LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 6/05 ful. 2
  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
  • Tajaajila Mootummaa—2005
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Torban Waxabajjii 13 Jalqabu
  • Torban Waxabajjii 20 Jalqabu
  • Torban Waxabajjii 27 Jalqabu
  • Torban Adoolessa 4 Jalqabu
Tajaajila Mootummaa—2005
km 6/05 ful. 2

Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Torban Waxabajjii 13 Jalqabu

Faarfannaa 79 (177)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaarraa filataman. (Naannoo keessaniif mijaa’aa yoo ta’e) akkaataawwan dhiheenyaa ful. 8⁠rra jiran gargaaramuudhaan Masaraan Eegumsaa Ebla 1fi Dammaqaan! Ebla 2005 akkamitti akka raabsamu argisiisuuf hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Akkaataawwan dhiheenyaa bu’a qabeessa ta’an kan biraas fayyadamuun ni danda’ama. Hojiin argisiisni inni tokko, karaa alidilee ta’een barruun ennaa raabsamu kan argisiisu haa ta’u.

Daq. 15: Warri Kaan Babal’istoota Hin Cuuphamne Akka Ta’an Gargaaraa. Jaarsi gumii tokko kitaaba Saba Fedhii Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’e jedhamu ful. 79-81⁠rratti hundaa’ee, haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun dhiheessa. Barataan Macaafa Qulqulluu tokko gumii wajjin tajaajiluuf ulaagaalee Macaafa Qulqulluu guutuufi dhiisuusaa ilaaluuf qophii godhamerratti mari’adhaa. Torban dhufutti, barataa Macaafa Qulqulluu babal’isaa hin cuuphamne ta’e tokko tajaajila manaa gara manaarratti hirmaachuu akka jalqabu akkamitti leenjisuu akka dandeenyu mari’anna.

Daq. 20: “Lallabuun Jabaannee Akka Dhaabannuuf Nu Gargaara.” Yoo yeroo qabaattan, dhaggeeffattoonni caqasawwan yaadnisaanii hin ibsamnerratti yaada akka kennan afeeri.

Faarfannaa 47 (112) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Waxabajjii 20 Jalqabu

Faarfannaa 7 (19)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Tajaajila Mootummaa Adoolessa 2003 ful. 4⁠rraa yaadawwan ijoo ta’an irra deebi’aa. Babal’istoonni barreeffamoota afaan biyya alaatiin qophaa’an akkamitti argachuu akka danda’an ibsi. Yaadni kun naannoo gumichaatiif akkamitti akka hojjetu dubbadhu. Kan barbaannu waan tokko qofaa utuu ta’eellee, barreeffamoota afaan biyya alaatiin qophaa’an kamiyyuu gaafachuu kan qabnu karaa barreessaa gumiitiin yommuu ta’u, kunis barreeffamoonni barbaachisan kun utuu hin turin akka nu ga’an godha.

Daq. 15: Sagaleen Waaqayyoo Humna Hojjetu Of Keessaa Qaba. (Ibr. 4:12) Haasawaa, Masaraa Eegumsaa Sadaasa 15, 2003, ful. 11, key. 13-17⁠rrattti hundaa’ee dhihaatu. Muuxannoowwan, qajeelfamni Macaafa Qulqulluu jireenya namootaa jijjiiruu akka danda’u argisiisan dubbadhu. (w00 1/1 ful. 3-5) Hundisaanii bifa tajaajilaa kamirrattiyyuu ennaa hirmaatan Macaafa Qulqulluutti ba’eessa godhanii akka itti fayyadaman jajjabeessi.

Daq. 20: “Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu—Kutaa 10.” Hojiin argisiisni dursanii ennaa shaakalan argisiisu akka dhihaatu godhi. Yommuu baratichi dubbatu, barsiisaansaa inni akka nama haaraatti dhihaatu, akkuma namoonni naannoo sanaa mormanitti isaan morma; achii baratichi deebii kennuu ennaa dadhabu maal jedhee akka deebisu ibsaaf. Kana malees, obboloonni yeroo jalqabaa manaa gara manaa ennaa tajaajilan leenjii argatan lama ykn tokko yaada akka kennan dursii qopheessi.

Faarfannaa 87 (195) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Waxabajjii 27 Jalqabu

Faarfannaa 48 (113)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Waxabajjii akka deebisan yaadachiisi. Gabaasa herregaafi buusii gumichi godheef galateeffannaa waajjiricharraa dhufe dubbisi. (Naannoo keessaniif mijaa’aa yoo ta’e) Akkaataa dhiheenyaa ful. 8⁠rra jirutti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Ebla 15 akkamitti akka raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Akkaataawwan dhiheenyaa bu’a qabeessa ta’an kan biraattis gargaaramuun ni danda’ama. Hojiin argisiisicha booda yaada seensaa fedhii namichaa kakaasuuf dubbatame irra deebi’i.

Daq. 15: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.

Daq. 20: Adoolessaafi Hagayyatti Birooshuuroota Raabsaa. Miiltoo Tajaajila Mootummaa kanaarratti hundaa’ee haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Saanduqa ful. 3⁠rra jiruufi yaadawwan ijoo Tajaajila Mootummaa Amajjii 2005 ful. 6⁠rra jiru ibsuudhaan miiltoo kanatti akkamitti fayyadamuu akka dandeenyu ibsi. Namoota yeruma jalqaba dubbisnu birooshuuroota isaaniif raabsuuf yaadawwan seensaa naannoo sanaaf mijaa’aa ta’anirratti mari’adhaa. Akkaataawwan dhiheenyaa lama ykn sadii hojiin argisiisaan haa dhihaatan. Hojiin argisiisa sadan keessaa yoo xinnaate tokkorratti babal’isaan dargaggeessi tokko akka hirmaatu godhi.

Faarfannaa 91 (207) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Adoolessa 4 Jalqabu

Faarfannaa 32 (70)

Daq. 10: Beeksisa gumii.

Daq. 15: Sagantaa Maatiidhaaf Ba’erraa Faayidaa Argachaa Jirtaa? Yaada Tajaajila Mootummaa Caamsaa 2005⁠rra jiru irra deebi’iitii, dhaggeeffattoonni yaadawwan kana hojiirra oolchuuf carraaqqii godhaniifi faayidaa argatan ilaalchisee yaada akka kennan afeeri.

Daq. 20: “Bakka Namoonni Baay’inaan Argamanitti Karaa Bu’a Qabeessa Ta’een Lallabuu.” Akka naannoo sanaaf hojiirra ooluu danda’utti dhiheessi. Babal’istoonni yeroo barbaachisutti foormii Hordofaa Gargaaraa (S-43) jedhamutti akka fayyadaman yaadachiisi.—Tajaajila Mootummaa Guraandhala 2005 ful. 6 ilaali.

Faarfannaa 43 (98) fi kadhannaa xumuraa.

[Miiljalee]

Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi