BAKKA DHIHOO KAA’AA
Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu
Miiltoon kun matadureewwan qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu guddina argisiisan geggeessuu ilaalchisee, yaadawwan ijoo Tajaajila Mootummaarratti walitti aananii ba’an kan qabatedha. Hundi keessan miiltoo kana bakka dhihoo akka keessaniifi qayyabannaa Macaafa Qulqulluu wayita geggeessitan akka itti fayyadamtan isin jajjabeessina. Kana malees, yaadawwan ijoo miiltoo kanarra jiran walga’ii tajaajila dirreerrattis itti gargaaramuu dandeessu; ilaaltonni olaanaa tajaajilaas, haasawaa yeroo qayyabannaawwan kitaabaa daawwatanitti kennaniif bu’ura godhachuu danda’u.
Kutaa 1: Qayyabannaan Macaafa Qulqulluu Maalidha?
Macaafa Qulqulluu ykn isaa wajjin barreeffamootatti gargaaramuudhaan marii utuu walirraa hin citin itti yaadamee godhamu yoo qabaatte, gabaabaa ta’uyyuu qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessaa jirta. Erga qophiin godhamee booda, qayyabannichi al lama yoo geggeeffameefi kan itti fufu ta’uunsaa yoo beekame, qayyabannaan sun ni gabaafama.—km 7/04 ful. 1.
Barreeffamoota Qayyabannaadhaaf Qophaa’an
◼ Waaqayyo Nurraa Maal Barbaada?
◼ Beekumsa Jireenya Bara Baraatti Geessu
◼ Waaqa Dhugaa Isa Tokkicha Waaqeffadhu
◼ Jaallee Waaqayyoo Ta’uu Ni Dandeessa! kan jedhamus namoota barumsa ykn dandeettii dubbisuu ga’aa hin qabne ittiin qayyabsiisuun ni danda’ama.
Kutaa 2: Qayyabannaa Geggeessuuf Qophaa’uu
Barumsicha karaa laphee barattootaa xuquun dhiheessuu nu barbaachisa. Kunimmoo, baraticha sammuutti qabachuudhaan qophaa’uu gaafata.—km 8/04 ful. 1.
Akkaataa Itti Qophoofnu
◼ Matadureewwan, matadureewwan xixiqqoofi fakkiiwwan boqonnicha keessa jiran ilaali.
◼ Deebiiwwan gaaffichaa adda baafadhuutii jechoota ykn gaaleewwan ijoo ta’an jala muri.
◼ Yeroo qayyabattanitti caqasawwan kam akka dubbistan murteessi. Xiyyoo fuulichaarratti yaadannoo gabaabaa qabadhu.
◼ Yaadawwan ijoo gabaabumatti irra deebitan qopheessi.
Barumsicha Akka Baratichaaf Ta’utti Dhiheessi
◼ Waa’ee baratichaa, akkasumas wantoota isa barbaachisaniif kadhadhu.
◼ Yaadawwan baratichi hubachuun ykn fudhachuun isatti ulfaatu kamfaa akka ta’an dursii yaadi.
◼ Karaa hafuuraa guddachuuf wanti hubachuufi irratti hojjechuu qabu maalidha? Anoo garaasaa tuquu kanan danda’u akkamitti? jedhii of gaafadhu.
◼ Yoo barbaachise, baratichi barumsicha ykn caqasicha akka hubatuuf fakkeenya, ibsa, ykn gaaffiiwwan walitti aananitti fayyadami.
Kutaa 3: Caqasawwaniin Karaa Bu’a Qabeessa Ta’een Gargaaramuu
Yeroo qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessinu kaayyoon keenya, namoonni barumsawwan sagalee Waaqayyoo akka hubatan, akka fudhataniifi hojiirra akka oolchan gargaaruudhaan ‘bartoota gochuudha.’ (Mat. 28:19, 20; 1 Tas. 2:13) Kanaafuu, qayyabannichi Macaafa Qulqulluurratti kan xiyyeeffate ta’uu qaba.—km 11/04 ful. 4.
Sagalee Waaqayyoorraa Barsiisi
◼ Baratichi Macaafa Qulqulluusaarraa akkamitti caqasa baasu akka danda’u itti argisiisi.
◼ Caqasawwan Macaafa Qulqulluu amantii keenyaaf bu’uura ta’an dubbisuudhaan irratti mari’adhaa.
◼ Gaaffiiwwaniin gargaarami. Caqasawwan Macaafa Qulqulluu baratichaaf ibsuu mannaa, akka inni siif ibsu godhi.
◼ Salphaatti akka isaaf galu godhi. Caqasa tokko karaa hundumaan ibsuuf hin yaalin. Wanta yaadicha ifa godhu qofatti gargaarami.
◼ Waan barate hojiirra akka oolchu godhi. Baratichi caqasawwan Macaafa Qulqulluu dhuunfaasaatti akkamitti hojiirra akka oolchu akka hubatu gargaari.
Kutaa 4: Barattoonni Akkamitti Akka Qophaa’an Leenjisuu
Barataan tokko barumsicha dursee kan dubbisu, deebiisaa jala kan sararuufi jecha mataasaatiin deebisuuf kan yaalu yoo ta’e karaa hafuuraa yeroo gabaabaa gidduutti guddina argisiisa. Kanaaf, qayyabannaa itti fufu yoo argattan akkamitti akka qophaa’u itti argisiisuuf barumsa isa jalqabaa wajjin qophaa’aa. Harka caalaa barattootaatiif, boqonnaa ykn mataduree tokko guutuu walii wajjin qophaa’uun bu’a qabeessadha.—km 12/04 ful. 1.
Jala Muruufi Yaadannoo Qabachuu
◼ Gaaffiiwwan dhihaataniif kallattiidhaan deebii argachuun akkamitti akka danda’amu ibsiif.
◼ Barreeffama qayyabannaa kee isa jechootaafi gaaleewwan ijoo ta’anirratti jala murte baratichatti argisiisi.
◼ Baratichi caqasawwan boqonnaafi lakkoofsisaanii qofti kaa’ame, yaada keeyyaticha keessa jiru deggaruuf kaa’amuusaanii akka hubatu godhi; xiyyoo barreeffamichaarratti yaadannoo akkamitti akka qabatus itti argisiisi.
Wanta Barattan Ilaalchisee Jalqabaafi Xumurarratti Yaada Gabaabaa Kenni
◼ Baratichi gadi fageenyaan qophaa’uusaa dura, boqonnicha ykn mataduree barumsichaa, matadureewwan xixiqqoofi fakkeenyawwan akkamitti akka qoratu itti argisiisi.
◼ Baratichi qophiisaa erga xumuree booda, yaadawwan ijoo barumsichaa akka irra deebi’u jajjabeessi.
Kutaa 5: Barumsi Hammamii Akka Qayyabatamu Murteessuu
Hammi barumsichaa dandeettiifi haala barsiisichaafi baratichaarratti kan hundaa’e ta’a.—km 1/05 ful. 1.
Amantii Jabaa Akka Qabaatan Godhaa
◼ Yeroo gabaabaa gidduutti wanta baay’ee barsiisuuf jecha, baratichi sagalee Waaqayyoo sirriitti utuu hin hubatin akka darbu gochuun hin barbaachisu.
◼ Baratichi waan baratu akka hubatuufi akka fudhatu gargaaruuf yeroo ga’aa kenniif.
◼ Caqasawwan barumsichaaf bu’uura ta’anirratti mari’achuuf yeroo ga’aa ramadi.
Yaadawwan Xiyyeeffannaa Keessan Harkisan Dhabamsiisaa
◼ Baratichi waa’ee dhimmawwan dhuunfaasaa bal’inaan haasa’uu yoo barbaade, qayyabannicha booda irratti mari’achuuf haala mijeessuun si barbaachisa ta’a.
◼ Yeroo qayyabannaatti waan baay’ee hin dubbatin. Beekumsa sirrii Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e akka hin hubanne gochuurraa fagaachuuf, qabxiiwwan barumsichaa wajjin walitti dhufeenya qaban kan biraas ta’e muuxannoowwan dubbattu murteessi.
Kutaa 6: Baratichi Yeroo Gaaffii Kaasu Maal Gochuu Qabna
Qayyabannaan Macaafa Qulqulluu takkaa sirriitti jalqabamnaan, barumsa tokkorraa kan biraatti darbuu mannaa, duraa duubaan barumsawwan Macaafa Qulqulluurratti mari’achuun gaariidha. Akkas gochuun keenya, baratichi beekumsa sirrii akka argatuufi karaa hafuuraa akka guddatu bu’uura gaarii ta’aaf.—km 2/05 ful. 6.
Gaaffii isa kam Yeruma Sana Deebisuu Akka Qabdu Hubadhu
◼ Yeroo baay’ee gaaffiiwwan barumsa qayyabatamuu wajjin walitti dhufeenya qaban yeruma sana deebifamuu danda’u.
◼ Gaaffiiwwan barumsichaa wajjin walitti dhufeenya hin qabne ykn qorannaa gochuu gaafatan, yeroo biraatti deebifamuu danda’u. Gaaffiiwwan akkasii kana yaadannootti qabachuun gaariidha.
◼ Baratichi barumsa tokko fudhachuun yoo isatti ulfaate, barreeffamoota waa’ee barumsa sanaa gadi fageenyaan ibsan ilaali.
◼ Baratichi ammas amanuu yoo dadhabe, yeroo biraa akka irratti mari’attan itti himiitii qayyabannicha itti fufaa.
Gad Of Deebisi
◼ Gaaffii gaafatameef deebiisaa yoo wallaale, ilaalcha mataa keetiin deebisuuf hin yaalin.
◼ Suuta suutaan baratichi akkamitti qorannaa akka godhu barsiisi.
Kutaa 7: Qayyabannaarratti Kadhannaa Dhiheessuu
Qayyabattoonni Macaafa Qulqulluu, karaa hafuuraa guddina akka argisiisan gargaarsi Yihowaa isaan barbaachisa. Kanaafuu, yeroo qayyabannaa jalqabnuufi xumurru kadhannaa dhiheessuun keenya barbaachisaadha.—km 3/05 ful. 4.
Akkatti Kadhannaan Beeksifamu
◼ Namni qayyabsiisnu waa’ee kadhannaa kan beeku yoo ta’e, guyyuma jalqabaatii kaasnee kadhannaadhaan jalqabuu dandeenya.
◼ Barattoota warra kaanii wajjin garuu yeroo kamitti kadhannaa akka jalqabnu irratti yaaduun barbaachisaadha.
◼ Faarfannaa 25:4, 5 fi 1 Yohannis 5:14tti fayyadamuudhaan kadhannaan maaliif akka dhihaatu ibsuu dandeessa.
◼ Kadhannaa keenya karaa Yesusiin gara Yihowaatti dhiheessuu akka qabnu ibsuuf Yohannis 15:16tti gargaaramuu dandeessa.
Wantoota Kadhannaa Keessatti Caqasuu Qabnu
◼ Maddi barumsichaa Yihowaa waan ta’eef isa galateeffachuun sirriidha.
◼ Baratichaaf garaadhaa akka yaaddu argisiisi.
◼ Jaarmiyaa Yihowaan itti gargaaramaa jiruuf galateeffannaa qabdu ibsi.
◼ Carraaqqii baratichi waan barate hojiirra oolchuuf godhu Yihowaan akka isaaf eebbisu kadhadhu.
Kutaa 8: Qayyabattoota Gara Jaarmiyaa Yihowaatti Qajeelchuu
Kaayyoon keenya, barataan Macaafa Qulqulluu tokko beekumsa bu’uuraa akka argatu qofa utuu hin ta’in, miseensa gumii Kiristiyaanaa akka ta’u gargaaruudha. Torban torbaniin ennaa qayyabattan waa’ee jaarmiyaa Yihowaa itti himuuf daqiiqaa muraasa ramadi.—km 4/05 ful. 6.
Walga’iiwwan Gumii
◼ Tokkoon tokkoon walga’iiwwan gumii ibsiif. Guyyaa qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabanii kaasee, walga’iiwwan gumiirratti akka argaman afeeri.
◼ Yaadawwan ijoo walga’iirratti dhihaatan itti himi.
◼ Ayyaana Yaadannootiif, walga’iiwwan gurguddaafi daawwannaa ilaaltuu olaanaa aanaatiif dinqisiifannaa qaban akka guddifatan gargaari.
◼ Wanta geggeeffamu akka hubataniif fakkiiwwan barreeffamoota keenyarra jiranitti gargaarami.
◼ Birooshuura Dhugaa Baatota Yihowaa Addunyaa Maratti Tokkummaadhaan Fedha Waaqayyoo Raawwatan jedhamu akka dubbisan jajjabeessi.
Dinqisiifannaansaanii Akka Dabalu Gochuuf Viidiyoowwanitti Gargaaramaa
◼ Dhugaa Baatota Yihowaa—Jaarmiyaa Maqaa Kana Duuba Jiru
◼ Waldaa Obboloota Addunyaa Maraa,
◼ Barumsa Waaqayyootiin Tokko Ta’uu
◼ Hanga Handaara Lafaatti
Kutaa 9: Barattoonni Macaafa Qulqulluu Karaa Alidilee Ta’een Akka Lallabaniif Leenjisuu
Barattoonni Macaafa Qulqulluu wanta baratanirratti amantii argisiisuu yoo jalqaban, dubbachuuf ni kaka’u.—km 5/05 ful. 1.
Akka Dhugaa Ba’an Jajjabeessaa
◼ Hiriyoonniifi miseensonni maatii qayyabannaasaarratti afeeruu danda’u jiruu?
◼ Namoota wajjin hojjetu, wajjin baratu, ykn bakka biraatti beeku keessaa fedhii kan qaban jiruu?
Amantaasaanii Warra Kaanitti Akka Himan Leenjisuu
◼ Yeroo qayyabattanitti qabxiiwwan tokko tokkorratti, baraticha akkas jedhii gaafadhu, “Dhugaa kana maatii keetiif yemmuu ibsitu Macaafa Qulqulluutti kan gargaaramtu akkamitti?”
◼ Waa’ee Waaqayyoofi kaayyoosaa warra kaanii wajjin yommuu haasa’u, ulfinaafi gaarummaa argisiisuun barbaachisaa ta’uusaa akka hubatu godhi.
◼ Barattoonni hiriyoonnisaaniifi maatiiwwansaanii waa’ee amantii keenya isa Macaafa Qulqulluurratti hundaa’eefi hojii keenya akka hubatan gargaaruuf birooshuura, Dhugaa Baatota Yihowaa Addunyaa Maratti Tokkummaadhaan Fedha Waaqayyoo Raawwatan jedhamutti gargaaramuu danda’u.
Kutaa 10: Barattoonni Macaafa Qulqulluu Manaa Gara Manaatti Akka Tajaajilan Leenjisuu
Jaarsoliin gumii barataan Macaafa Qulqulluu tokko babal’isaa hin cuuphamne ta’uuf ga’eessa ta’uusaa yoo mirkaneessan, gumii wajjin hojii lallabaarratti bobba’uu ni danda’a.—km 6/05 ful. 1.
Baratichaa Wajjin Qophaa’uu
◼ Babal’isaa haaraan kun akkaataawwan dhiheenyaa eessaa argachuu akka danda’u itti argisiisi.
◼ Akkaataa dhiheenyaa salphaafi naannoo sanaaf mijaa’aa ta’e akka filatu gargaari.
◼ Tajaajilarratti Macaafa Qulqulluutti akka gargaaramu jajjabeessi.
◼ Walii wajjin shaakalaa. Deebii namootaa baramaa ta’e akkamitti malaan akka deebisu itti himi.
Walii Wajjin Lallabuu
◼ Akkaataa dhiheenyaa waliin qophooftaniin gargaaramtee yeroo nama haasofsiiftu akka ilaalu godhi.
◼ Dandeettii fi amala baratichaa tilmaama keessa galchi. Yeroo tokko tokko, babal’isaa haaraan akkaataa dhiheenyaa keessaa waan xinnoo qofarratti hirmaachisuun gaariidha.
◼ Babal’isichi yeroo hundumaa tajaajilarratti hirmaachuuf sagantaa akka baafatu godhi.
Kutaa 11: Barattoonni Keenya Deddeebii Gaaffii Akka Godhan Gargaaruu
Deddeebii gaaffii gochuuf qophaa’uu kan qabnu guyyuma jalqabaattidha. Baratichi namoota haasofsiise sanaaf kan yaadu ta’uusaa akka argisiisu jajjabeessi. Baratichi, namoonni haasofsiise yaadasaanii akka ibsan akka afeeru, akka isaan dhaggeeffatuufi waan isaan yaaddessu akka hubatu suuta suutaan leenjisi.—km 7/05 ful. 1.
Deddeebii Gaaffii Gochuuf Qophaa’uu
◼ Yaadannoo yeroo jalqabaatiif namicha ennaa dubbistan qabattan irra deebi’aa; achiis baratichi mataduree isa kamirratti namicha akka haasofsiisu akkamitti akka filatu itti argisiisi.
◼ Akkaataa dhiheenyaa caqasa tokkoofi barreeffama qayyabannaadhaaf qophaa’erraa keeyyata tokko dabalaturratti qophaa’aa.
◼ Gaaffii xumura maree keessaniirratti kaastan qopheessaa.
Deebitanii Gaafachuutti Cimaa
◼ Baratichi namoota fedhii argisiisan hundumaa utuu hin turin deebi’ee akka gaafatu jajjabeessi.
◼ Namoota argachuun rakkisaa ta’e argachuuf carraaqqii gochuun barbaachisaa ta’uusaa akka hubatu gargaari.
◼ Baratichi akkamitti beellama qabachuu akka danda’u barsiisi; yeroo beellamanitti deebi’anii gaafachuun barbaachisaa ta’uusaa akka hubatu godhi.
Kutaa 12: Barattoonni Macaafa Qulqulluu Qayyabatan Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuufi Geggeessuu Akka Danda’an Gargaaruu
Tajaajila keerratti fakkeenya gaarii ta’uudhaan Yesusiin hordofuunkee barbaachisaadha. Barataankee fakkeenya ta’uufiidhaan tajaajilakee akkasitti yeroo raawwattu ilaaluunsaa, kaayyoon deddeebi’anii gaafachuu qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf ta’uusaa hubata.—km 8/05 ful. 1.
Macaafa Qulqulluu Akka Qayyabatan Afeeruu
◼ Walumaa galatti, baratichaaf akkaataa qayyabannichaa bal’inaan ibsuun barbaachisaa miti.
◼ Barreeffamoota qayyabannaadhaaf qophaa’anirraa keeyyata tokko ykn lama hojiin argisiisaan baratichaaf ibsuun caalaatti gaariidha.
◼ Yaadawwan qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf gargaaran keessaa tokko shaakalaa.—km 8/05 ful. 8; km 1/02 ful. 6.
Barattoonni Barsiisota Akka Ta’an Leenjisuu
◼ Barattoonni kee Leenjii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirratti akka hirmaatan jajjabeessi.
◼ Babal’istoonni haaraan hojii barsiisuurratti hirmaannaa murtaa’e gochuu akka danda’aniif, qayyabannaa kan biraa yeroo geggeessitu sii wajjin akka hirmaatan godhi.