LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 6/05 ful. 7
  • Beeksisa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Beeksisa
  • Tajaajila Mootummaa—2005
Tajaajila Mootummaa—2005
km 6/05 ful. 7

Beeksisa

◼ Barreeffamawwan raabsaman, Waxabajjii: Kitaaba Gammachuu Maatii; Adoolessaafi Hagayya: Birooshuroota; Fulbaana: Birooshura Dammaqinaan Eegaa! jedhamu.

◼ Kitaabni Saba Jaalala Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’e jedhamu mana kitaabaa Galma Mootummaa keessa kaa’amuu qaba. Odeeffannoon dabalataa Tajaajila Mootummaa Guraandhala 2003, ful. 5⁠rrattiifi Saanduqa Gaaffii, Tajaajila Mootummaa Ebla 1997⁠rratti argama.

◼ Barreessaan gumii, babali’istoonni cuuphamaniifi foormii Hojjetaa Ijaarsa Galma Mootummaa Fedhaan Hojjetu (S-82) jedhamu guutan haala isaan irratti argaman Deeskiin Ijaarsa Galma Mootummaa akka beeku gochuu qaba. Hojjetaan fedhaan hojjetu tokko, haalasaa ilaalchisee jijjiiramni jechuunis, bakka garabiraa yoo adeeme akkasumas tajaajilaa ykn jaarsa gumii ta’ee yoo muudame, yerooma sana foormii haaraa guutee erguu qaba. Akkasumas lakkoofsi saanduqa poostaa ykn bilbilasaa yoo jijjiirame ykn akka kanaan duraa amala gaariidhaan gumii keessatti deddeebi’uu yoo dhiise, jaarsoliin atattamaan xalayaadhaan waajjiratti beeksisuu qabu. Foormiin (S-82) guutamee xumurame kun faayila gumii keessa kaa’amee, yeroo ilaaltuun olaanaa gumiicha daawwatutti akka ilaaluu godhamuu qaba.

◼ Ajaja biiroon mootummaa dhaabbilee seera qabeeyyii ta’an to’atu kenneen, seera bulmaataa dhaabbata keenyaarratti jijjiiramni tokko tokko godhameera. Jijjiiramni kun akkaataa gurmaa’ina seera ti’ookraasii keenya kan hin tuqne yeroo ta’uyyuu, kanaan booda maqaan dhaabbattichaa Amariffaan, afaan Oromootiinis ta’e Ingiliffaan የይሖዋ ምሥክሮች ykn Yeyihowa Misikiroch kan jedhu ta’a.

Seera bulmaataa mootummaan raggaasise keessatti, kaayyoo dhaabbata keenyaa keessaa wantoonni tokko tokko akka armaan gadiitti caqasamaniiru. Dhaabbatichi: “Kaayyoowwan amantii Dhugaa Baatonii Yihowaa raawwatamaniifi kanaa gaditti ibsaman geggeessuuf kan hundaa’edha. Manaa gara manaafi iddoodhaa gara iddoo dhaqanii, waa’ee ‘wangeela Mootummaa Waaqayyoo’ isa Yesus Kiristosiin geggeeffamuu, waa’ee Maqaa Yihowaa, waa’ee, Sagaleesaafi waa’ee Olaantummaasaa lallabuu kan dabalatu yeroo ta’u, kaayyoo kana galmaan ga’uufis, afaaniin, barreeffamaafi seera kaayyoo amantii dhaabbatichaa babal’isuuf gargaaru kaminiyyuu fayyadamuudhaan dhugaa Macaafa Qulqulluu keessatti argamu babal’isuu dabalata. (Maatewos 24:14; 28:19, 20; Hojii Ergamootaa 20:20).”

Teessooniifi chaaphaa dhaabbatichaa mataa dura xalayaawwanii kana booda isiniif ergamurratti jijjiiramni ni godhama. Beeksisi kun erga ba’ee jalqabee, maqaa Yeyihowaa Misikirooch jedhu galmeewwan seera qabeessa ta’an kamirrattiyuu kan itti fayyadamnu ta’a. Kana booda, yeroo qarshii karaa mana baankii ergitanis ta’e yommuu xalayaa hadaraa ergitan maquma kanaan fayyadamuu qabdu. Kanaan alatti, lakkoofsa saanduqa poostaafi lakkoofsa herrega baankii keenyarratti jijjiramni godhame hin jiru. (Waldaalee dhaabbata keenya keessatti argamaniifi seera qabeessa ta’an ilaalchisee ibsa dabalataa argachuuf, Masaraa Eegumsaa Amajjii 15, 2001, ful. 28-31 ilaalaa.)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi