LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 5/05 ful. 1
  • Guyyaan Yihowaa Dhihaateera

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Guyyaan Yihowaa Dhihaateera
  • Tajaajila Mootummaa—2005
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Mootummichi Bulchaa Jira!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Raajii Kitaaba Qulqulluurraa Baradhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
Tajaajila Mootummaa—2005
km 5/05 ful. 1

Guyyaan Yihowaa Dhihaateera

1 Kiristiyaanonni, guyyaa Yihowaa isa sirna gadhee kana balleessuufi addunyaa haaraa qajeelummaan keessa jiru fidu hawwii guddaadhaan eeggatu. (2 Phe. 3:12, 13) Guyyaansaa yoom akka ta’e waan hin beekneef, dammaqinaan jiraachuudhaan warri kaanis akka dammaqan gochuu qabna. (His. 33:7-9; Mat. 24:42-44) Sagalee Waaqayyoo isa raajiidhaan dubbatameerratti xiinxaluun keenya, ‘guyyaan Waaqayyoo inni guddaan dhi’aachuusaa’ ilaalchisee amantaa qabnu nuu jabeessa.—Sef. 1:14.

2 Mootummoonni Addunyaa Aangoo Guddaa Qaban Irraa Jalaan Ka’uusaanii: Akkuma Mul’ata 17:9-11⁠rratti ibsametti, Yohannis ergamaan, Mootummoonni addunyaa aangoo guddaa qaban irraa jalaan ka’uusaanii argisiisuuf “mootota torba” jechuudhaan ibseera. Akkasumas mootii “saddeettaffaa” isa yeroo ammaatti Mootummoota Gamtooman argisiisu caqaseera. Mootummaan addunyaa aangoo guddaa qabu kan biraan kan ka’u nutti fakkaataa? Matumaa, Raajichi, mootiin saddeetaffaan kun “gara badiisaa in dhaqa” jedheera. Mootummaan biyya lafaa isa booddee ibsames hin jiru. Raajiin kun dhugumaan yeroo akkamii keessa akka jirru kan argisiisu mitiiree?

3 Daani’el 2:31-45 guyyaa Yihowaa isa dhufaa jiru akka hubannu nu gargaara. Raajii kana keessatti, fakkeenyi bifa namaa guddaan Nebukadnezaar abjuudhaan arge, mootummoonni addunyaa aangoo guddaa qaban irraa jalaan akka ka’an kan argisiisudha. Mootummoonni kun hundumtuu dhufanii darbaniiru. Mootummoota kana keessaa yeroo keenya kanatti kan bitaa jiru isa kami? Yeroo qubeetii miilla fakkii sanaatiin fakkeeffame keessa jirra. Raajichi wanta dinqisiisaa sanaan booda raawwatamus ni ibsa. Bulchiinsi namootaa guutummaatti ni balleeffama; kunis “mootummaa deebi’ee matumaa hin badne” sanaaf karaa bana. Raajiin kun guyyaan Yihowaa dhihaachuusaa kan argisiisu akkamitti akka ta’e hubattee?

4 Ragaa Dabalataa: Ragaa dabalataa guyyaan Yihowaa dhihaachuusaa argisiisu nuyyuu argineerra. Phaawulos ergamaan, amalawwan namootaa “guyyoota gara dhumaatti” mul’atan ilaalchisee wanti inni dubbate yeroo raawwatamu ija keenyaan argineerra. (2 Xim. 3:1-5) Nuyis hojii lallabaa utuu dhumni hin dhufin addunyaa maraarratti hojjetamuu qaburratti hirmaachaa jirra. (Mat. 24:14) Ergamaa “Yeroon firdii isaa waan ga’eef, Waaqayyoon sodaadhaa, ulfinas kennaaf!” jechuudhaan labsu hordofuudhaan tajaajila keenya miira ariifannaatiin haa raawwannu.—Mul. 14:6, 7.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi