LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 6/05 ful. 7
  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
  • Tajaajila Mootummaa—2005
Tajaajila Mootummaa—2005
km 6/05 ful. 7

Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii

Gaaffiiwwan kanaa gaditti jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Waxabajjii 27, 2005 jalqabutti kan irratti mar’iatamudha. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, barreeffamawwan, gaaffiiwwan irra deebii torban, Caamsaa 2 hanga Waxabajjii 27, 2005⁠rratti hundaa’uudhaan daqiiqaa 30f irra deebicha geggeessa. [Yaadachiisa: Gaaffiiwwan booda barreeffamni deebiin irratti argamu hin caqasamne taanaan, deebiiwwansaanii argachuuf dhuunfaatti qorannaa gochuu si barbaachisa.—Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa ful. 36-37 ilaali.]

AMALAWWAN HAASAWAA

1. Akka gaariitti barsiisuuf, wal bira qabuufi wal fakkeessuun mala gaarii kan ta’e maaliifi? (Uma. 22:17; Far. 1:3; Yaq. 3: 6) [be ful. 240 key. 2-4 fi yaada saanduqa keessatti argamu]

2. Fakkeenyawwan barumsa gaarii dabarsan eessaa argachuu dandeenya? Kana ilaalchisee of eeggannoo akkamii gochuu qabna? [be ful. 242 key. 1-2]

3. Fakkeenyawwan bu’a qabeeyyii ta’an yeroo filannu maal yaadachuu qabna? [be ful. 244 key. 1-2]

4. Wantoota ijaan argamaniin gargaaramnee barsiisuu kan qabnu maaliifi? Yihowaan kana kan godhe akkamitti? [be ful. 247 key. 1-2, saanduqa]

5. Tajaajilarratti wantoota ijaan argamaniin gargaaramnee barsiisuu kan dandeenyu akkamitti? [be ful. 248 key. 1 hanga ful. 249 key. 2]

HAASAWAA LAK. 1

6. Sagaleen Waaqayyoo ijoollee barsiisuu ilaalchisee qajeelfama akkamii qabateera? [w03 3/15 ful. 12 key. 2; ful. 14 key. 4]

7. Yeroo Daawit dargaggeessa turetti Yihowaan akka isaaf yaadu kan argisiise akkamitti? Daawitoo jaalala Yihowaadhaaf qabu kan argisiise akkamitti? [w03 4/15 ful. 29 key. 3; ful. 30 key. 3]

8. Yihowaan aarsaa Abeel dhiheessetti kan gammade maaliifi? Kun maal nuu mirkaneessa? (Uma. 4: 4) [w03 5/1 ful. 28 key. 4 hanga ful. 29 key. 1]

9. ‘Adabni Waaqayyoo’ inni nuyi diduu hin qabneefi Fakkeenya 3: 11⁠rratti ibsame maalidha? [w03 10/1 ful. 20 key. 2-4]

10. Akka Macaafa Qulqulluu bara 1899⁠tti, jechi 1 Ximotewos 6: 6-8⁠rratti ‘na ga’a’ jedhame maal jechuudha? [w03 6/1 ful. 9 key. 1-2; ful. 10 key. 1]

DUBBISA MACAAFA QULQULLUU

11. Jaalalli cimaan Yonaataaniifi Daawit gidduu ture yeroo ammaatti, jaalala eenyuufi eenyu gidduu jiru argisiisa? (2 Sam. 1: 26) [w89 1/1 Ful. 26 key. 13]

12. Yaalii jalqabaa Daawit saanduqa kakuu gara Yerusaalemitti fiduuf godheerraa maal barachuu dandeenya? (2 Sam. 6: 2-9)

13. Keessa Deebiin 24:16fi Hisiqi’el 18:20⁠rratti ilmi cubbuu abaatiin akka hin duune utuu ibsamee jiruu, cubbuu Daawitiifi Baat-Sheebaan hojetaniin ilmisaanii kan du’e maaliif? (2 Sam. 12:14; 22:31)

14. Wanti Ziibaan Mefii-Bosheetiin ilaalchisee dubbate soba ta’uusaa akkamitti beekna? (2 Sam. 16: 1-4)

15. Mefii-Bosheet, haala Ziibaan irraan geessiseef deebii inni kennee fakkeenya gaarii kan nuuf ta’u maaliifi? (2 Sam. 19: 24- 30)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi