LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 4/05 ful. 3
  • Saanduqa Gaaffii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Saanduqa Gaaffii
  • Tajaajila Mootummaa—2005
Tajaajila Mootummaa—2005
km 4/05 ful. 3

Saanduqa Gaaffii

Kiristiyaanni tokko dhunfaatis, ta’e gumiidhaan ‘nama amane’ qofaa hiriyaa gaa’elaa godhachuu ilaalchisee gorsa Macaafni Qulqulluun kennuuf ilaalcha akkamii qabaachuu qaba?

1 Dubartii abbaan manaa irraa du’e ilaalchisee Phaawulos ergamaan: “Abbaa feetetti heerumuu in dandeessi, garuu nama amanetti haa heerumtu” jedhee gorsa kenneera. (1 Qor. 7:39) Gorsi kun, gorsa namni tokko ilaalcha dhuunfaarratti hundaa’ee kenne miti. Phaawulos yaada kana kan barreesse hafuura qulqulluudhaan kaka’ee waan ta’eef, burqaan gorsa gaariifi jaalala qabeessa ta’e kanaa Waaqayyodha. Kanaafuu, Kiristiyaanonni gorsa kana akka waan guddaatti ilaalu qabu malee akka waan salphaa ta’eetti ilaaluu hin qaban. Seenaan Macaafa Qulqulluu keessatti argamus wanti kun dhugaa ta’uusaa mirkaneessa.

2 Abrahaam Yisihaqiif haadha manaa yemmuu filatu, achuma Kana’aan keessaa, durboota amantii sobaa hordofan hin filanne. Kanaa mannaa, hangamillee rakkisaa ta’us, biyya fagoo bakka firoonnisaa warri Waaqa dhugaa beekan jiranii ilmasaatiif haadha manaa argachuuf carraaqqii godheera. Haaluma wal fakkaatuun Yisihaqis, Yaaqoobiin: “Durboota warra Kana’aan keessaa hin fuudhin!” jedheera. (Uma. 28:1; 24:1-67) Abrahaamiifi Yisihaq gaa’elli akkasumaan miira jaalalaarratti kan hundaa’e qofa akka hin taane hubataniiru. Nama hin amanne hiriyaa gaa’elaa godhachuun rakkina guddaa geessisuufi amantii dhugaarraallee nama fageessuu waan danda’uuf wanti kun nama Waaqayyoof bulu ta’uu kan gaafatudha.

3 Haata’u malee, warra Yihowaa hin waaqeffannerraa kan fagaatan Ibroota hunda hin turre. Fakkeenyaaf, yeroo tokko Yihudaan maatiisaa dhiisee deeme ta’u hin oolu, warra Kana’aan keessaa dubartii tokko fuudheera. Bu’aansaahoo maal ture? Ijoollee sadii godhatuyyuu, Yihowaan lamaansaanii hamoo ta’uusaaniitiin akka du’an godheera.—Uumama 38:1-10.

4 Waaqayyo saba Israa’eliin geggeessuuf yeroo seera kennetti, namoota Yihowaa hin waaqeffanne hiriyaa gaa’elaa akka hin godhanne isaan akeekkachiisee ture. (Kes. 7:2-4) Gorsi kun ogummaarratti kan hundaa’e ta’uusaa hubachuuf, rakkoo Solomoonirra ga’erraa ilaaluu ni dandeenya. Inni baay’ee ogeessa waan ta’eef, dubartoota Yihowaa hin tajaajille fuudhuusaatiin rakkina ykn qorumsa isarra ga’u hundumaa mo’achuu akka danda’u itti dhaga’ame ta’uu danda’a. Haata’u malee, gorsa Waaqayyootiif dantaa dhabuunsaa gadda irraan ga’eera.—1 Mot. 11:1-6.

5 Boodas, Waaqayyo Caaffata Qulqullaa’oo afaan Giriikiitiin barreeffaman: Nama Gooftaa hin tajaajille hiriyaa gaa’elaa hin godhatinaa jechuudhaan gorsa kana irra deebi’ee kenneera. Gorsi geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame kun, ‘Nama qulqulluufi amala gaarii qabu yoo argattan, namni akkasii kun olee bulee Kiristiyaana ta’uu waan danda’uuf wal qorachuufi hiriyaa gaa’elaa godhachuu ni dandeessu hin jedhu. Kanaa mannaa, Sagaleen Waaqayyoo: “Warra hin amannee wajjin walitti hin hidhatinaa!” jechudhaan gorsa ifa ta’e kenna. (2 Qor. 6:14) Nama hin cuuphamne hiriyaa gaa’elaa godhachuun, gorsa cimaa kana tuffachuudha.

6 Dhugaa Baatonni Yihowaa walumatti qabaatti, gorsi kun gorsa ogummaarratti hundaa’eefi gorsa cimaa akka ta’e waan amananiif, eenyuyyuu faallaa gorsa kanaa akka adeemu jajjabeessuu hin barbaadan. Fakkeenyaaf, obboleessi ykn obboleettiin tokko dadhabina karaa hafuuraa qabaniin kan ka’e, nama Dhugaa Baatuu hin taanee wajjin wal qorachuu ykn wajjin yeroo dabarsuu yoo jalqaban, warri gumii keessa jiran isa hin amanne sanaa wajjin walitti dhufeenya uumuudhaan gocha kanaaf deggersa kennuu hin qaban. Namni Kiristiyaana hin taane hiriyaa gaarii ta’uu hin danda’u jechuudhaan yaada Macaafni Qulqulluun dubbatuu wajjin walii galu. (1 Qor. 15:33) Ta’uyyuu obboleessa ykn obboleettiisaanii jaallachuusaanii itti fufu. Obboleessi karaarraa gore kun gadda Solomoonirra ga’erraa akka fagaatuuf malaan gorsa nama jajjabeessu kennuufii danda’u.— 2 Tasaloniiqee 3:14, 15 wajjin wal bira qabii ilaali.

7 Haata’u malee, Dhugaa Baatuun tokko gorsa kanaaf dantaa dhabuudhaan nama hin cuuphamin hiriyaa gaa’elaa godhachuuf yoo murteessehoo? Sababiin adda ta’e yoo jiraate malee, obboloonni gumii keessa jiran hundi cidha sirrii hin taane akkasii kana deggeruudhaan argamuu hin barbaadan. Sirni gaa’elaasaaniis Galma Mootummaa keessatti geggeeffamuu hin qabu. Galmichatti gargaaramuun kan heyyamamu, Kiristiyaanota cuuphamaniifi ‘nama amane’ qofaa hiriyaa gaa’elaa godhataniifidha. Ykn al tokko tokko, lamaansaaniiyyuu miseensa gumichaa ta’uudhaan yeroo hundumaa Waaqayyoon kan tajaajilaniifi yeroo dhihootti kan cuuphaman yoo ta’an heyyamamuufii ni danda’a ta’a. Jaarsoliin gumii, Dhugaa Baatuun ‘warra hin amannee wajjin walitti hidhachuuf’ yaade tokko, Galma Mootummaatti akka hin fayyadamne gochuudhaan, gorsi Waaqayyoo ‘nama amane’ qofa hiriyaa gaa’elaa akka godhannuuf kenne gorsa cimaa ta’uusaa akka hubatamu gochuu danda’u.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi