Beeksisa
◼ Barreeffamawwan raabsaman Fulbaana: Dammaqinaan Eegaa!; Onkoloolessa: Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa!; Sadaasa: Kitaaba Beekumsaa; Muddee: Nama Namoota Hanga Har’aatti Jiraatan Hunda Caalu.
◼ Jiini Onkoloolessaa Sanbadduraafi Dilbata shan waan qabuuf qajeelchaa gargaaraa ta’uuf mijaa’aadha.
◼ Waggaa tajaajilaa 2006tti, yeroo ilaaltuun olaanaa aanaa gumicha daawwatutti obboloonni gargaaraa qajeelchaa ta’aanii tajaajilan, walga’ii kutaa jalqabaa qajeelchitoota yeroo hundaa wajjin godhurratti akka argaman isaaniif heyamameera. Kan haallisaanii heyyamuuf hundi qophii addaa kanarraa akka fayyadaman jajjabeessina.
◼ Yaanni fuula 7ffaa Tajaajila Mootummaa kanaarra jiru sagantaa walga’ii aanaa 2005/6 godhamuu wajjin haala wal qabateen waan itti fayyadamnuuf iddoo gaarii kaa’adhaa.
◼ Waajjirri damee barreeffamawwan babal’istoonni dhuunfaatti ajajan hin keessumsiisu. Ajajni barreeffamaa ji’a ji’aan ergamuusaa dura, warri barreeffamawwan dhuunfaatti ajajaman argachuu barbaadan hundi, tajaajilaa barreeffamaatti beeksisuu akka danda’anitti sassaabaan ilaaltuu olaanaa ji’a ji’aan beeksisni akka himamu gochuu qaba. Barreeffamoonni ajaja addaatiin argaman kamfaa akka ta’an hin irraanfatinaa.
◼ Jaarsoliin namoota gumii keessaa baafamanii ykn of qoodanii turaniifi amma deebi’uu barbaadan ilaalchisee, qajeelfamawwan Masaraa Eegumsaa Ebla 15, 1991, ful. 21-23rratti argaman akka itti hojjetan ni yaadachiisna.