Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu
Kutaa 9: Barattoonni Macaafa Qulqulluu Karaa Alidilee Ta’een Akka Lallabaniif Leenjisuu
1 Indiriyaasiifi Filiphos Yesus Masiihii abdachiifame ta’uusaa erga hubatanii booda, oduu gammachiisaa kana warra kaanitti himuuf duubatti hin jenne. (Yoh. 1:40-45) Yeroo har’aattis akkasuma, barattoonni Macaafa Qulqulluu wanta baratanirratti amantii argisiisuu yoo jalqaban, dubbachuuf ni kaka’u. (2 Qor. 4:13) Karaa alidilee ta’een akka lallaban isaan jajjabeessuufi bu’a qabeeyyii akka ta’an isaan leenjisuu kan dandeenyu akkamitti?
2 Salphaadhumatti baratichi wanta Macaafa Qulqulluurraa barate warra kaanitti himuusaa gaafachuu dandeessa. Tarii hiriyootaafi miseensota maatii qayyabannaasaarratti akka argamaniif afeeruu danda’a ta’a. Namoota wajjin hojjetu, wajjin baratu, ykn iddoo biraatti beeku keessaa kan fedhii qaban yoo jiraatan gaafadhu; karaa kanaan lallabuu jalqabuu danda’a. Waa’ee Yihowaafi kaayyoosaa warra kaanii wajjin yemmuu haasa’u, hubannaa qabaachuun, ulfinaafi gaarummaa argisiisuun barbaachisaa ta’uusaa akka hubatu godhi.—Qol. 4:6; 2 Xim. 2:24, 25.
3 Amantiisaanii Warra Kaaniif Akka Hiran Itti Himuu: Barattoonni Macaafa Qulqulluu wanta itti amanan warra kaanitti yeroo himan, Sagalee Waaqayyootti gargaaramanii ragaa quubsaa kennuu akka danda’aniif isaan leenjisuun barbaachisaadha. Yeroo qayyabattanitti qabxiiwwan tokko tokkorratti, baraticha akkas jedhii gaafadhu: “Dhugaa kana maatii keetiif yemmuu ibsitu Macaafa Qulqulluutti kan gargaaramtu akkamitti?” ykn “Kun dhugaa ta’uusaa hiriyaa kee tokkoof mirkaneessuuf caqasa Macaafa Qulqulluu isa kamiin fayyadamta?” Maal jedhee akka deebisu qalbeeffadhuutii, wanta dubbatuuf ragaa Macaafa Qulqulluu akkamitti dhiheessuu akka danda’u itti argisiisi. (2 Xim. 2:15) Akkas gochuudhaan, baratichi karaa alidilee ta’een akka lallabu, yeroo ga’eessa ta’uttimmoo, gumii wajjin qindoominaan akka lallabuuf isa qopheessu dandeessa.
4 Barattoonni Macaafa Qulqulluu mormii mo’uu akka danda’aniif dursanii leenjisuun gaariidha. (Mat. 10:36; Luq. 8:13; 2 Xim. 3:12) Namoonni tokko tokko waa’ee Dhugaa Baatota Yihowaa gaaffii ennaa kaasan ykn yemmuu yaada kennan, barattoonni carraa kanatti gargaaramanii lallabuu danda’u. Birooshuurri Dhugaa Baatonni Yihowaa—Eenyu? Maal Jedhanii Amanu? jedhu “deebii ga’u deebisuudhaaf yeroo hundumaa qophaa’oo” isaan gochuu danda’a. (1 Phe. 3:15) Kitaabni kun, barattoonni Macaafa Qulqulluu hiriyoonniifi miseensonni maatii isaaniin morman, amantiifi hojii Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e kana hubachuu akka danda’an gargaaruuf odeeffannoo sirrii ta’e akka argatan isaan gargaara.