LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 4/05 ful. 2-4
  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
  • Tajaajila Mootummaa—2005
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Torban Ebla 11 Jalqabu
  • Torban Ebla 18 Jalqabu
  • Torban Ebla 25 Jalqabu
  • Torban Caamsaa 2 Jalqabu
Tajaajila Mootummaa—2005
km 4/05 ful. 2-4

Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Torban Ebla 11 Jalqabu

Faarfannaa 2 (4)

Daq. 15: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaa keessaa filataman. (Naannoo keessaniif mijaa’aa yoo ta’e) Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 6⁠rra jiranitti fayyadamuudhaan Masaraan Eegumsaa Guraandhala 1fi Dammaqaan! Guraandhala 2005 akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Akkaataawwan dhiheenyaa bu’a qabeeyyii ta’an kan biraattis gargaaramuun ni danda’ama. Akkaataan dhiheenyaa inni tokko, babal’isichi karaarratti ennaa tajaajilu kan argisiisu haata’u.

Daq. 15: “Lallabuu Keessan Itti Fufaa.” Hanga yeroon sii heyyametti, dhaggeeffattoonni caqasawwan yaadnisaanii hin kaa’amnerratti yaada akka kennan afeeri.

Daq. 15: “Waan Gaarii Godhaa, Wanta Qabdanis Warra Kaaniin Ga’aa.” Akka gumichaaf barbaachisutti dhiheessi; karaawwan warra kaan gargaaruu itti dandeenyu addeessi.

Faarfannaa 22 (47) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Ebla 18 Jalqabu

Faarfannaa 97 (217)

Daq. 10: Beeksisa gumii.

Daq. 20: “Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu—Kutaa 8.” Babal’isaan tokko barataa Macaafa Qulqulluu haaraa ta’e tokkoof birooshuura Dhugaa Baatota Yihowaa Addunyaa Maratti Tokkummaadhaan Fedha Waaqayyoo Raawwatan jedhamu yeroo kennuuf kan argisiisu hojiin argisiisni gabaabaan akka dhihaatu godhi. Babal’isichi fakkii fuula 14⁠rra jiru erga itti argisiisee booda waa’ee haasawaa sabaa ibsaaf. Mata duree haasawaa sabaa itti aanuu itti himee baratichi akka argamu afeera.

Daq. 15: Meeshaawwan Elektiriikiitiin Ergaa Walii Dabarsuuf Malli Gargaaru Yeroo Guddate Kanatti Wantoota Kanatti Karaa Sirrii Ta’een Gargaaramuu. (Tit. 2: 11, 12) Tajaajila Mootummaa Fulbaana 2002, ful. 8, keeyyata 1-6⁠rratti hundaa’ee haasawaadhaan kan dhihaatu.

Faarfannaa 75 (169) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Ebla 25 Jalqabu

Faarfannaa 21 (46)

Daq. 15: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaafi buusii gumichi godheef galateeffannaa waajjiricharraa dhufe dubbadhu. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Eblaa akka deebisan yaadachiisi. (Naannoo keessaniif mijaa’aa yoo ta’e) Akkaataa dhiheenyaa ful. 6⁠rra jirutti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Guraandhala 15 akkamitti akka raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Akkaataawwan dhiheenyaa bu’a qabeeyyii ta’an kan biraattis gargaaramuun ni danda’ama. Akkaataan dhiheenyaa kun nama “Fedhii Hin Qabu” jechuudhaan yaada mormii kaasuuf akkamitti deebiin akka kennamu kan argisiisu haa ta’u. (kitaaba Xiinxalsiisuu ful. 16 ilaali.) Matadureewwan caalaatti naannoo sanaaf gargaaran dubbadhu.

Daq. 30: “Xalayaa Qaama Bulchiinsaarraa Ergame.” Kitaaba Waggaa 2005⁠rraa kan fudhatame. Haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu.

Faarfannaa 4 (8) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Caamsaa 2 Jalqabu

Faarfannaa 63 (148)

Daq. 10: Beeksisa gumii.

Daq. 15: Jaarsi gumii tokko “Saanduqa Gaaffii,” “Gaaffii Dubbistootaa” Masaraa Eegumsaa Bitootessa 15, 1982⁠rraa fudhatame irra deebi’a. Hanga yeroon sii heyyametti, keeyyata 1, 2, 4, 5fi 6 dubbisi. Gaaffiiwwan kanaa gadi jiranitti gargaaramuu dandeessa: (1) Gorsa 1 Qor. 7:39⁠rratti argamuuf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? (2) Yisihaq haadha manaa Yihowaa kabajju akka fuudhuuf, Abrahaam baay’isee kan yaadda’e maaliifi? (3) Muuxannoo eenyuutu akeekkachiisa nuu ta’a? (4) Kes. 7:2-4 akeekkachiisa akkamii nuu kenna? (5) Haaluma wal fakkaatuun Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa kan gorfaman akkamitti? (6, 7) (a) Obboloonni gumii keessa jiran hundi, keessumaa warri itti gaafatamummaa adda ta’e qaban, namni tokko nama cuuphame qofaa hiriyaa gaa’elaa godhachuu ilaalchisee gorsa Macaafni Qulqulluun kennu yommuu tuffatu amanamummaasaanii argisiisuu kan qaban akkamitti? (b) Dhugaa Baatuun tokko, ilmisaa ykn intallisaa akkasumas firrisaa nama hin amanne tokko hiriyaa gaa’elaa yoo godhatan, cidha kana qindeessuu, akkasumas obboloonni cidha kanarratti akka argaman afeeruunsaa sirriidhaa? Obboloonnoo cidha kanarratti argamuu ni danda’uu?

Daq. 20: “Namoonni Gosa Hundumaa Keessa Jiran Ni Fayyu.” Akka naannoo tajaajilaa gumichaatiif ta’utti dhiheessi.

Faarfannaa 47 (112) fi kadhannaa xumuraa.

[Miiljalee]

Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi