-
Rakkina Obsuun Nama KiisaTajaajila Mootummaa—2004 | Hagayya
-
-
Rakkina Obsuun Nama Kiisa
1 “Rakkina obsuu keessaniin jireenya keessan isa dhugaa in argattu.” (Luq. 21:19) Raajii Yesus ‘dhuma barichaa’ ilaalchisee dubbate keessaa kan ta’an jechoonni kun, jabaannee dhaabachuudhaan qorumsa nurra ga’u mo’achuuf qophaa’oo ta’uu akka qabnu kan ibsanidha. Haata’u malee, hundi keenya jabina Yihowaan nuuf kennuun ‘hamma dhumaatti jabaachuufi’ ‘fayyuu’ dandeenya.—Mat. 24:3, 13; Filp. 4:13.
2 Ari’atamni, dhukkubni, rakkinni dinagdeefi dhiphinni guyyaan hundi rakkisaa akka ta’u gochuu danda’u. Haata’u malee, Seexanni amanamummaa Yihowaadhaaf qabnu akka dhabnu gochuuf akka yaalaa jiru matumaa irraanfachuu hin qabnu. Guyyaa Abbaa keenyaaf amanamoo taanee itti dabarsinu hundaatti, isa Yihowaa arrabsuuf deebii kennurratti qooda fudhanna. Yeroo rakkinni nurra ga’u, “imimmaan” buusnu kan hin irraanfatamne ta’uusaa beekuun keenya nungammachiisuu? Imimmaan keenya Yihowaa biratti bakka guddaa qaba; jabaannee dhaabachuun keenyas isa gammachiisa.—Far. 56:8; Fak. 27:11.
3 Amalawwan Rakkinaan Qoraman: Rakkinni, dadhabbii amantii ykn amalawwan akka of tuuluufi obsa dhabuu ifatti baasuu danda’a. Karaa Macaafni Qulqulluun hin deeggarreen qorumsa hambisuuf ykn jalaa ba’uuf yaaluu mannaa, gorsa Sagalee Waaqayyoo isa “obsaan danda’uun kun hojii isaa fiixaan haa baasu!” jedhu fudhachuu qabna. Maaliifi? Rakkoowwan amanamummaadhaan obsuun keenya, “warra fiixaan ba’an, warra mudaa, hir’inas hin qabne” akka taanu waan nu gargaaruufi. (Yaq. 1:2-4) Rakkina obsuun, amalawwan barbaachisoo kan akka, sababii qabeeyyii ta’uu, rakkina namaa akka kan ofiitti ilaaluufi amala namaaf dhiisuu horachuuf nu gargaaruu danda’a.—Rom. 12:15.
4 Amantii Rakkinaan Qorame: Rakkina yeroo obsinu, amantiin qoramee qulqullaa’e Waaqayyoo duratti gatii guddaa akka qabu beekna. (1 Phe. 1:6, 7) Amantiin akkasii, rakkina gara fuula duraatti nu mudatu dura akka ciminaan dhaabannuuf nu qopheessa. Hunda caalaammoo, Waaqayyo biratti fudhatama akka argannuufi abdiin keenya caalaatti dhugaa ta’ee akka nutti mul’atu godha.—Rom. 5:3-5.
5 Obsaan danda’uun bu’aa guddaa akkamii akka qabu Yaaqoob 1:12 akkas jechuudhaan ibsa: “Namni qoramsa isatti dhufu obsaan danda’e, haa gammadu! Qoramee erga ilaalamee booddee, jireenya . . . argachuuf jira.” Kanaafuu, “warra isa jaallatan” baay’isee akka kiisu amanuudhaan namoota isaaf bulan taanee jabaannee haa dhaabannu.
-
-
Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan GeggeessuuTajaajila Mootummaa—2004 | Hagayya
-
-
Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu
Kutaa 2: Qayyabannaa Geggeessuuf Qophaa’uu
1 Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu bu’a qabeessa ta’e geggeessuu jechuun, barumsicharratti mari’achuufi caqasawwan achirra jiran baasanii dubbisuu qofa miti. Barumsicha karaa laphee barattootaa xuquun dhiheessuu nu barbaachisa. Kunimmoo, baraticha sammuutti qabachuudhaan qophaa’uu gaafata.—Fak. 15:28.
2 Akkaataa Itti Qophoofnu: Waa’ee barataa keetiifi waan isa barbaachisu Yihowaa kadhachuudhaan jalqabi. Yihowaan laphee barataa kee xuquuf akka si gargaaruuf gaafadhu. (Qol. 1:9, 10) Qabiyyee barumsichaa sirriitti hubachuuf, mata duree barumsichaa, mata dureewwan xixiqqoofi wantoota ilaalaman sirriitti hubadhu. ‘Kaayyoon barumsichaa maalidha?’ jedhiitii of gaafadhu. Kun qayyabannaa ennaa geggeessitu qabxiiwwan ijoo ta’anirratti xiyyeeffachuuf si gargaara.
3 Barumsicha keeyyata keeyyataan eeggannoodhaan irra deebi’i. Jechootaafi gaaleewwan bu’uura ta’an jala muruudhaan, deebii gaaffiiwwan dhihaataniif ta’u addaan baasi. Caqasiwwan yaadnisaanii hin kaa’amne, yaada ijoo keeyyatichaa wajjin akkamitti akka wal siman ilaaliitii, yommuu qayyabattanitti dubbifamuu kan qaban filadhu. Caqasicha ilaalchisee miljalee barreeffamichaarratti yaadannoo gabaabaa qabachuun kan si gargaaru danda’a. Qayyabatichi kan qayyabachaa jiru Sagalee Waaqayyoorraa ta’uusaa sirriitti hubachuu qaba.—1 Tas. 2:13.
4 Barumsicha Akka Baratichaaf Ta’utti Dhiheessi: Itti aanee, barumsicha baratichuma sanaaf akka dhihaateetti ilaali. Gaaffiiwwan inni kaasuufi qabxiiwwan hubachuufi fudhachuuf isa rakkisan dursiitii yaadi. Akkas jedhiitii of gaafadhu: ‘Barumsicha hubachuuf ykn guddina argisiisuuf maal gochuutu isa barbaachisa? Lapheesaa xuquu kanan danda’u akkamitti?’ Achiis akkuma barbaachisummaasaatti akkaataa itti barsiistu jijijjiiri. Yeroo tokko tokko, yaada ykn caqasa murtaa’e ibsuuf, fakkeenya, ibsa dabalataa ykn gaaffiiwwan walitti aananiin gargaaramuu barbaadda ta’a. (Nah. 8:8) Ta’uyyuu, yaadawwan dabalataa barumsicha hin deeggarre kennurraa of qusadhu. Dhuma qayyabannaarratti gabaabumatti barumsicha irra deebi’uun yaadawwan ijoo qabachuuf isa gargaara.
5 Namoonni haaraan ‘galata Yihowaatiif ija qajeelinaa’ ennaa horatan gammachuu guddaa argannaa. (Filp. 1:11) Galma kanarra akka ga’an isaan gargaaruuf yeroo qayyabannaa geggeessuuf deemtu hundaa akka gaariitti qophaa’i.
-