LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 5/05 ful. 2-7
  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
  • Tajaajila Mootummaa—2005
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Torban Caamsaa 9 Jalqabu
  • Torban Caamsaa 16 Jalqabu
  • Torban Caamsaa 23 Jalqabu
  • Torban Caamsaa 30 Jalqabu
  • Torban Waxabajjii 6 Jalqabu
Tajaajila Mootummaa—2005
km 5/05 ful. 2-7

Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Torban Caamsaa 9 Jalqabu

Faarfannaa 97 (217)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaa keessaa filataman. (Naannoo keessaniif mijaa’aa yoo ta’e) Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 8⁠rra jiranitti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Bitootessaa 1fi Dammaqaa! Bitootessaa 2005 akkamitti akka raabsamu argisiisuuf hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Akkaataawwan dhiheenyaa bu’a qabeeyyii ta’an kan biraattis gargaaramuun ni danda’ama. Hojiin argisiisni inni tokko, babal’isichi bakka geejjiba haawaasaatti karaa alidilee ta’een ennaa barruulee raabsu kan argisiisu haata’u.

Daq. 15: Lapheesaanii Tuquuf Sagalee Waaqayyootti Gargaaramaa. Haasawaa Masaraa Eegumsaa Guraandhala 1, 2005, ful. 28-31⁠rratti hundaa’ee dhihaatu. Yesus Caqasawwaniin fayyadamee akkamitti Phexrosiin akka gargaare ibsi. Nuyis yaada ijoollee keenyaa, barattoota Macaafa Qulqulluu keenyaafi matuma keenyallee yeroo sirreessuun nu barbaachisutti, fakkeenya Yesus hordofuu kan dandeenyu akkamitti akka ta’e ibsi.

Daq. 20: “Sagantaa Maatii Hojiirra Ooluu Danda’u Baasaa.” Yaada seensaa daqiiqaa lama hin guunnee dubbatturratti, sagantaa waraqaarratti barreeffame qabaachuun faayidaansaa maal akka ta’e addeessiitii, sagantaa duwwaan ful. 6⁠rra jiru akkamitti akka guutamu ibsi. Itti aansiitii mata duree “Walga’iiwwan Gumiif—Sagantaa Maatii Qabaadhaa” jedhu gaaffiifi deebiidhaan dhiheessi. Dhaggeeffattoonni, sochiiwwan kan biraan walga’iiwwan gumiitiif gufuu akka hin taane gochuu kan danda’an akkamitti akka ta’e yaada akka kennan afeeri. Bifiwwan dabalataa Sagantaa Maatii torban itti aananitti dhihaatu.

Faarfannaa 47 (112) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Caamsaa 16 Jalqabu

Faarfannaa 89 (201)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Yeroo duula addaatti naannoowwan tajaajilaa utuu hin hojjetamin hafan yoo jiraatan dubbadhu.

Daq. 15: “Maatiidhaan Tajaajilarratti Hirmaachuuf—Sagantaa Maatii Qabaadhaa.” Yeroo hundumaa maatiidhaan ta’anii tajaajilarratti hirmaachuun, bu’aa akkamii akka qabu akka dubbataniif dhaggeeffattoota afeeri.

Daq. 20: “Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu—Kutaa 9.” Keeyyata 2⁠ffaa ennaa mari’attan, yaadawwan Tajaajila Mootummaa Muddee 2004⁠rra jiran tokko ykn lama ibsi. Hojiin argisiisni gabaabaani yeroo qayyabannaan Macaafa Qulqulluu geggeessamu argisiisu akka dhihaatu godhi. Birooshuura Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamu barumsa lammaffaa erga xumuranii booda, obboleessi qayyabanicha geggeessu akkas jechuudhaan gaafata: “Maqaan Waaqayyoo eenyu akka ta’e hiriyaa keetiif akkamitti ibsita?” Baratichi Faarfannaa 83:18 [NW]tti akkamitti akka gargaaramu erga ibsee booda, obboleessi qayyabanicha geggeessu barataasaa galateeffachuudhaan xumura.

Faarfannaa 43 (98) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Caamsaa 23 Jalqabu

Faarfannaa 57 (136)

Daq. 12: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaafi buusii gumichi godheef galateeffannaa waajjiricharraa dhufe dubbisi. (Naannoo keessaniif mijaa’aa yoo ta’e) Akkaataa dhiheenyaa ful. 8⁠rra jirutti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Bitootessa 15 akkamitti akka raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Akkaataawwan dhiheenyaa bu’a qabeessa ta’an kan biraattis gargaaramuun ni danda’ama.

Daq. 18: “Guyyaan Yihowaa Dhihaateera.” Kutaa kana ennaa qophooftu, kitaaba Raajii Daani’el Xiyyeeffannaadhaan Hordofi jedhu, ful. 59, key. 28 ilaali.

Daq. 15: “Qayyabannaa Maatii Gochuuf—Sagantaa Maatii Qabaadhaa.” Qayyabannaa maatiitiif sagantaa akkamii akka baasaniif yeroo hundumaa gochuuf carraaqqii akkamii gochuu akka isaan barbaachise akka dubbataniif, babal’istoota tokko ykn lama dursii qopheessi.

Faarfannaa 65 (152) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Caamsaa 30 Jalqabu

Faarfannaa 84 (190)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Caamsaa akka deebisan yaadachiisi. Barreeffama Waxabajjiitti raabsamu dubbadhu. Akkaataawwan dhiheenyaa miiltoo Tajaajila Mootummaa Amajjii 2005⁠rra jiraniin (naannoo keessaniif kan hojjetan yoo ta’e) fayyadamuudhaan, barreeffamoonni kun akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Akkaataawwan dhiheenyaa bu’a qabeeyyii ta’an kan biraattis fayyadamuun ni danda’ama.

Daq. 20: “Caqasa Guyyaa Guyyaa Qoruuf—Sagantaa Maatii Qabaadhaa.” Caqasa guyyaa guyyaa maatiidhaan ta’anii qoruunsaanii bu’aa maalii akka isaanii argamsiiseefi sagantaa dhuunfaa akkas gochuuf isaan gargaare akka dubbataniif dhaggeeffattoota afeeri.

Daq. 15: Muuxannoowwan tajaajilaa ji’a Bitootessa, Eblaafi Caamsaatti argatan akka dubbatan ykn hojiin argisiisaan akka dhihaatan godhi. Tibba ayyaana Yaadannootti, hirmaannaa tajaajilarratti godhan guddisuuf sirreeffama maalii akka godhaniifi eebbawwan akkamii akka argatan akka dubbataniif babal’istoota tokko ykn lama dursii qopheessi.

Faarfannaa 51 (127) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Waxabajjii 6 Jalqabu

Faarfannaa 66 (155)

Daq. 10: Beeksisa gumii.

Daq. 15: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.

Daq. 20: “Fedhii Maamila Barruu Keessanii Kakaasaa.” Yeroo keeyyata sadaffaa mari’attan, yaada kitaaba Ragaa Dhiheessuu, ful. 228-232⁠rratti akka xiyyeeffatan godhi. Barumsi kun, yeroo maamiltoota baruu keenya deebinee gaafannu hundaatti caqasa tokkorratti hundaa’uudhaan wanta Mootummaan Waaqayyoo gara fulduraatti gootu ibsuuf nu gargaaruu danda’a. Babal’isaan tokko maamila barruusaa wajjin maree caqasa tokkorratti hundaa’e utuu godhuu kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Babal’isichi abbaan manichaa caqasicha sirriitti akka hubatuufi jireenyasaa keessatti faayidaan inni qabu akka isaaf galutti yaada caqasichaa ibsa.

Faarfannaa 46 (107) fi kadhannaa xumuraa.

[Miiljalee]

Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi