Akkaataawwan Dhiheenyaa Birooshuura Kaayyoon Jireenyaa Maal Inni? Akkamiinoo Argachuu Dandeessaa? Jedhamu Raabsuuf Gargaaran
Erga namicha nagaa gaafattee booda akkas jechuu dandeessa:
“Yeroo har’aa jireenyi namootaa rakkoowwaniifi abdii kutachuudhaan kan guutame ta’uunsaa ni beekama. Kan uumamne haala akkanaa keessa akka jiraannuuf sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Birooshuurri kun, fulduratti kaayyoon jalqaba Waaqayyo ilmaan namaatiifi lafaaf qabu kan raawwatamu ta’uusaa ibsa. [Fakkii fuula 20-21rra jiru ibsiif. Achiis keeyyata 9ffaa dubbisaatii yaada Isaayaas 14:24 fi Isaayaas 46:11rra jiru ibsi.] Yeroon deebi’ee dhufu, Waaqayyo lafa kana deebisee Jannata akka godhu yaada dubbatu Macaafa Qulqulluurraa sittan argisiisa.” Birooshuricha kenniifiitii deebitee isa gaafachuuf beellama qabadhu.
Yeroo deebitee dhaqxu akkas jechuu dandeessa:
“Yeroo darbe, namoonni bara baraaf lafarra akka jiraatan kaayyoo Waaqayyoo akka ta’e sitti himeen ture. [Ammas fakkii fuula 20-21rra jiru itti argisiisi.] Yesus, Phexrosiifi Daawit waa’ee Jannataa dubbachuusaanii hubadhu.” Birooshuurasaa akka fidatu godhi. Achiis fuula 21-22 baasiitii, keeyyata 10-13rratti mari’adhaa. Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akka jalqabu afeeri; ykn deebitee ennaa dhaqxu, matadureewwan xixinnoo fuula 29-30rratti argaman keessaa isa tokkorratti akka mari’attan godhi.
Babal’isaan dargaggeessi tokko akkas jechuu danda’a:
“Namoonni baay’een naannoo umurii kootii jiran, gara fulduraatti wanta isaan eegu hin beekan. Dhaloonni itti aanu jireenya fooyya’aa kan jiraatu sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Macaafni Qulqulluun ilmaan namaa hundumaaf yeroo gammachiisaan akka dhufu dubbata. [Fakkii fuula 31rra jiru ibsiifiitii ibsa fakkichaa dubbisiif. Achiis, 2 Phexros 3:13 dubbisiif.] Birooshuurri kun, eebbawwan Waaqayyo ilmaan namaatiif qopheesse ibsa. [Matadureewwan xixinnoo qubee fufurdaadhaan barreeffamaniifi fuula 29-30rra jiran addeessiitii birooshuricha kenniif.] Deebi’ee dhufee, abdii Waaqayyo waraana balleessuuf gale utuun sitti himee nan gammada.” Deebitee isa gaafachuuf beellama qabadhu.
Yeroo deebitee dhaqxu akkas jechuu dandeessa:
“Yeroo darbe, Waaqayyo lafa kana deebisee jannata gochuuf abdii kenne gabaabsee siif ibseen ture. [Ammas fakkii fuula 31rra jiru fayyadami.] Waaqayyo waraana balleessuuf abdii kennurratti yaada maalii akka qabdu beekuun barbaada.” Birooshurasaa akka fidatu godhiitii fuula 29rraa keeyyata 3-6 dubbisuudhaan irratti mari’adhaa. Yeroo itti aanutti keeyyata 7-8rratti akka mari’attan godhi.
Namni ga’eessi tokko mucaa xinnoo wajjin ennaa tajaajilu maqaa lamaansaanii erga beeksisee booda akkas jechuu danda’a:
“Fedhii kee yoo ta’e ________ fakkii tokko sitti argisiisuufi caqasa tokko Macaafa Qulqulluurraa sii dubbisuun barbaada. [Mucichi fakkicha itti argisiise ibsa fakkii fuula 31rra jiru erga dubbisee booda, Mul’ata 21:4 ni dubbisaaf.] Birooshuurri kun, Waaqayyo rakkoowwan yeroo har’aa nu mudatan ilaalchisee maal akka godhu ibsa. [Matadureewwan xixinnoo qubee fufurdaadhaan barreeffamaniifi fuula 29-30rra jiranirratti ibsa gabaabaa kenniitii birooshuricha kenniif.] Gaafa deebinee dhufnu, yeroo dhibeen fayyaa hundinuu itti hin jiraanne ilaalchisee waan Macaafni Qulqulluun dubbatu sitti argisiisuun barbaada.”
Yeroo deebi’anii gaafatan ga’eessichi akkana jechuu danda’a:
“Maree keenya isa yeroo darbeerratti, dhibeen fayyaa hundinuu balleeffamuusaa ilaalchisee waan Macaafni Qulqulluun dubbatu sittan argisiisa jedheen ture. Asirratti maal akka jedhu hubadhu.” Birooshuurasaa akka fidatu godhiitii, fuula 29rraa keeyyata 9-14rratti mari’adhaa. Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akka jalqabu afeeri; ykn yeroo itti aanutti keeyyata 15-17rratti akka mari’attaniif qophii godhi.