Xalayyaa Qaama Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaarraa Ergame
ADDUNYAA haaraatti galuuf baay’ee waan dhihaanneef Yihowaa eeggachuun keenya yeroo kamiyyuu caalaa ariifachiisaadha. (Sef. 3:8) Daani’el raajichi, ‘Waaqayyo wanta dhokatanii jiran mul’isu, inni wanta bara booddeetti ta’uuf jiru beeksiseera’ jechuudhaan dubbateera. (Dan. 2:28) Bara dhumaa duraan dursee raajiidhaan dubbatameef kana keessa jiraachuuniifi iccitiiwwan yeroo ammaatti Yihowaan ibsu hubachuu danda’uun mirga guddaa akkamiitii!
Yihowaan, ‘guyyaa gara dhumaa’ rakkisaa ta’e kanatti, “tuuta sonaan baay’ee” tajaajiltootasaa ta’aan sassaabuuf kaayyoo akka qabu, karaa ‘hojjetaa amanamaa fi ogeessaa’ sadarkaa sadarkaadhaan ibseera. (Mat. 24:45; Mul. 7:9; 2 Xim. 3:1) Isaayaas 2:2, 3, hojiin kun “bara booddeetti” addunyaa maratti kan raawwatamu ta’uusaa dubbata. Addunyaa hammeenyaafi jeequmsi itti babal’ate kana keessatti hojiin sassaabuu kun waggaa waggaadhaan ittuma fufeera.
Waggaa darbe, gorsa Yesus “dammaqaa! . . . qophaa’oo ta’aa!” jechuudhaan kenneef ajajamuun barbaachisaa ta’uunsaa akka gaariitti nuu ibsamee ture. (Mat. 24:42, 44) Dhugumayyuu, wantoonni addunyaarratti raawwataman Kiristiyaanota “milikkita yeroo kanaa” hubachuudhaan tarkaanfii fudhataniif hiika guddaa qabu. (Mat. 16:1-3) Yihowaan, Sagaleensaa akka raawwatamuuf saba hojiisaa kana akka hojjetaniif gurmeesse mormiin akkamiiyyuu yoo isaan mudate isaanii wajjin ta’uusaa ittuma fufa.
Warri tokko tokko Mootummaan Waaqayyoo akka hin lallabamneef gufuuwwan uumuu ykn hojicha dhaabsisuuf carraaqaniyyuu, obboloonni keenya waa’ee dhugaa dubbachuusaaniifi walitti sassaabamuusaanii ittuma fufaniiru. (HoE. 5:19, 20; Ibr. 10:24, 25) Waxabajjii 2004rrtti, manni murtii oliyyannoo biyya Mooskootti argamu hojiin Dhugaa Baatota Yihowaa akka dhowwamuufi jaarmiyaansaanii inni magaalaa sana keessatti argamu akka cufamuuf, murtii manni murtii gad aanaa dabarse raggaasiseera. Haata’u malee, obboloonni wanta kanaan abdii hin kunne; Waaqayyoo isaanirraa maal akka barbaadu waan beekaniif, namaaf abboomamurra isaaf abboomamaniiru. (HoE. 5:29) Yihowaan, haalawwan rakkisoon seeraa wajjin wal qabatan tokko tokko yeroo tajaajiltootasaa mudatanitti akka isaan geggeessu abdii qabna.
Waggoota muraasa darbanitti, Rippablikii Joorjiyaa keessatti obboloonni qabeenyasaanii dhabaniiru; jeequmsa haawaasaatiin gidiraan irra ga’eera; akkasumas barreeffamoonnisaanii jalaa gubamaniiru. Ta’uyyuu, meeshaan isaanirratti ka’e hundinuu fashalaa’eera. (Isa. 54:17) Waggaa tajaajilaa 2004rrtti, Dhugaa Baatonni Yihowaa Joorjiyaa keessa jiran seeraan beekamummaa deebisanii argataniiru. Rakkina tokko malee Walga’iiwwan gurguddaa gochuun danda’amuusaarrayyuu, barreeffamoonni kaffaltii tokko malee gara biyyattiitti galaa jiru. Karaa lakkoobsa babal’istootaas ta’e namoota Ayyaana Yaadannoorratti argamaniin lakkoobsi haaraan gabaasameera.
Armeeniyaa, Ertiraa, Rippablikii Kooriyaa, Ruwaandaafi Tarkaminestaanitti, obboloonni sababa amantaasaaniitiin mana hidhaa buufamaniiru. Obboloonni kun, gidiraan isaanirra ga’uyyuu, sababiinsaa maal akka ta’e yaada Macaafa Qulqulluurratti argamu waan beekaniif, amanamummaasaanii eeguudhaan hanga Yihowaan walaba isaan baasutti obsa godhataniiru.—1 Phe. 1:6; 2 Phe. 2:9.
Wantoota gurguddaa Waggaa Darbe raawwataman yemmuu dubbistaniifi Gabaasa Addunyaa Maraa 2004 yeroo ilaaltan, gaarummaa Yihowaatti ni gammaddu. (Far. 31:19; 65:11) Kitaabni Waggaa kun karaa Waaqayyo itti gammadurra deddeebi’uu keessan akka itti fuftaniif kan isin jajjabeessu akka ta’u abdii qabna.—1 Tas. 4:1.
Namoonni gosa hundumaa keessa jiran dhugaa akka beekaniif carraaqqii guddaa gochuu keenya ittuma fufna. Fakkeenyaaf, Namoota arguu ykn dhaga’uu hin dandeenye karaa hafuuraa gargaaruuf, viidiyoowwan, DVDwwaniifi wantoota garabiraa afaan mallattootiifi barreeffamoonni adda addaa namoota ijisaanii hin argineef qophaa’aniiru. Babal’istoonni Mootummitti baay’een, afaan namoota biyya alaa naannoo gumiisaanii jiran barataniiru.
Akkasumas, naannoowwan salphaatti bira ga’uun hin danda’amnetti, tuutawwan dhibbaan lakkaa’aman hundeeffamaniiru. Waajjira damee tokko jalatti, tuutawwan naannoowwan fagootti argaman 300 ol ta’an kan argaman yeroo ta’u, tuutawwan kana keessattis babal’istoota 7,000 ol ta’antu argama. Haalli kun gumiiwwan haaraan hundeeffamuuf carraan akka jiru kan argisiisu mitii? Waggaa darbe namoota Ayyaana Yaadannoorratti argaman 16,760,607 ta’an keessaa, namoonni miliyoona 10 ol ta’an Dhugaa Baatota Yihowaa miti. Kunis, makarri sassaabamuu ga’e akka jiru kan argisiisudha.
Eebba guddaa Yihowaan nuu kenneefi kunuunsa jaalalaa inni guyyaa guyyaan nuu godhuuf isa galateeffanna. (Fak. 10:22; Mil. 3:10; 1 Phe. 5:7) ‘Bara booddee’ kanatti tokkummaadhaan gara fulduraatti yeroo adeemnu abdiin keenya Yihowaadha. Rakkinni kamiyyuu yeroo nurra ga’u, caqasa waggaa 2005 “Gargaaraan koo . . . Yihowaa dha” jedhu haa yaadannu. (Far. 121:2, NW) Akka isin jaallannuufi waa’ee keessan akka kadhannu isiniif mirkaneessuu jaallanna.
Obboloota keessan,
Qaama Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa