaa “Saamu’eliin” Ekeer dubbistuu biyya Endooriin dubbatame sirrii turee? (1 Sam. 28:16-19) [w88 1/15 ful. 3 key. 3-4]

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi