LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 4/05 ful. 1
  • Lallabuu Keessan Itti Fufaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Lallabuu Keessan Itti Fufaa
  • Tajaajila Mootummaa—2005
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Dhaqaatii . . . Saba Hundumaa Keessaa Namoota Barattoota Godhaa”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • “Maqaa Yihowaa Jajadhaa”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • ‘Faanasaa Duukaa Bu’aa’
    Tajaajila Mootummaa—2008
Tajaajila Mootummaa—2005
km 4/05 ful. 1

Lallabuu Keessan Itti Fufaa

1 Kan jiraannu yeroo sodaachisaa keessadha. Waraanni walii waliifi gosoota gidduutti godhamu, balaawwan uumamaafi wantonni nama sukanneessan kan biraan babal’ataniiru. Kanaafuu, yeroo kamiyyuu caalaatti yeroo ammaatti maatii ilmaan namootaatiif misiraachoo isa barbaachisa. Haata’u malee, wantoota hafuuraatiif dantaa dhabuun babal’ateera. Naannoowwan tokko tokkotti, namoota manatti argachuun, akkasumas namoota nu dhaggeeffatan ykn namoota Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf fedhii qaban argachuun rakkisaa ta’uu danda’a. Ta’uyyuu, waa’ee misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuu keenya itti fufuun barbaachisaadha.—Mat. 24:14.

2 Jaalala Yihowaan Namootaaf Qabu: Lallabni keenya jaalala guddaa Yihowaan namootaaf qabu kan argisiisudha. ‘Inni, namoonni hundinuu yaada garaa isaanii akka geddaratan malee, garri tokko iyyuu akka badan hin barbaadu.’ (2 Phe. 3:9; His. 33:11) Kanaafuu, akkuma Yesus dubbate Waaqayyo: “Duraan dursee wangeelli saba hundumaatti lallabamuun in ta’a” jedhee labseera. (Mar. 13:10) Waaqayyo namoonni garasaatti akka deebi’aniifi badiisa addunyaa Seexanaatti dhufu jalaa akka oolaniif namootaaf waamicha dhiheesseera. (Yoe. 2:28, 29, 32; Sef. 2:2, 3) Yihowaan carraa akkasii nuuf banuusaatiif galateeffachuu hin qabnuu?—1 Xim. 1:12, 13.

3 Gabaasni addunyaa maraarraa argame akka argisiisutti, bara 2004⁠tti ji’a ji’aan gidduu galeessaan namoota 6,085,387 ta’aniif qayyabannaan Macaafa Qulqulluu geggeefameera; akkasumas torban torbaniin gidduu galeessaan bartoonni haaraan 5,000 ta’an cuuphamaniiru! Obboloota haaraa cuuphaman keessaa tokko tokko, babal’istoonni, naannoo tajaajilaa isaaniif ramadame keessatti namoota hundumaaf lallabuuf carraaqii walirraa hin cinne gochuusaaniitiin Yihowaan waan isaan eebbiseef kan argamanidha. Kun gumiiwwaniif gammachuu guddaa argamisiiseera; Waaqayyoo wajjin hojii lubbu baraarsaa kana hojjechuun mirga guddaa akkamitii!—1 Qor. 3:5, 6, 9.

4 Maqaa Waaqayyoo Galateeffachuu: Saboota duratti Yihowaa galateeffachuufi namoota hundumaa duratti maqaasaa qulqulleessuuf lallabuu keenya itti fufna. (Ibr. 13:15) Seexanni, Waaqayyo rakkoowwan dhala namaa hiikuuf humna hin qabu, dhiphinasaanitiif dhimma hin qabu ykn Waaqayyo hin jiru jedhanii akka amanan gochuudhaan “guutummaa biyya lafaa” wallaalchiseera. (Mul. 12:9) Nuyimmoo hojii lallabaa keenyaan, waa’ee dhugaa Abbaa keenya isa dinqisisaa, isa samiirra jiruu ni dubbanna. Ammas ta’e bara baraaf—maqaasaa galateeffachuu keenya itti haa fufnu.—Far. 145:1, 2.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi